Tsigaabuu: Dargaggoo dorgommii addunyaa cimaan milkaa'e

Tsigaabu bakka leenjii isaatti
Goodayyaa suuraa ''Ana qofas osoo hintaane, maatiin kiyyas isportii jaalatu''

Waltajjii ispoortii addunyaatti fiigichi fageenya dheeraa fi Itoophiyaan akka tokkootti ilaalamu. Baatii darbe garuu, dargaggoo Tsigaabuu Gabramaariyaam dorgommii bisikileetiinis maqaan biyyattii akka waamamu taasiseera.

Dorgommii baayyee cimaadha jedhaniin dorgommii 'Tuur da Firaans' irratti yoo qooda fudhatu lammii Itoophiyaa kan jalqabaati.

Dhalataa naannoo Tigiraayi kan ta'e Tsigaabunis jaalalli bisikileetaa kan isa qabe ijjoolummaatti ture. Abbaan isaas bara 1962 hanga 1972tti magaaloota Asmaraa fi Finfinneetti dorgomaa bisikileetaa turan. Maatii isaatiif ilma torbaffaa kan ta'e Tsigaabuun, wayita miilaan deemuu eegalu maatiin bisikileetii akka isa barsiisan dubbata. Isaan boodas namni Tsigaabuu fi bisikileeta adda baasu dhabame. ''Mana barnootaa yoo deemuus ta'ee, haatii koo suuqii wayita na ergitu hunda bisikileetiin fayyadama ture,'' jechuun jaalala qabu dubbata dargaggoon kun.

Dorgommmii bisikileetaaf obboleessi angafa isaa Salamoon Gabramaariyaam ka'umsa akka ta'eef kan dubbatu Tsigaabuun, dorgoommis yeroo jalqabaatiif bara 1997tti eegaluu hima.

Tsigaabuun bisikileetiin alattis taphataa kubbaa miilaa cimaadha. Naannoo isaa bakka bu'uunis guddattoota umurii 15tiin eddoowwan garaa garaatti taphatee jira.

''Ana qofas osoo hintaane, maatiin kiyyas isportii jaalatu. Obboleeyyan dhiiraa lamaafi kan dubaraa tokko ni fiigu. Obboleessi keenya quxisuun Qidduusis duukaa kiyya hordofaa jira,'' jechuun ibsee jira.

Dargaggoon kunis osoo dorgommii irratti qooda hinfudhatiin duras leenjiiwwan garaa garaa argatee jira. Duras Afrikaa Kibbaatti, achinis waggoota jahaan dura biyya Siwizarlaandiitti ergamuun leenjii olaanaa argatee jira. Carraan kunis leenji'u qofa osoo hintaane, dorgomtoota baayyee waliin akka walbaruuf karaa saaqeefi jira.

Goodayyaa suuraa Hirmaannaan dargaggoo Tsigaabuu amma warreen kaaniif kaka'umsa ta'aa jira

"Leenjiin Siwiizarlaand baayyee cimaa ture,'' jedha carraa dorgommiiwwan addunyaatiin itti walbare caqasuuf. Tibba sanatti ture, innis dorgommii 'Tur da Firaans' kan namoonni baayyeen akka dorgommii cimaatti ilaalan irratti qooda fudhachuu ofiisaatiif waadaa kan gale.

Dorgommiin idil addunyaa salphaa miti. Jecha isaatinis, ''biyyatti yoon dorgomu obbooleessi kiyya na cimsa ture. Biyya alaatti yoo dorgomu ofumaan of jabeessuu waan narra jiraatuuf jecha ilkaan kiyya ciniinnadheen ofiin ofi cimsaa ture,'' jedheera.

Dorgommiin 'Tur da Firaans' fageenya km 3, 540 cimaa ta'usaa baayyee dubbatamaafi. Deebiin Tsigaabuus kanaan ala hinta'u. ''Dorgommii 'Tur da Firaans' irratti hafaan hafamee si hin eegu. Gufuu fuldura kee ciisee si eegu darbuun dirqama,'' jedha.

Sammuun koo cimaa yoo ta'eeyyuu namoonni itti qoosaa turan jiraachuu isaaniilleen Tsigaabuun dubbateera. Kanas galmaan gahachuuf waggoota shan itti fudhatee jira.

Hirmaannaan dargaggoo Tsigaabuu amma warreen kaaniif kaka'umsa ta'aa jirus, waggaa lamaan dura dorgommicha xumuruuf baayyee itti cimee ture.

Dorgommii bara kanaatiin garuu baayyee akka itti hincimne dubbata. ''Dorgommichis yeroo yerootti kanan ittiin of ilaaludha. Bara dhufuus yoon dorgome dachaa afuriin shaakkallii taasisuun qaba,'' jedha Tsigaabuun.

Goodayyaa suuraa Tsigaabu bisikileetii osoo oofuuf yaalaa jiru

Dorgommii 'Tur da Firaans' irratti hirmaachuuf, gareewwan addunyaa 30 keessaa dorgomtooata qabxii gaarii galmeessuun filataman sagal qofatu carraa argata.

Dargaggoo Tsigaabuu garee 'Baahira Mariidaan' jedhamuun kan hammatame yoo ta'u, isa waliinis dorgomtoonni bisikileeta oofan addunyaa 27 tu jira. Dorgomtoonni fialataman saglanis kanneen keessaa fo'amuun ture. ''Namoota sagal sana keessa galuuf qabsoo cimaa gaafata. Ji'oota jahaafis nuffe osoo hinjedhiin shaakkallii taasiiseera,'' jechuun shaakallii cimaa taasisuu ibse.

Dadhabbiin isaas lafatti hin banne. Innis dorgoomtoota afriikaa dorgommii 'Tur da Firaans' xumuruu danda'an muraasa keessaa tokko.

Dorgommii kanaan alattis, shaampiyoonaa Afirikaa, Tuur za Ruwaandaa, Tuur za Taayiwaan, Tuur za Xaaliyaan, Tuur za Isipaanyaa fi Olimpika irrattis qooda fudhatee jira.

Dorgommii biyyaan alaa yeroo jalqabaatiif Ruwaandaatti hirmaateenis sadarkaa sadaffaa kan argate yoo ta'u, guyyoota sadiin booda Tuur za Firaansi irratti hirmaachuun shanaffaa baheera. Kana malees, dorgommii shaampiyoonaa Afrikaa Burkinaa Faasootti gaggeefame irratti hirmaachuun yeroo jalqabaatiif warqee argatee jira.

Keessattuu haala Olimpikiin walqabateen, waggoota 44 booda Itoophiyaa bakka bu'uun Olimipiika Riyoo irratti hirmaatee jira.

Gaazexessaan BBC Edi Haari jedhamus, 'Tsigaabuun lammii Arfiikaa Tuur da Firaansi irratti mo'achuu danda'aa laata? jechuun waggoota shaniin dura barreessee jira. Umurii fi kaka'umsa amma qabu bori hinargadhu. Abiddi osoo qabatee jiru yoo itti fayadamne malees gara daaraatti geeddarama. Kanaafuu, gatiin dorgommiif baasuu qabu hunda baasaan jira. Kana yoo irraanfadhe ammoo injifannoon hinjiraatu,'' jedheera.

Goodayyaa suuraa Tsigaabuun mucaa isaa hammatee

Kaayyoo deemuuf fiixaan baasuuf waan namoonni jedheniif eddoo akka hinqabaanne illeen Tsigaabuun ni dubbata. ''Anumti ofiin yoo of gufachiise malee humni naan waldhaansoo qabee na kuffisuu hinjiru. Jireenya rakkinaa fi gadadoos beeka,'' Tsigaabu barnoota isaa kutaa 8tti dhaabuu dubbata.

Jireenyaa irraayis muuxannoo baayyee barateera. Jaalala bunaaf qabunis osoo buna hin dhugiin gara shaakallii hin deemu. Hiriyoota isaa ka ijoollummaa bakka kubbaa miilaa Maqalee Ambaaseeraatiifis jaalala addaa qaba. Bara 2001ttis dorgomtuu Magaalaa Akisuum kan taate Hadinat Asimallaash waliin gaa'iila dhaabbachuun intala dubaraa argachuun isaanii gammachuu saanii dachaa taasiseera.