Qubsuma Koo 3፡ "Wantoota Itoophiyaatti beeku hundan yaada"

Baahiru gazaahanyii fi walaleessaa lammii Ameerikaa Sowul Wiiliyaamsi Image copyright Bahiru Gezahegn
Goodayyaa suuraa Baahiru gazaahanyii fi walaleessaa lammii Ameerikaa Sowul Wiiliyaamsi

Magaalaan Landan bakka anmoonni biyya garaa garaa dhufan keessa jiraataniidha. Kunis bakka namoonni afaan garaa garaa dubbatan, haala jireenyaa fi aadaa mataasaanii qaban akkasumas namoonni muxannoo adda addaa qaban keessa asi jiraatu.

Maqaan koo Baahiru Gazaahanyiin jedhama. Gara Landan kanan dhufe dawwannaaf yoo ta'u, booda keessa garuu sababii mataa kootiin gara biyyaatti deebii'uu waanan dadhabeef bakka jireenyaa koo Landan godhadhera. Wayita ammaa kanattis barnoota digrii lammaffaa koon barachaa jira.

Anaaf Landoon bakka gaariidha. Itoophiyaa irraa waanan yaadu tokko filadhee dubbachuun baayyee na rakkisa. Garuu waanan caalaa yaadu filadhee dubbachuun dirqama yoo ta'e, waanan beeku hundan yaada.

Ta'us garuu asittis wantoonni baayyee na gammachisan jiru. Fakkeenyaaf, waa'ee nyaata yoo kaafne, Magaalaan Landan keennaawwan nyaataa baayyee naaf kennitee jirti. Bilubeerii Keekii chiizii irraa hojatamu osoon guyyaa guyyaan sooradhee hin nuffu. Ammas soorata koo kan yeroo hundaa ta'eera jechuu ni danda'ama.

Image copyright Bahiru Gezahegn
Goodayyaa suuraa Bilubeerii Keekii chiizii

Landan bareedina uumamaatiin kan badhaateedha. Fooddaa kutaa nyaata ittii bilcheefadhuun ala yoo ilaalu kan natti mul'atu bakka bashannanaa magariisatuu mul'ata.

Naannawa jireenyaa koo qofa osoo hintaane, bakkeewwan bashannanaa hedduun jiraachusaa magaalattii caalaa akka nama hawwattu taasiseera.

Innaan magaalaa keessa deemu kan na dinqee kan biraa, haala jiraattoonni ittiin ofi ibsaniidha. Keessattu haalluuwwan rifeensaa Itoophiyaa keessatti hinbaramiin kan akka keelloo, magariisaa fi diimaa arguun kan barameedha.

Haallu rifeensaatiin alattis, filannoon uffannaa isaanii kan nama burjaajjeessuudha. Daandiiwwan Landan irrattis waan hinbaramne heedduutuu mul'ata.

Anaaf dhimmi guddaan walumaa galatti bilisummaa ittiin ofi ibsaniitii.

Magaalattiin waan nama gammachiisan hedduu qabaattu illeen, wantoonni geedaramu qaban hedduun akka jiran matti dhagahama. Fakkeenyaaf, agarsiisiwwanii fi fesitvaaloonni gurraachoota hammatan osoo jiraatanii gaarii ta'a.

Jalqaba yammuun Landan dhufu waggoota dheeraaf nan turuu ykn hafuuf yaada hinqabu ture. Ergan hafuuf murteesseen booda ture haalli natti cimaa kan dhufee. Sababiin isaas, Landan keessa namoonni baayyee jiraatan iyyuu lafa qofummaan namatti ulfaatuudha.

Maatii baayyee keessatti guddachuun koo fi mana barumsaattis hirriyoota baayyee horachuun koo qofummaa hinbeekun ture. Nattis dhagahamee hinbeeku ture.

Image copyright Bahiru Gezahegn
Goodayyaa suuraa Baahiruuf 'Kaazaanchisii Landan'

Jireenya hawaasummaa keessa ture keessaa qofaatti bahuu koofi naman bilbilaan illeen waammadhu dhabuu kootti baayyee natti cime ture.

Booda keessa hiriiyyoota horachuun namootan duraan beekuus suuta suuta argachuu kootti haalli naaf salphachaa dhufeera. Akkasis ta'e safarri akka Paarkii Fiinizibari Itoophiyaa na yaadachisan jiru.

Naannoon Kaaba Landanitti argamu kunis, bakka jireenyaa lammiilee Eritiraa fi Itoophiyaati. Manneen nyaataa, ykn suuqii afaan Amaaraa ykn Tigirifaatiin itti barraa'ee yoon argu akkan waan Kaasaanchis jiruutti natti dhagahama.

Kanas ta'u ammoo Landan Finfinnee miti. Tarii Itoophiyaa of geessuun osoon danda'ee, Finfinnee mana Piizaaa Ifooyii jedhemutti ofi arga ture.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan