Chaartiiwwan jiruu Kooriyaa Kaabaa fi Kooriya Kibbaa ibsan

Kooriyaa Kaabaa fi Ameerikaan walitti dhaadachaa jiru. Uummanni Kooriyaa Kaabaa to'annoo cimaa oogganaa biyyattii Kim Joon-un jala jiran, jechoota asiifi achi darbatamaa jiran kana akkamitti fudhachaa jiru kan jedhullee hubachuuf nu rakkisa.

Biyyattiin tun adunyaarraa dhokattee kophaa ishee akka jirtutti ilaalama. Odeeffannoo argachuun baayyee rakkisaa waan ta'uuf, yeroo baay'ee tilmaamaan taasifama. Mee tilmaamoti kunniin wa'ee jiruuf jireenya biyyattii tanaa maal nutti himu?


Kim Il-sung bara 1948tti Kooriyaa Kaabaa hundeessan. Ergasii aangoo abbaarraa ilmatti dabarsuun biyyattii bulchan.

Baruma walfakkaatutti Kooriyaa Kibbaa keessatti wanta baayyeetu ta'e. Rippabliikoota jaha, warraaqsa tokko, fonqolchaa fi filannoo haqa qabeessa ta'e. Ida'amatti pireezidantoonni 12 biyyattii bulchaniiru.


Fayyadamni moobaayilaa miiliyoona sadi baay'ee fakkaachuu danda'a. Haa ta'u malee, biyya lammiilee miiliyoona 25 qabduuf- namoota kudhan keessaa nama tokkoo ol jechuudha. Kanneen keessaayis baay'een isaanii magaalaa guddittii Piyoongiyaang keessa jiraachuu malu.

Kibbatti ammoo, moobaayilonni lammiilee biyyattii miiliyoona 51 caalan jiru.

Kooriyaa Kaabaatti, Kooriyoolink dhaabbata neetwoorkii moobaayilaa isa duwwaadha.


Kun afoola hinjirre sitti fakkaachuu danda'a. Haata'u malee, qorannoon akka mul'isetti dhiirri Kooriyaa Kaabaa kanneen Kibba jiran waliin ennaa madaalaman gabaaboo dha.

Ogeessi kan qoratan Pirooffesar Daani'el Shiweekaandiik, Yunivarsiitii Sungikyunkiwaan irraayi. Ogeessi kunis baqattoota Kooriyaa Kaabaa gara Kibbaatti ce'an safaruun giddu-galeessaan seenti meetira 3 - 8 akka gabaabbatan bira gaheera.

Uummanni lamaan kunniin tokko waan ta'aniif, kun adda addummaa qaccee hin ta'u. Ka'umsi adda addummaa kanaa hiyyummaa fi hir'ina nyaataa akka tahuu malu, piroofesarichi ni himu.


Suuraaleen magaalaa guddoo Kooriyaa Kaabaa, Piyoongiyaangi agarsiisan baayyeen karaa bal'aa fi bareedaa, konkolaataan irra hindeemne agarsiisu. Magaalota biraatti garuu akkas miti.

Odeeffannoo bara 2006 tiin, Kooriyaan Kaabaa daandii km 25,554 dheeratu qabdi. Kana keessaa %3 (km 724) qofatu asfaaltii dha.

Lammiilee Kooriyaa Kaabaa 1,000 keessaa namoota 11 qofatu konkolaataa akka qaban tilmaamama.

Image copyright Getty Images

Kooriyaan Kaabaa kasala gara biyya alaa erguun dandamatti - odeeffannoon kunis kan argamu biyyoota kasala irraa bitan irraa waan ta'eef waan lafarra jiru agarsiisuu dhiisuu danda'a.

Kasala harka hedduu Chaayinaatti ergaa turtullee, Onkololeessa 2017 irraa eegaltee biyyatti galchuu dhaabde. Qoqqobbii kana xiinxaltoonni gariin gaaffii irratti kaasu.

''Erguma qoqqobbii kanaan boodallee, namoonni doonii duukaa bu'an, dooniiwwan Kooriyaa Kaabaa eennaa isaan shora galaanaa kasalaa Chaayinaatti arganiiru. Chaayinaan galchii kasalaa guutummaan guutuutti hindhaabne jedheen amana,'' jedhu Kent Boydistan, Institiyuutii Ikoonoomiksii Idil-addunyaa Pitrisaanitti ogeessa kan ta'an.


Hanga 1973tti Kooriyaan Kaabaa fi Kibbaa qabeenyaan walqixa turan.

Ergasii Kooriyaan Kibbaa haala ajaa'iba ta'een oomishtuu meeshaalee indastirii ta'uun addunyaa irratti beekamte.


Kooriyaan Kaabaa baayyina uummataatiin addunyaa rraa 52ffaa haa taatu malee, guddina raayyaa waraanaan addunyaatiin 4ffaa dha.

Guddina dinadgee biyyattii waliigalaa (GDP) biyyattii keessaa %25 baasii waraanaaf oolu yommuu ta'u, warri dhiiraa hunduu shaakallii waraanaa keessa akka darban irraa eegama.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan