Sa'uudi Arabiyaatti dubartoonni maal gochuu dhorkaman

Dubartiin abayaa uffattee yammuu qarshii maashina baanikiitii baafachaa jirtu Image copyright Getty Images

Mootiin Sa'uudi Arabiyaa qajeelfama dubartoonni akka konkolaachisaniif eeyyamu baasuun, garaa garummaa biyya addunyaa irraa gochi kun itti dhorkame biyyattii taasisu kaasaniiru.

Garuu, yammuu geeddarumsi kun Waxabajjii dhufutti eegalamutti, biyyaattii keessatti ammalleen dhimmoonni baay'ee dubartootaaf hin eeyyamamiintu jiru.

Dubartoonni jireenya isaanii keessatti raawwachuuf kan dhiiroota gaafachu qaban waan hedduutu jira. Isaan keessaa muraasni kan armaan gadiiti:

  • Paaspoortii baafachuuf iyyachuu
  • Biyya alaa deemuu
  • Heerumuu
  • Akaawuntii baankii saaqqachuu
  • Daldala wayi eegaluu
  • Wal'aansa yaalii suuta ta'u argachuu
  • Mana hidhaatii bahuu

Qajeelfamoonni kunnenis sirna itti gaafatamummaa maatii Sa'uudi Arabiyaa irra ka'amaniiru. Erguma hundeeffama isaatii kaasuunis, biyyattiin gama hiikaa seera Islaamaa cimaa; Wahhabismiitti cinlaaffatti.

Erga bara 1979tti arbeessittoonni ka'anii booda, seeronni kunneen ciminaan hojiirra oolfaman.

Akka galmee garaa garummaa saalaa Foramii Dinagdee Addunyaatti, haalli kunis Jiddu gala Bahaatti, Yamanii fi biyyoota Siriyaan olii keessatti biyya walqixxummaan keessa hin jirre taasiseera.

'Dhiirri dubartoota lamaan walqixa'

Sirni hoggansa maatii kunis dhaabbile akka Mormitoota mirga namoomaa dabalatee baay'ee balaaleffameera. Isaanis sirnichi dubartoota gara 'ijoollee seeraan ofii isaaniitiin murtee guddaa taasisuu hin dandeenye' isaan taasise jedhu.

Haa ta'u malee, inni kunis dubartoonni muraasni biyya saanii keessatti qabsaa'u isaan hin dhorkine ture. Keessattu biyya dubartonni dhiira waliin malee qofaa deemuun cimaa itti ta'e keessatti haalli akkasii kun salphaa hin ta'u.

Sirna haqaa keessattis, dubartoonni ifatti loogiin irra gaha. Akkuma biyyoota hikaa seera islaamummaa cimaatti fayyadaman muraasaa, ragaan dhiira tokko kan dubartoota lamaatiin waliqixa.

Image copyright Getty Images

Erga gaa'illi diigameen boodas umuriin mucaa dhiiraa waggaa torba kan dubara waggaa sagaliin ol taanaan, ijoollee ishee kunuunsuuf hin hayyamamuuf. Keessattu dubartittiin kan lammii biyya biraa Sa'uudii jiraattu ykn isilaama yoo ta'uu baatte rakkinichi caalaa cimaa ta'a.

Garuu haalli jireenya dubartoota Sa'uudii tokko tokkos kan eegamu caala bilisa.

Dubartoonni filachu kan eegalan erga bara 2015 asi. Barnoonni hanga umurii 15tti dhiiraa fi dubaraafu dirqama. Garuu dhiira caala dubartootatu Yuunivarsitiidhaa eebbifama.

Humna hojjataa keessaayis harki 16 dubartoota. Garuu uffannaan isaan hojiif uffatan kan isaaniif mijatu miti.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Dubartiin kun yeroo jalqabaatiif waggaa lamaan dura yeroo filannoon saala lamaaniifu eeyyamamu filatte.

Dubartoonni Sa'uudii bakka dhiirri fira isaanii hin taane isaan argu danda'utti abaayaa dheeraa uffachuun qaama isaanii gutummaatti dhoksuu qabu.

Akkasumas bakka dubartoonni qofti mi'a itti bitatan, lafti itti abaayaa isaanii ofiirraa baafachu itti danda'an jira. Bakkeewwan sanaan alatti garuu, dubartoonni seera kana hordofuu didan poolisii amantaatiin ari'atamu.

Garuu dhiimmi addaas jira: Dubartoonni lammii Sa'uudii hin taanee haalli uffannaa isaanii bilisa. Isilaama yoo ta'u baatanis mataasaanii haguggachuun irraa hin eegamu.

Lammiileen biyya alaa achi dhaqan hanga qubata xayyaaraa bahanitti akka abaayaan of uwwisaniif gaafatamuu dubbatu. Garuu, hoggantoonni biyyootaa fi giftiiwwan duree uffannaa mataa malee Sa'uudi Arabiyaa dowwataniiru.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Melaaniyaa Tiraamp (mirga) fi Misheel Obaamaa yeroo Saa'uudii dowwatanitti uffannaa harka gutuu uffachuun garuu mataa isaanii hin aguggannee.

Addunyaa irratti dhorkaawwan dubartootaa kan biroo

Biyyoonni muraasnis akkuma Sa'uudii kana waan dubartoonni hojjatanii fi hojjachuu hin dandeenye irratti dhorkaa qabu. Bakka tokko tokkotti ammo hojiiwwan gutummaan durbatoonni dhorkamanis jira. Kan itti aananis fakkeenya muraasa.

Minisirri Barnoota Chaayinaa, dubartoonni akka damee albuudaa, maandisummaa holqaa, ogummaa donii ofuufi kan biraalleen barachu ni dhorka. Kunis nageenya dubartootaaf yaadamuun murte taasifame akka ta'e himama.

Isiraa'elitti ammoo sirni waan amantiin hogganamuufu, yoo abbaan warraa eeyyame malee dubaroonni bultii diiguu hin danda'an. Taatee 'baayyee hin baramiin' tokkoonis UK tti, abbaan seeraa dubartii adda bahuuf gaafatte abbaan warraa isheen waan waliin jiraachu barbaadeef akka hin dandeenye itti himee jira.

Rusiyaattis gosootni hojii dubartoonni akka hin hojjanneef dhorkaman jira. Kunis anaaxummaa, farra abiddaa, konkolaachisaa leenjisuu fi bidiruu oofuun hin hayyamamuuf. Tarreen kunis kan 2000tti mirkaneeffame dha.

Magaalaa Indoneziyaa tokkottis dubartoonni akka warra dhiiraatti doqdoqqee yaabbatanii deemuun hin eyyemamuuf. Bulchiinsi sunis duraan dubartoonni uffannaa qaamatti maxxanu yoo uffatanii argaman, bakka argaman kamittuu akka irraa baqaqsamuu itti himuun dhorke ture.

Dubartoota Sudaan keessaatiif ammoo,uffannaa qaamatti maxxanu uffachuun 'salphina' jechuun reebichaan adabamu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata

Naannawaa BBC