Galmeen Itiyoo-telekoom tibbanaa wayi bilisummaa danqaa?

Ergaa Itiiyo-telekomiin bilbila harkaa galmeessuuf afaan amaaraatiin ergaman keessaa
Goodayyaa suuraa Waamicha Itiiyo-telekomiin bilbila harkaa galmeessuuf afaan amaaraatiin ergaman keessaa

Dhiheenya kana dhaabbanni Itiyo-telecom bilbila harkaa fi meeshaalee Siimiin hojjatan hunda galmeessee jira.

Namoonni baay'een haaluma guyyaa ka'ameen bilbila isaanii galmeessisaniiru. Haa ta'u malee, motummaan hordoffii lammiillee irratti taasisuu kan cimsuudha jechuun barbaachisummaa galmeessa kanaa irratti kan gaaffii kaasanis muraasa miti.

Kaampaniin bilbila harkaa omishu lakkoofsa dijiitii 15 qabu kennaaf. Kunis lakkoofsa IMEI jedhamuun beekama.

Lakkoofsi kun kan bilbila tokko qofaaf keennamuu fi bilbila tokko kan biraa irraa gargar baasuuf kan fayyadu dha.

Galmeen kun maaliif barbaachise?

Kaayyoon galmee kanaa inni muummeen, maamiltoonni bilbilli isaanii akka hin hatamnee fi rakkoon fayyaa sababa bilbila harkaa sadarkaa hin eegganneen uumamu akka hin mudanneefi jedhu Itti gaafatamaan Komunikeeshinii Itiyoo-telekom Obbo Abduuraahiim Ahiimad.

Meeshaaleen teelee siimiin hojjatan hundinuu, sababbii garaa garaatiin harka maamiltootaa keessaa yoo bahan, haaluma gaaffii isaaniitiin tajaajila addaan kutuuf illee ni fayyadas jedhaniiru.

Bilbiloonni harkaa kara seeraatiin biyya keessa galanii fi meeshaaleen itti fayyadama teelee kan dhugaa akkuma jiran hunda, bilbilawwan sadarkaa isaanii hin eegne baay'eenis hojiirra olaa jiraachu isaanii Obbo Abduraahiim ni dubbatu.

Haalli kunis warra biyya keessatti bilbila omishanii gurguraniifi warren ashuuraa kafaluun galchan irratti dorgommii gabaa seeraan alaa uuma.

Galmeen kunis haala akkasii ni hambisa. Kana malees galii biyyattiin argattu guddiisuuf, fayyadamtoota Itiyoo-telekom hunda bakka jiranii fi maqaa eenyutiin akka galmaa'e adda baasuuf ni gargaaras jedhaniiru.

Waliigalattis fayyadamtoonni miliyoona 58 ta'an galmaa'usaanii kan dubbatan Obbo Abduraahiim, bilbila dabalataa, Ayipaadii fi meeshaalee siimii fudhatan kan biraa siimii itti galchuun galmeessu danda'u jedheera.

Galmeen kunis Itoophiyaa qofa miti, adeemsa ammayyaa'aa biyyoonni biroos itti gargaaramaa jiraniidhas jedhu.

Galmeen duuba maaltu jiraa laata?

Mateenyaa namootaa ilaalchisee jijjiirama homaa akka hin fidne kan himan ogeessi nageenyaa ICT obbo Takiliit Hayilaay, gama to'annaatiin garuu hojii akka salphisuu eeraniiru.

''Kan duraan bilbila fakkeeffamanii hojatamaniin jala darbaa turan, amma garuu adeemsa kanaan carraa jala bahuu hin qabaatan,'' jedhu.

"Namoonni teessoo isaanii geeddaratan illeen lakkoofsi IMEI kun bakka jiran sirriitti beeku nama dandeessisa. Namni hordoftu tokko akka si jalaa hin baane gochuuf dandeessisa,' jechuun hubachiisu.

Namni duraan siimii geeddaruun jalaa bahaa ture amma dhokachu hin danda'u, akka oggeesa kanaatti.

Mootummaan hannaa fi bilbilawwan seeraan ala gara biyya keessa galan to'achuuf jedhulleen, barreessitootni akka obbo Bafiqaadu Hayiluu 'dhimma yaaddessaa dha' jechuun ibsu.

Miseensa garee 'Zone 9' gocha shororkeessummaan shakkamanii hidhaman kan ta'e Bafiqaaduun, ''Shakkiin mootummaan karaa bilbilaatiin lammiilee hodofaa jedhu,'' sobaa mitii jedha.

Goodayyaa suuraa Barreessaa Bafiqaadu Haayiluu

Tibba inni hidhameettis wanti akka ragaatti irratti dhiyaate haasawa bilbilaa ture.

''Ani kanan to'annaa jala oolee Ebla 2006 yoo ta'u, ragaan narratti dhiyaate ammo kan Caamsaa 2005 waraabamee ture dha,'' jechuun dubbata.

Gocha shororkeessummaa to'achuufi ittisuuf bilbila, faaksii, raadiyoo fi intarneetii akkasumas qunnamtiiwwan poostaa fi elektironikaa hordofuuf heeyyamni mana murtii akka barbaachisu labsiin farra shororkeessummaa ifatti kaa'us, hojiirra olaa akka hin jirre Bafiqaaduun ni dubbata.

Akka inni jedhutti, ragaan mormitootaa fi gaazexessitoota baay'ee irratti dhiyaatu, haasaawwan karaa bilbilaatiin taasifamani dha.

''Ammas bilbiluma kiyya butame sanattan fayyadamaa jira. Siimii geeddaruu nan danda'a ture, garuu mootummaan waanan odeessu dhaggeefatee qulqullina kiyya yoo naaf hubate wayya,' jedhees jira.

"Dhufaatiin galmee IMEI hordoffii humnoota nageenyaa motummaa caalaatti kan cimsuu dha. Mateenya qofa osoo hin taane bilisummaa qaamaas ni daangeessa,' jechuun shakkii isaa ibsa.

Haala haasawaa butuu kanaan dura ture

Gabaasa dhaabbatni mirga namoomaa 'Human Rights Watch' waggoota lamaan dura baase keessatti lammiileen Itoophiyaa, Keenyaa fi Awurooppaatti kolugaltummaa gaaftanii heeyyama jiraachu argatan hedduun imeelii fi bilbilli isaanii butamuu dubbataniiru.

Haaluma walfakkaatunis, haasaawwan bilbilaa namoota shororkeessummaan shakkamanii yeroo garaa garaatti dhaabbilee miidiyaa motummaatiin dhagahamuun isaa ni yaadatama.

Teknolojiiwwan softiweerii biyyoota Chaayinaa fi Xaaliyaanii irraa argaman, keessattuu Itoophiyaatti seeraan ala icciitii namootaa sakkata'uuf faayidaarra olaa akka jiran dhaabbata mirga mamoomaatti qorataa olaanaan Intarneetii tokko dubbataniiru.

Gochi kunis sarbama mirga namoomaa waan ta'eef, biyyoonni osoo hin gurguriin dura faayidaa maaliif akka oolu adda baasuun barbaachisaa ta'a jedhu qoratichi.

Shakkiin namoonnii kaasan kun soodaa irraa kan maddeedha kan jedhan Obbo Abduraahiim, nama tokko hordoofuufi lakkoofsa IMEI galmeessuun walitti dhufeenya kan hin qabnee fi nama hordoofuuf adeemsi softiweerii HLR jedhamu jiraachu dubbatu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan