Irreechaa baranaa irratti humni waraanaa hin argamu

Ummataa fi poolisiin yoo wal dhiiban, ayyaana irreechaa bara 2017
Goodayyaa suuraa Bara kana nageenya ayyaana Irreechaa kan to'atu Foollee dha

Bifa kanaan dura hin baramneen, ayyaana Irreechaa bara kana Onkoloolessa 1 bara 2017 kabajamu irratti qaamni mootummaa kamiyyuu qooda akka hin fudhanne himame jira.

"Akka nama dhunfaatti dhufanii yoo irreeffatan namni isaan dhorku hin jiru," jechuun walitti qabaan Gumii Tokkummaa Abbootii Gadaa Oromiyaa Abbaa Gadaa Bayyanaa Sambatuu BBCtti himaniiru.

Ayyaana Irreechaa bara kanaa kan qindeessuu fi kan hoogganu Gumii Tokkummaa Abbootii Gadaa Oromiyaati.

Kunis "ayyaanni irreecha dirree siyaasaa ta'uun isaa hafee, dirree nagaa fi galataa, kan Oromoon marti ilaalcha siyaasaan osoo gargar hin qoodamiin, tokkuman itti waaqa galateeffatu akka ta'uufi," jedhu Abbaa Gadaa Bayyanaan.

"Alaabaan dhaaba siyaasaa kamiiyyuu Irreecha irratti hin qabatamu, bakka ayyaanichi itti kabajamuttis hin fannifamu," jedhaniiru.

Foolleen 300 ol gumii abbootii gadaatiin qindaa'an adda durummaan nageenya ayyaanichaa tiksu.

Poolisiin Oromiyaa ammoo nageenya daandiiwwan gurguddoo gara magaalaa Bishooftuu geessanii akka to'atu dubbi himaan Biiroo Dhimma Nageenyaa Oromiyaa obbo Mallasaa Tafarraa BBCtti himanii jiru.

"Qaamni Nageenyaa meeshaa waraanaa hidhate tokkoyyuu bakka kabaja ayyaanichaatti hin argamu" kan jedhan obbo Mallasaan, "poolisiin federaalaa fi raayyaan ittisa biyyaa gonkumaa nageenya ayyaanichaa kabachiisuu keessatti qooda hin qaban," jedhaniiru.


Ayyaanni kun cunqursaa aadaa fi amantaa saba Oromoo irra tureen ifatti akka hin kabajamne ugguramee ture.

Waggoota 16'n darbanii as dhiibbaan irra ture yeroo gara yerootti hir'ataa haa dhufu malee, kabaji ayyaana Irreechaa rakkoo malee xumurame hin jiru yookin muraasa.

Namootni miliyoona 4 ol irratti argamaniiru jedhamee kan tilmaamamee ayyaana Irreechaa bara 2016 qofa irratti lubbuun namoota hedduu darbee jira.

Kanneen hallayyaatti nam'anii dhumaniin alatti, rasaasaanis kan ajjeefaman jiraachuu, gabaasni dhaabbata mirga namoomaa 'Human Rights Watch' dhiyeenya baase himeera.

Walumaagalatti, namootni lubbuun isaanii darbe, akka mootummaan jedhutti 55, akka KFO'n jedhutti ammo 678 ta'uu gabaasichi ni eera.

Goodayyaa suuraa Hallayyaan nama fixe duuchamee biqiltuuwwan irra dhaabamanii jiru

Lakkoofsi namoota ayyaana bara darbee irratti du'anii daran akka guddatu dhiphinni lafaa fi hallayyaan iddoo kabaja ayyaanichaa ture shoora olaana qaba.

Bara kana hojiin lafa ayyaanichi itti kabajamu bal'isuufi karaan seensaa fi bahumsaa addatti hojjetamuu isaa Abbaa Gadaa Bayyanaa Sambatuu BBCtti himanii jiru.

Hallayyaan namootni hedduun bara darbe keessatti dhumanis duuchamee biqilltuuwwan irra dhaabamaniiru.

Dubbii 'Tasaa'

Siidaa yaadannoo namoota bara darbe du'aniif mootummaan naannoo Oromiyaa magaala Bishooftuu keessatti dhaabe irratti, barreeffamni 'Tasa' jedhu namoota hedduu mufachiise haqamuu isaa Abbaa Gadaa Bayyanaan ni himu.

Komii siidichi bakka sirriitti hin dhaabanne jedhuuf ammoo, "Abbootiin Gadaa hayyoota waliin mari'annee fuulduraaf waan ta'uu qabu murteessina," jedhan.

Gaafa jala bultii namoota ayyaana bara darbee irratti du'aniif sirni yaadannoo galma Abbaa Gadaa magaalaa Bishooftuu keessatti ni taasifamas jedhaniiru.

Gama kaaniin lammiileen Oromoo biyyoota addunyaa gara garaa keessa jiraatan, gaafa jala bultii duungoo ibsuun namoota bara darbe du'an yaadachuuf waamicha taasisaa jiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan