Yaadannoo waggaa 4ffaa bidiruu godaantota qabatte Laampedusaatti dhidhimte

Hirmaattoota yaadannoo balaa Laampeduuusaa Image copyright ADAL NIGUSSE
Goodayyaa suuraa Maatiin lammiilee lubbuu dhabanii fi kaan isaan jajjabeessan argamaniiru

Balaa yeroo bidiruun godaantota qabatte odola Laampeduusaa biratti dhidhimte irraa kan hafte Kibrat Barihee fi yeroos obboleessa isaa kan dhabe Adaal Niguus namoota maatii isaanii dhaban kaan waliin ta'uun waldaa Tira-ottobar (Onkololeessa 03) jedhu hundeessan.

Waldaan kuni badiin akkanaa lammata akka hin mudanneef yeroo 4ffaaf balaa kana yaadataa jiru. Bidiruun waggaa afur dura A.L.A Onkololeessa 03 bara 2013 namoota 500 ol baatte Libiyaadhaa kaate Laampedusaatti dhidhimte. Balaa kanaanis namoonni 368 bishaanin nyaataman.

Balaan kuni osoo hin mudatiin dura lammiileen Eritiraa 11 qarqara galaanaa Xaaliyaanii gahanis, ashaaraa kennuu dhabuun eegdota galaanaa Xaaliyaanii jalaa miliquu osoo yaalanu achi galaana keessatti hafuuns isaanii dhagahame ture.

Oduu kana kan dhagahe Adaal obboleessa isaa umurii 23 Abrahaamiif bilbile akka of eegu itti hime. Yeroo balaa Laampeduusaa dhagahes obboleessa isaa Liibiyaa jiruutti bilbiluus argachuu hin dandeenye ture. Atatamaanis gara Laampeduusaa imale.

Image copyright ADAL NIGUSSE
Goodayyaa suuraa Yeroo balaan suni mudate lammiileen Eritiraa hedduu bidiruurra turan

Yeroo inni achi gahutti Laampeduusaan gaddarra turte. Hojjettoonni humna galaanaa Xaaliyaanii fi namoonni qurxummii qaban hojii biraarra turan - reeffa namoota galaanarraa yeroo walitti qaban, gaazexessitoonni yoo gabaasan, abbootiin taayitaa bakka sana osoo daawwatanuu irra gahe.

Namoonni nageenya eegan namoota du'an arguufis ta'e qarqara galaanaatti akka hin dhiyaanne dhorkanis namoota du'an jedhaman adda baasuuf kompitara irratti suura akka ilaalu eeyyamaniif.

Garaa kutachuu waan fedheef gargaarsa polisootaa fi namoota yaalii kennaniin gargaarame suura reeffa obboleessa isaa arguu yaale.

Obboleessa isaa haga argutti reeffa namoota 211 ilaalaa darbe. Garuu itti cime. Kana caalaa ilaaluu akka hin dandeeyee fi karaa biraan akka isa gargaaran itti hime.

Adaal suura obboleessa isaa yoom iyyuu akka hin daganne dubbata. Booda garuu ragaa qaccee obboleessa isaa qoratameefi bakka obboleessi isaa itti awwaalame baruu danda'eera.

Kana yaadachuufis waggaa waggaan waldaa kana yaadatu hundaa'e waliin ta'uun abaaboo kaa'uunii fi kadhannaa sammuu taasisuun lammiilee dhaban yaadatu.

Image copyright Tullio M. Puglia
Goodayyaa suuraa Har'as lammiileen Eritiraa kuma hedduu ta'an seeraan ala daangaa ce'uun galaana Meditiraaniiyaanii qaxxaamuru

Balaa tasaa kanarraa kan hafte Kibrat Barihees gadda guddaan guyyaa kaan yaadatti.

''Laampedusaatti lammata akka dhaladheen yaadadha. Akkasumas balaa kanaan obboloota koo waliin godaane kanan dhabe waan ta'eef, isaan yaadachuufan asi dhufe,'' jetti.

Adaal A.L.A bara 2002tti Eritiraati kan bahe. Gammoojjii Sahaaraa erga qaxxaamure galaana Meditiraaniyaaniiti bidiruu xiqqoon imala eegaluus, qilleensi itti cimuun haalaan rakkise ture.

Caroomunis doonii imala irra turte isaaniif qaqabuun Maalta gahu danda'an.

Haa ta'u malee, seeraan ala jedhamuun yeroo dheeraaf mootummaa Maaltaan erga hidhame booda, Eritiraatti deebiifame. Biyyattis gale hidhaa seene.

Erga hidhaa baheen boodas, lammata seeraan ala daangaa qaxxaamuree Sudaan seene. Xumurarrattis, deeggarsa dhaabbata godaantota mootummoota gamtoomanii (UNHCR)'tiin karaa seera qabeessa t'een Siwiidiin seene jiraachuu eegale.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan