Itoophiyaan gochaa koolugaltoota humnaan butanii biyyatti deebisuu haalte

Kaateenaa Image copyright Andrew Brookes

Mootummaan Itoophiyaa lammiilee biyyoota ollaatti koolugaltummaa gafatan humnaan butee gara biyyatti deebisuun himatameera.

Dhaabbanni mirga namoomaa -Humaan Raayits Wach akka jedhetti, koolugaltoonni Itoophiyaa hedduu biyyoota ollaa kan akka Keenyaatti qabamuun gara biyyaatti deebiifamuun akka dararaman beeksise.

Mootummaan Itoophiyaa garuu dhimmi kana haalee jira.

Gareewwan mirgaa namoomaaf falman garuu, mootummaan Itoophiyaa lammiilee biyya alaatti koolugaltummaa gaafatan faana dhahuun seera idil-addunyaa cabseera jechuun himatu.

Koolugalaan Itoophiyaa Keenyaa jiraatu tokko BBC'tti akka himeetti, namootni inni humnoota nageenyaa Itoophiyaa ittiin jedhe Waxabajjii bara darbe butanii humnaan gara biyyatti deebisuuf yaalii taasisanii turan.

Ilaalcha siyaasaa fi rogeeyyummaa mirga namoomaa isaatiif erga hidhaa fi dararaan irra gaheen booda waggaa saddeet dura biyyaa baqachuu dubbata. wayita Keenyaa keessa tureettis yaaliin butuu yeroo baayyee irratti taasifamu himeera.

''Yeroo basaastonni Itoophiyaa poolisii Keenyaa waliin na qabuuf dhufan, ani restoraantii tokko keessa hojii to'ataatin hojjechaan ture. Waan ta'aa tures hin barre ture. Maal hojjetaa akka jiranan gaafadheen. Yoo nama tokko qabdus abbichi maaliif akka qabamu baruu qaba. Sababii hannaafis ta'e yakkaa itti himu qabda.''

''Sababa rakkina siyaasaaf jecha biyyaa yoo baqannuu nageenya keenya mootummaa Keenyaatti dabarsine kennineerra. Isaanis seera godaantotaa waan mallaatteessaniif, nu tiksuu qabu malee dabarsanii nu kennuu hin qaban.''

Goodayyaa suuraa Miseensa paartii mormitoota kan ta'e lammii Ingilizii Andargaachaw Tsige

Dhaabbanni mirga namoomaas, mudannoo kanaan walfakkaata baayyee kan galmeesse ta'u dubbata. Kana keessaayis, baay'ee kan beekamu miseensi paartii mormituu Andaargaachaw Tsige bara 2014tti Yaman keessatti qabameera.

Andaargaachaw, namni lammii Ingilizi motummaa Itoophiyaatti dabarfamee kennamuun ammaa murtiin du'aa irratti murtaa'eera.

Ji'a darbees, lammiin Somaali tokko haala wal nama mormisiisun Moqaadishoo keessaa qabamee dabarfamee motummaa Itoophiyaayti kennameera. Kanaan alattis, miseensonni dhaabbile mormitootaa fi rogeeyyiin mirga namoomaa fi siyaasaa Sudaanii fi Sudaan Kibbaarra qabamanii humnaan mootummaa Itoophiyaatti kennamaa jiraachu saanii ragaan jira.

Mootummaan Itoophiyaa garuu komiiwwan kanneen haalee jira.

''Nuyi hojii nama kamiyyu gara Keenyaa geessuu yookiin Keenyaa irraa fuudhuu keessa hin jirru,'' jedha Keenyaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa, Diinaa Muuftii. ''Kun waan dharaati.''

Mootummaan Itoophiyaa rogeeyyii fi hoggantoota dhaabbilee mormitootaa biyya alaa jiran irratti xiyyeeffachu isaatiin irra deddeebiin himatama. Gareen mirgoota namoomaas, Motummaan Itoophiyaa koolugaltootaa fi godaantoota irratti xiyyeefachuun isaa, seera idil-addunyaa cabsuu saatii jedhu.