Dubartoonni baadiyyaa rakkoo qonnaa keessa bahaa jiruu?

Qonnaan bulaa Jaappaan Maasii ruuzii keessa osoo hojjattu agarsiisu Image copyright BEHROUZ MEHRI / AFP

''Mixaaxisa baay'ee qabna, nama nu irraa bitu qofa barbaanna,'' jedhu Rozalinaa Baalesteroos.

Bakka jireenyaa isaanii Kaaba Kolombiyaa naannoo Montes Di Maariyaa'tti bara kana oomisha gaarii sassaabanis - gabaa waan dhabaniif mixaaxisni tortoraa jira.

Kanaafuu, nu irraa bitaa nu bira dhaabbadhaa jechuuf 'Youtube'dhaan gargaarsa gaafatan.

Beeksisa qonnaan bultoonni intarneetiin gad-lakkisan irratti faayidaa nyaatichi fayyaaf qabuun gabaa ofitti waamu.

Dubartoota 100 jechuun maali?

Dubartoonni 100 BBC dubartoota addunyaa keenyaa ciccimoo fi namoota kakaasuu danda'aan 100 waggaa waggaan BBC'n adda baasu dha. A.L.A bara 2017'tti, dubartoonni rakkinoota gurguddoo afur isaan ijibbaatan akka adda baasan qorra - waan isaan qabe, wallaalummaa dubartootaa, cunqursaa alatti isaan qunnamuu fi loogii ispoortii keessaa.

Deeggarsa kessaniin furmaata waaraa akka argataniif yaada keessan barbaanna.


Gama kaanin, Kaaba Laawoositti adde Viyeeng qonna waakkootiin of jiraachisaa jirti.

Hawaasni keessa jiraattu yeroo dheeraaf aadaa waakkoo diidatti biqilu soorachuu qabaatus, akka itti biqilchan hin beekani.

Amma garuu leenjii argatanin adde Viyeengis ta'e warri kaan waakkoo biqilchani gabaa dhiyeenya argamutti gurguruu eegalaniiru.

Image copyright FAO / Oscar Castellanos
Goodayyaa suuraa Adde Viyeeng sagantaa Agiroo-baayodaayversiitii jedhamurraa akka itti waakkoo biqilchan A.L.A bara 2014 baratan

Dubartoonni kunneen lakkoofsa dubartootaa qonnaa irratti hirmaatanii dabaleera.

Biyyoota guddataa jiran keessatti gidduu galeessaan dubartoonni dhibbantaa 43 ta'an qonnaa irratti hirmaatu. Waggoota 20'n darban keessatti xinxaltoonnni akka jedhanitti ''dubartoonni qonnaa irratti baay'achaa jiru.''

Gabaasni dhabbata nyaataa fi qonnaa mootummoota gamtoomani A.L.A bara 2016 bahe akka agarsiisutti, yeroo kamuu caalaa dubartoonni qonna irratti hirmaatan baay'ataniiru.

Dhiiratu qonna keessaa bahe yookin immoo dubartoonni damee qonnaa kana keessatti karaa hedduun hirmaataa jiru.

''Haalli addunyaa guddataa jiru akka agarsiisutti gaheen dubartootaa guddataa jira, hedduun isaaniis qonna irratti hirmaataa jiru,'' jedhan dhaabbata nyaataa fi qonnaa addunyaatti qondaalli imaammataa damee misooma hawaasaa fi diinagdee Libor Istilowukaal.

Ragaan dhaabbata hojjettoota idil-addunyaa A.L.A bara 2015 bahe, dubartoota hojii diinagdee keessatti hirmaatan keessaa tokko afraffaan qonna keessa harka qabu jedha.

Haa ta'u malee, lakkoofsi kun garaagartummaa ardiidhaa ardiitti jiru ni dhoksa.

Qonni keessumaa biyyoota galii xiqqaa argatan keessatti namoota hedduuf madda hojii ta'us, biyyoota lammiileen isaanii galii guddaa argatan keessatti garuu dhiironnis ta'e dubartoonni gahee hojii indastirii fi tajaajilaatti waan seenanif lakkoofsi isaanii xiqqaachaa adeema.

Yoo kana ta'e hirmaannaan dubartootaa qonna irratti meerre kan dabale?

Jijjiiramni kuni (akka qorannoo dhihootti) gara caalu Kaaba Afrikaatti mul'ate - qooda dubartoonni qonna keessaa qaban A.L.A bara 1980 - 2010'tti dhibbantaa 30 irraa gara 43'tti guddate.

Akkasumas, Baha dhihootti dhibbantaa 35 irraa gara 48'tti guddate. Jijjiiramni hirmaannaa dubartoota qonna keessaa guddise kun Bahaa fi Kibba-Bahaa Eesiyaa akkasumas Laatiin Ameerikaatti mul'ateera.

Biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadii baay'ee keessatti garuu waggoota soddoma darban jijjiiramni guddaa hin mul'anne - Lesootoo, Siyeeraa Liwoon akkasumas Mozaambik keessatti duraanuu dhibbantaa 60 caalee ture.

Xinxaltoonni akka jedhanitti durumaa qonni bakka kanaa gara caaluu dubartootaan hojjetama.

Dhibbaa godaansa dhiiraa

Dubartoonni qonna keessaa daran hirmaachuun waan guddaa ta'uu mala. Muraasni isaanii adda duree ta'uun galii isaanii cimsachuun maatii fi hawaasaa isaanii daran gargaaruu danda'u.

Haa ta'u malee, dubartoota hirmaachisuu jechuun yeroo hundaa dubartoota cimsuu ta'u dhiisuu danda'a.

Rakkoolee ijoo qooda qaban keessaa tokko godaansa dhiraati.

''Dargaggeessi baadiyyaa dubartoota caalaa gara maagaalaatti godaana,'' jedhu adde Istilowukaal.

Xinxaltoonni akka jedhanitti dubartoonni gaafa qe'eetti hafan gahee dhiiraallee bakka buusuuf jecha hojii dabalataaf saaxilamu.

Dubartoonni hedduun hojii galii xiqqaa qabu, kan waqtii eeggate fi yeroo dabalataan hojjetamu keessatti baay'atu.

''Dubartoonni qonna keessatti hirmaatanis, gara caalu dhiiratu gabaa dhaqee gurguruun qarshii to'ata,'' jedhu gidduugaleessa qorannoo qonnaa idil-addunyaatti ispeeshaalistiin hawaasaa fi korniyaa, Diinaa Najaar.

Loogii hojii

Ragaan qabatamaa akka agarsiisutti dubartoonni dhiira waliin hojii wal fakkaataa hojjetani galiin argatan garuu xiqqaa dha.

Akkuma kan sadarkaa gubbaa jiran rakkinni hin beekamne gadi isaan qabu, dubartoota sadarkaa gadii jiranillee loogiin haga dhama'an akka hin arganne gad isaan qaba.

Biyyoota guddataa jiranitti gaheen dubartoonni mana keessatti qaban guddaa waan ta'eef ''hanqinni oomishtummaas,'' jira jedhu xinxaltoonni.

Oomishni qonnaan bultoota dubartootaa dhibbantaa 20 - 30 yoo ta'u omisha giddugaleessaa irra xiqqaata.

Image copyright FETHI BELAID/ AFP/ Getty Images
Goodayyaa suuraa Nyaata qopheessuuti hanga qixeessuutti: oomisha qonnaarratti waa dabaluun garaagartummaa kanfaltii korniyaa dhiphisuu mala jedhu xinxaltoonni

Harka hiixate

Gaheen dubartootaa qonna keessatti dabalaa deemuun isaa faayidaa mul'atu argamsiisaa jira.

''Bonni darbe jedhe hin dhiphadhu ...yoo rakkoon dhufe illee hojiiwwan biroo dandamachuu nu dandeessisu hojjataa jirra,'' jedhu haati ijoollee afuriifi qonnaan bultuun lammii Maalii, Saanihan Teeraa.

Adde Teeraan umurii 28 yeroo ta'an dhaabbata nyaataa fi qonnaa addunyaa irraa gargaarsa sanyii filatamaa, deeggarsa maallaqaa fi leenjii argatu.

Image copyright FAO / Nadege Boro
Goodayyaa suuraa Adde Saanihan maatii namootaa 13 keessa kan jiraatan yoo ta'u jireenyi waqtii bonaa baay'ee rakkisaa ta'u dubbatu

Gargaarsi kuni dubartii Maalii yeroo dhiirri qe'eedhaa dhibe ijoollee isaanii sooruun dirqama qabaniif, yeroo duraaf lafa qotiisaa isaanii irratti midhaan akka facaafatan dandeessise.

''Oomishni galchinu ji'a hedduuf nu gaha,'' jedhu adde Teeraan.

Dhaabbileen hedduu, kan mootummaa fi miti mootummaa, teknooloojiiwwan hojii salphisanii fi dubartootaaf tajaajila liqii dhiheessan irrratti hojjetaa jiru.

Rakkoon guddaa hawaasa ijaaruu keessatti mudatu garuu abbaa qabeenyummaa lafaati. Biyyoota guddataa jiran hedduu keessatti dubartoonni qiixxee dhiiraa mirga lafa dhunfachuu hin qabani.

Odeeffannoo jiruun biyyoota hedduu keessatti dubartoonnii dhimma qonnaa irratti murtee dabarsuunii fi to'achuun mirgi isaanii dhiiraa gadi.

''Lafa qabaachuunii fi to'achuun murteessaa akka ta'e ragaaleen agarsiisu,'' jedhu adde Najaar.

''Imaammata jijjiiruun jalqabbii yeroo ta'u, safuu hawaasaa dubartoonni akka lafa hin dhaalle ykn hin qabaanne dhorkuu irratti garuu hojjechuu qabna.''

''Safuun hawaasaa yeroo hundaa jijjiirama, kunillee akkasi.''

Hirmaannaan dubartootaa qonna keessatti dabaluun isaa faayidaa dubartootaaf dabaluu isaa irratti xinxaltoonni hunduu yaada wal fakkaataa hin qabani.

''Hawaasa keenya baadiyyaa baay'inaan umurii dargaggummaa hin qabne keessatti safuu hawaasaa yeroo dhihootti cabsuun baay'ee cima,'' jedhu gargaartuun sagantaa dhaabbata nyaataa fi qonnaa addunyaa Maariye-Lowusii Haayek.

''(Qonni dubartootaa) garaagartummaa koorniyaa xiqqeessuu mala, garuu yeroo fudhata.''

Mata dureewwan walitti dhiyaatan