Ayyaanni Irreechaa bara 2017 suuraan yoo ibsamu

Ayyaanni Irreechaa ayyaana Oromoon kaabaa-kibbaa, Bahaa-lixaa wal gahuun ayyaaneffatu dha. Waltajjii Oromoonni itti wal argan qofa osoo hin taane, bakka uffannaa fi faayaan aadaa ummatichaa itti mul'atus. Suuraawwan muraasa Irreechaa bara kanaa irraa argannee akkasiin isiniif dhiyeessineerra.

Abbootiin gadaa gara lafa irreefannaatti yoo deeman
Ibsa waa'ee suuraa,

Oromoon aadaa fi seera ittiin bulu qaba. Aadaa uummatichaa keessatti bakki jaarsooliifi abbootiin gadaa qaban isa olaanaa dha. Kanaaf eegaa Abbootii Gadaatiin hogganamuun, foollee filatamaniin qajeelfamuun irreenfannaan baranaa akkasiin kan eegaleef.

Ibsa waa'ee suuraa,

Wayita gara irreeffannaa deeman, haadholiin siiqqee, dubartootni fi shamarran abbootii gadaa fi jaarsolii dura deemu.

Ibsa waa'ee suuraa,

Roobni ganamaa kaasee roobaa ture, hirmaattota ayyaanichaa hin danqine, shamarran kun lamaan dibaabee isaanii qabatanii dhaqan.

Ibsa waa'ee suuraa,

Dargaggoota uffannaa aadaa, bokkuu fi kallachaan miidhaguun akkasiin gara irreeffanaa deemaa turan.

Ibsa waa'ee suuraa,

Shamarran kunneen uffata aadaa Oromoo Harargeen bareeduun, aadaan teenya ammalleen dagaagaa jirtii jedhu fakkaatu.

Ibsa waa'ee suuraa,

Dargaggoo Oromoo gareedhaan uffannaa aadaa fi barneexaaa qopheefataniin miidhagaanii maree hoo jechaa gara horaatti qajeelaa turan keessaa muraasa.

Ibsa waa'ee suuraa,

Daraaraan keelloo fi margi jiidhaan yookin irreessi waaqa roobee marga biqilcheef akka kennaatti kan kennamu dha.

Ibsa waa'ee suuraa,

Lafa itti ireeffatamuttis, kuun suuraa yaadannoo kaafachaa, kuun marga jiidhaan irreeffachaa, warra irreeffachuuf dabaree eegatuuf bakka gadi dhiisuuf wal jalaa siqaa, irreefannaan baranaa akkasiin raawwate.

Ibsa waa'ee suuraa,

Shamarran Oromoo Karrayyuus kunoo akkasiin nutis guddina aadaa keenyaatiif dhaabannee jira jedhan.

Ibsa waa'ee suuraa,

Oromoon Kamisee aadaa fi dudhaa isaanii eeggachuun uummata jiraataa jirani dha. Fageenya dheeraa qaxxaamuruunis Irreecha baranaa irratti argamanii jiru.

Ibsa waa'ee suuraa,

Hirmaattonni ayyaana irreechaa bara kanaa ayyaanichi gammachiisaa ture jedhu. Seeqi fuula shamarran kanaa irra jirus kanuma ibsa.

Ibsa waa'ee suuraa,

Kunis aadaa uffannaa Oromoo Shawaa keessaa tokko. Uffannaan aadaa kunis tibba sirna kabaja ayyaana guddaa akka irreechaa fi tibba nama goota ta'eef gootummaan isaa himamuuf kan uffatamuudha.