Itoophiyaan intarneetii cufuusheetti doolaara mil. 130 dhabde

Intarneetii bilbila harkaa

Itoophiyaan tajaajila intarneetii guyyoota 36'f wayita cufteetti galii doolaara miliyoona 130 ol dhabuu ishee, dhaabbanni Idil- addunyaa walta'iinsa Imaammata Ragaa Teeknooloojii biyyoota Bahaa fi Kibba Afriikaa beeksiseera.

Qorannoon dhaabbatichaas, dhiibbaa cufamuun intarneetii diinagdee biyyootaa irratti qabaatu safartuuwwan garaa garaatiin tilmaama. Haaluma kanaanis Itoophiyaan guyyoota 36 intarneetii itti cuftee fi sababii ugguramuu miidiyaalee hawaasaa guyyoota torbaatiin, walumaa galatti doolaara miliyoona 132 ol dhabdee jirti jedheera.

Biyyattiinis guyyaa intarneetiin itti cufame tokkootti doolaara miliiyoona 3.4 ol akkasumas guyyaa Aappiin ergaa itti walii dabarsan uggurame tokkootti ammoo doolara kuma 870 ol akka dhabdu illeen qorannichi ibseera.

A.L.A bara 2015 kaasee biyyootni gaanfa Afriikaa sababii garaa garaatiif intarneetii cufanis, galii doolaara miliiyoona 237 ol akka dhaban taasisee jira jedheera.

Akka qorannoo kanaan ifa taasifamettis, biyyoota Afriikaa waggoota lamaan darban keessa intarneetii guyyootaaf cufan irratti dhiibbaan dinadgee isaa yeroo dheeraaf kan turuu dha.

Akka qorannoo kanaattis, yoo xinnaatte biyyoota Afriikaa saaraan gadii 12 keessatti tarkaanfii motummaatiin intarneetiin cufamee jira. Kanneen keessaayis, qorannichi kan biyyota 10n gadi fageenyaan ilaaleera.

Tarkaanfiin kunis sababiiwwan garaa garaatiif kan biyyootaan fudhatamu yoo ta'u, Itoophiyaatti intarneetiin gutummaatti kan cufame tibba qormaata biyyaalessaa akka qormaanni hin baane dhorkuuf jecha cufame ture.

Biyyoonni akka Chaadi, Gaaboon, DR Kongoo fi Yugaandaan ammoo filannoon haala walqabateen inarneetii cufanii turan.

Biyyoota mormiiwwan motummaa irratti ka'een intarneetiin itti cufame keessaa Itoophiyaan ammas tokko yoo taatuu, biyyoonni akka Burundii, Ripabliika Jiddu gala Afriikaa, Kaameruun, DR Kongoo, Maalii, Niijeer fi Toogoonis caqasamaniiru.

Biyyi Kaameeruun A.L.A. bara 2015 hanga 2017tti guyyoota 93 intarneetii kan cufte yoo ta'u, Itoophiyaan guyyoota 36'f cuftee turte.

Tajaajila Intarneetii cufuun gahumsa odeeffannoo fi bilisummaa dhubbachu lammiilee kan cabsuu dha kan jedhe dhaabbatichi, ragaa sirriin waan hin argamneefis gatii dinadgee tarkaanfiichaa tilmaamuuf rakkisaa ta'usaas ni amana.

Akka dhaabbata kanaattis, cufamuun intarneetii guyyaa muraasaa illeen fiixaan bahiinsa sochiilee dinadgee ni jeeqa. Amantaa gama daldalaatiin jiruus ni hir'isa. Balaaf saaxilamu biyyoota kana raawwataniis ni dabala. Haala jireenyaa lammiilee guyyaa guyyaas ni jeeqa.

Dhaabbanni Idil- addunyaa Walta'iinsa Imaammata Ragaa Teeknooloojii biyyoota Bahaa fi Kibba Afriikaa qorannoo kan gaggeessees, misoomaa fi hiyyummaa hir'isuuf fayyadama teeknooloojiin odeeffannoo irratti kan hojjatuu dha.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan