Itoophiyaa: Weerarri HIV/Eedsii yaaddoo haaraa uume

hiv ribbon Image copyright LAKRUWAN WANNIARACHCHI

Dhibeen waggoota kudhan dura lubbuu namoota hedduu galaafatee, maatii diigee rakkoo hawaasumma fi diinagdee fide, HIV eedsiin ammas irra deebiin yaaddoo uumeera.

Ammaan tana tamsa'inni dhibee kanaa sadarkaa biyyaatti dhibbeentaa 1.18 irra gahee jira, akka ragaan waajjira ittisaa fi to'annoo HIV/Eedsii Federaalaa mul'isutti.

Tamsa'inni dhibee kanaa dhibbeentaa 1 ol yoo ta'e, biyyattiin weerara jala jiraachuu mul'isa akka Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti.

Bara 1978 A.L.I dhiiga namoota lamaa qofa keessa kan ture dhibeen kun amma lammiilee biyyattii kuma 700 ol faalee jira jedha Waajjirri ittisaa fi to'annoo HIV/Eedsii Federaalaa.

Ilaalchi tatamsa'inni vaayirasichaa hir'ateera jedhu babal'achuun isaa, hawaasni akka dagatuufi dhibichi dhoksaan akka hammaatu taasise jira.

Bara 2009 qofa namootni haaraan kuma 27 ol vaayirasichaan qabamaniiru.

Tatamsa'inni vaayirasii HIV naannolee Amaaraa, Oromiyaa fi magaala Finfinnee keessatti naannoolee biroo caalaatti hammaataa ta'eera, yeroo gara yeroottis dabalaa jira jedha waajjirichi.

Tattamsa'ina Vaayirasii HIV fi dabaluu saaxilamummaa

Vaayirasichi iddoowwan ijaarsa fi hojiin piroojektoota gurguddaa jiru, magaaloota haaraa hundeeffaman fi dhaabbilee barnootaa ol'aanootti sadarkaa ol'aanaan tatamsa'aa jira.

Kana malees manneen jimaa, shiishaa, manneen dhugaatii fi sirbaa akkasumas manneen 'maasaajii' ollaa dhaabbilee barnootaa fi bakkeewwan piroojektootni gurguddoo itti hojjetamanitti banaman tatamsa'ina vaayirasichaaf haala mijataa uumusaanii, Daayreektarri seektaroota gara garaa waajjira ittisaa fi to'annoo HIV/Eedsii Federaalaa Obbo Kiflee Mitikku himaniiru.

Shamarran baadiyyaa qonna abaaboo keessa hojjechaa turan keessaa dhibbeentaa 25 wal-qunnamtii saalaa of-eegannoo hin qabne raawwachuusaaniitin ulfa baasuuf dirqamu isaanii waajjirri isaanii qorannoon bira gahuus dubbatu.

Image copyright Getty Images

Saaxilamummaan vaayirasii HIV saala, gosa hojii fi rakkoolee hawaas-diinagdee namootaa irratti hundaa'uun garaagarummaa qabaatullee kutaaleen hawaasaa muraasni caalmaatti saaxilamoo akka ta'an eera ragaan waajirichaa.

Dhiibbaan diinagdee fi hawaasummaa dubartootarra gahu, dubartootni caalatti vaayirasichaaf akka saaxilaman taasisuu isaas ni eera.

Tamsa'inni vaayirasichaa dubartoota hojii wal-qunnamtii saalaatiin of jiraachisan biratti waggoota 3 dura dhibbeentaa 23.8 ture bara 2009 dhibbeentaa 25 irra gaheera.

Waajjirichi dhimmoota saaxilamummaa hawaasaa dabalan qorannoon adda bahan kanneen dhabamsiisuuf hojjechaan jira haa jedhuyyuu malee dhugaan mul'atu garuu faallaa kanaati.

Haalli saaxilamummaa amma jiru akkanaan itti fufnaan, biyyattiin karoora bara 2030'ti tatamsa'ina vaayirasii HIV dhaabsisuuf qabatte milkeessuu osoo hin taanee weerara vaayirasichaan caalmaatti miidhamuu dandeessi.

Itoophiyaan HIV/Eedsii to'achuu maalif dadhabde?

Waggoota muraasaan dura deeggarsa maallaqaa fi ogummaa arjoomtota idil-addunyaa akkasumas tumsa gama mootummaa fi qaamolee hawaasaa garaagaraan taasifameen duuti sababa dhibee eedsiin mudatu %70'n hir'ate ture.

Hojiin yeroo kana hojjetame akka milkiitti ilaalame, xiyyeeffannoon HIV/Eedsii ittisuu fi to'achuuf kennamu yeroodhaa gara yerootti hooggantoota mootummaa fi hawaasa biraa xiqqaachaa dhufe.

Dhaabbileen idil-addunyaa deeggarsa maalaqqaaf ogummaa kennaa turanis, biyyattiin vaayirasii kana humna ofiitiin hir'isuu, tatamsa'ina isaas dhaabuu dandeessi jechuun deeggarsa maallaqaa ittisaaf to'annoo vaayirasichaaf taasisaa turan guutumaan guutuutti dhaaban jedhu obbo Kifleen.

Waajjirri isaaniis bajata ittisaafi to'annoo vaayirasii HIV'f oolu mootummaan ramaduun hojjachuuf karoorfachuu isaa dubbatu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata