“Oromiyaan suuraaf baay’ee mijattuu taatullee agarsiisa suuraan duubatti hafneerra”
Agarsiisni suuraa yeroo jalqabaaf haala teessuma lafaafi qabeenya tuurizimii akkasumas aadaa naannoon Oromiyaa qabdu irratti xiyyeefate giddugala aadaa Oromootti agarsiifameera. Agarsiisni ogeessa suuraafi daayreektara viidiyoo sirbaa Amansiisaa Ifaatiin qophaa’ee kun, hanga jala bultii ayyaana Irreechaa 2017tti agarsiifamee ture. “Oromiyaan suuraaf baay’ee mijattuu taatullee agarsiisa suuraan duubatti hafneerra.” jechuun ogeessi suuraa kun BBCtti himeera. Filannoo isaatin suuraawwan agarsiisaaf dhiyaatan keessaa kanneen isinii dhiheessineerra.

Madda suuraa, AMENSISA IFA
Shamarreen Booranaa dhadhaafi faaya adda addaa fayyadamuun of miidhagsu. Suuraan kun Godina Booranaa, Areerootti ka'e.
Madda suuraa, AMENSISA IFA
Hawaasni naannawa Finfinnee jiraatu, har'as jireenyisaanii qonnarratti kan hundaa'edha. Dargaggeessi naannawa Finfinnee kun, qamadii haamuun bissii bissiin hidhaa jira.
Madda suuraa, AMENSISA IFA
Birraan yogguu bari'u Oromoon hundi bakka jiranirraa walitti qabamuun, Waaqasaanii galateeffatu. Haawwan akkasitti faayamanii bareedan kunniin Godina Arsii irraa kabaja ayyaana Irreechaa bara 2009’if gara Hora Harsadiitti gareen dhufan.
Madda suuraa, AMENSISA IFA
Suuraan kun haala jiruufi jireenya baadiyyaa agarsiisa. Godina Gujii Aanaa Liibanitti ka'e.
Madda suuraa, AMENSISA IFA
Hawaasa Booranaaf re'een iddoo guddoo qabdi. Yeroo bonaafi bishaan hinjirretti, re'een waanuma salphaan dandamachuu dandeessi. Suuraan kun godina Boorana Aanaa Yaaballootti ka’e. Re’ee fi boca mukaa re’ee yookin gadamsa fakkaatu.
Madda suuraa, AMENSISA IFA
Akkuma gosa Oromoo kaanii Karrayyuunis gadaa qaba - bokkuu jedhama. Sirni walharkaa fuudhuu Bokkuus, bara darbe keessa naannoo Fantaallee irraa gara iddoo jilaa, Tarree Luugootti godaanuun taasifameera.
Madda suuraa, AMENSISA IFA
Mootiin Abbaa Jifaar bara 1878 – 1932tti Jimmaafi naannawa ishee bulchaniiru. Masaraan isaanii kunis naannawa Magaalaa Jimmaa iddoo olka'aa Jireen jedhamutti argama.
Madda suuraa, AMENSISA IFA
Kooba rirmaa naannolee gammoojjawaa ta'an, kanneen akka Booranaatti arguun baratamaadha. Asittis re'ootni kooba rirmaa kanarratti olbahuun aara galfachaa jiru. Godina Gujii Aanaa Liiban.

Ardii Afrikaa keessatti haalaan guddaa fi ammayyaa kan ta'e agarsiisi artii magaalaa Keep Taawoonitti baname
Namoonni paaspoortii biyya Afriikaa qaban hundi magaalaa Keep Taawoon, godambaa Zeitzi Mookaa kafaltii malee galuun daawwachuu danda'u.