Waadaan bara darbee motummaan galame eessa gaheera?

Dargaggoonni hojiirratti Image copyright Michael Gottschalk

Mootummaan Itoophiyaa yeroo adda addaatti ummatarraa mormiin isa mudataa jira.

Kanneen keessaayis inni duraa rakkina filannoo bara 1997tiin walqabate yoo ta'u, kan biraa ammoo mormii kutaalee biyyattii garaa garaa keessatti erga waggoota lamaan darbanii as adeemaa jiru dha.

Mootummaan rakkoolee siyaasaa mormii kanaaf sababa ta'an hiikuun tasgabbii buusuuf qophaa'aa ta'usaa Pirezidaanti Dr. Mulaatu Tashoomaa, Fulbaana 30, 2009 A.L.I, baniinsa paarlaamaa bara darbee irratti dubbatanii turan.

''Rakkoolee keenya sadarkaa uummata keenya quubsuun deebii kennuu akka dandeenyutti tokko tokkoon irratti mari'achuu qabna,'' jedhaniis turan.

Haaluma kanaanis, qoodinsa diinagdee haqa qabeessa, dhabiinsa haqaa fi rakkoolee bulchiinsa gaarii uummata biyyattii hedduu miidhe, akkasumas yaada ofii bilisaan ibsachuu fi rakkoolee mirgoota siyaasaa kan biroo kabachiisuu irratti akka xiyyeeffatamu waadaa galanii ture.

Raawwiin waadaa pireezidantichaa maal fakkaata kan jedhu gaaffii namoota hedduuti.

Biirri Biiliiyoona 10 furmaata yerootiif?

Mootummaan jalqaba bara darbee, rakkoolee jiraniif quba gara alaatti qabuu dhiisuun, gaaffiin dargaggootaa dhuga-qabeessaa fi kan hir'ina bilisummaa siyaasaa irraa maddee ta'u, akkasumas rakkoo naannolee 2 qofa osoo hin taane kan guutuu biyyattii ta'uu Ministirri Muummee Hayilamaariyaam Dassaalany dubbatanii turan.

Haaluma wal-fakkaatun, rakkoolee fi gaaffiiwwan dargaggootaaf deebii bu'uuraa kennuun kan yeroon itti kennamu akka hin taane Dr. Mulaatuun himanii turan.

Dargaggoonni hedduun lafa irratti hojjetan dhabuun baadiyyaa irraa gara magaalaatti godaanuun dirqama itti ta'uu eeran.

Rakkoo kanaafi kanneen biroo dargaggootni biyyattii qaban furuuf, fandii dargaggootaa birrii biiliyoona 10 mootummaan ramaduun, karaa Ministeera Dargaggoo fi Ispoortiin naannoolee akka gahu taasifameera.

Waliigalattis, dargaggoota baadiyyaa miliyoona 1.7 fi kan magaalaa miliyoona 1.5 ta'an fayyadamtoota ni ta'u jedhame karoorfatamee ture.

Haala hojiirra olmaa fandii kanaan walqabateenis dhaabbileen liiqaa keennan gama humnaatiin hanqina akka qaban ni dubbatama.

Karoorri gama kanaan bara darbe karoorfamee ture maalirra akka jiru ragaan dhihootti argamu baatulleen, gaaffileen ka'aa jiru.

''Ka'umsa irraayyuu furmaatichi kan kenname erga rakkinichi gadi fageenyaan qoratameen booda miti, furmaatichi yeroof kan kenname ture,'' jechuun dura taa'aan Paartii dimokraasummaa Itoophiyaa obbo Moshee Sammu ka'umsa karooricha gaaffii keessa galchu.

''Bajata ramadameen jiruun dargaggootaa fooyya'usaatiif mallattoon argame homtu hin jiru,'' jedhaniirus.

"Walakkaan bajatichaatu hojiirra hin olle,'' kan jedhan ammoo qondaalli paartii Madirakii obbo Gabruu Asiraat.

Kana malees bakka tokko tokkotti, dargaggoonni dhibbeentaa 20 akka qabsiisaniif gaafatamun isaa haalli hojimaatichaa sirrii akka hin turre kan agarsiisuudha jedhaniiru.

Kana malees motummaan dhimma mataasaatiin waan qabameefu kanaaf xiyyeeffannaa gahaa hin kennineefis jedhniiru.

Akka obbo Gabruutti, gaaffiin dargaggootaa kan dinagdee qofa osoo hin taane, haalli bilisaan socha'anii itti hojjatan akka mijaa'uufi barnoota sadarkaa gaariin isaan gahu argachuu dabalata.

''Har'a garuu manneen barnoota bakka olmaa ta'aa jiru,'' jedhaniiru.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Pireezidaanti Dr. Mulaatu Tashoomaa

Haaroomsa "gadi fagoo"?

Haasaa baniinsaa Pireezidaant Dr. Mulaatu Tashoomaa taasisaniin, Motummaa fi dhaaba biyya bulchu keessatti haaromsi gadi fagoo fi jijjiiramni ijaarsaa bu'uuraa akka taasifamu waadaa galanii turan.

Haaluma waadaa Pireezidaanitichaatiin, ADWDUI'n gamaggama cufaa ji'ootaaf gaggeesse ture.

Dhaabbiilee miseensaa biroos hoggantoota olaanoo hanga kan gadiitti qofaatti gamaggama taasisanii turan.

Motummaan federaalaas kaabinoota isaa akka haaraatti ijaaruun, barsiiftoota yuunivarsiitii hedduu gara taayitaa olaanaatti fideera.

Barsiisoota gara taa'yiitaatii fidu hin mormiine Obbo Musheen. Garuu maqaa nama tokkoo caqasuun, nama tokko waajiraalee sadiitti gegeedaruun isaa dhaabbatichi dadhabaa ta'usaa fi namoota geessaa akka hinjirree kan agarsiisuudha jedhaniiru.

''Hojii motummaa deebiisanii ijaaru hinjibamu, garuu biyyattiin nama hagaa kan biraa hinqabduu?'' jechuunis gaaffii kaasu.

"Mormiin Itoophiyaa keessatti ka'e bu'aa rakkoolee walxaxoo hedduu ta'eef, dhimmicharratti dubbachu kan qabaatu dhaabbata tokko qofaa miti."

Ifatti uummanni irratti mari'achuu qaba. Kun ta'uu baannaan sochiin taayitaarra turuuf taasifamu bu'aa hin qabaatu. Adeemsi akkasi kun biyyattiis gatii baay'ee baasisuu danda'a, jedhu obbo Musheen.

Mormiin biyyattii keessatti uumame akka ADWDUI'n jedhutti rakkina biirokiraasii akka hin taane kan amanan Obbo Gabruun, jijjiramni imaammataa fi ilaalchaa akka taasifamuu gaafatu.

''Waan baayyee yoo jedhames gama hojiitti kan hiikame hin jiru'' jedhu obbo Gabruun.

"Hidhamaa fi kan hidhu waliin hin marii'atan"

Filannoo biyyaaleessaa marsaa 5ffaa Caamsaa 2007 A.L.I gaggeefameen, ADWDUI'n guutummaatti mo'achu labseera.

Ta'us boromtaa motummaa itti hundeessetti, mormiin naannoo Oromiyaatti eegalee, gara Naannoo Amaaraatti darbe.

Mormii naannoolee gurguddoo biyyattiitti uumame kanas hir'ina bulchiinsa gaariitii jedhe ture motummaan. Garuu namoonni siyaasaa tokko tokko bu'aa bilisummaa siyaasa dhabuu akka ta'e dubbatu.

Pirezidaantichis tibba haasaa taasisan, sagaleen namoota mormiitoota filatanii waan bakka hin buuneefuu, seera filanno fooyyeessuun akka barbaachisu caqasanii ture.

Kana malees seerrawwan kan akka seera pireesii, waldaalee sivikii fi seerri farra shororkessummaa akka fooyyeefaman abdatamee ture.

Mootummaan kana hojiirra oolchuuf paartiilee siyaasaa waliin mari'achuu akka furmaataatti qabachuu kanneen 20 ta'an waliin marii eegalee ture.

Garuu mariichi jalqaba irraa walii galtee kan dhabe ture. Takka turees paartiilee muraasni adeemsicha keessaa bahan.

''Isaan marii'atan eenyuudha? Uummata kam bakka bu'uu?'' jechuun kan gaafatan Obbo Musheen adeemsicha irraayis homaa akka hin eegne ibsu.

Paartiin isaanii Madirak yeroo jaha oliif marii irratti hirmaachusaa kan dubbatan Obbo Gabruun, miseensoonni hedduun hidhaarra osoo jiranuu hidhamaa fi kan hidhu waliin mari'achuun baay'ee rakkisaa ta'u dubbatu.

Faayidaa addaa Oromiyaan Finfinneerraa qabdu?

Heerri mootummaa boqonnaa 49/5 irratti faayidaan addaa naannoon Oromiyaa Finfinnee irraa qabu ni eegamaaf jedhemu illeen osoo gara hojiitti hin geeddaramiin baroota dheeraaf turee jira.

Garuu Pirezidaantichi haasaa isaanii waggaa kanaatiin, manni marii faayidaa addaa naannoon oromiyaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee irratti qabaatu akka raggaasisu dubbatanii turan.

'Wixineen labsii' naannoon Oromiyaa, bulchiinsi magaalaa Finfinnee fi sadarkaa federaalaatti irratti mari'atame jedhame akka raggaasifamuuf mana mareetiif Waxabajjii bara 2009 A.L.I dhiyaate ture.

Boodarra garuu wixinee labsii kanaa irratti mormii kanaan, dursa uummata irratti mariisisuuf akka turu taasifame.

Pireezidaantichi haasaa baniinsaa bara kanaatiin hoo waa'ee dhimoota kanneeniif deebii ni kannuu laata?

Mata dureewwan walitti dhiyaatan