Biyyoota shamarran barachuuf cimaa itti ta'u 10

Suudaan Kibbaa Image copyright Unicef
Goodayyaa suuraa Suudaan Kibbaa bakka hamaa dubarri itti hinbarane jedhamuun eerame

Biyyoota dureessota biratti mariiwwan waa'een mana barnootaa yeroo baayyee dhimma siyaasa dursi kennamuufiidha. Kunis gosa barnootaa kamiitu caalaa barbaachisa, eenyutu gargaarsa dabalataa barbaadaafi kamiitu caalaa bajata barbaada gama jedhuun ilaalama.

Garuu maatii biyyoota guddina irratti argaman hedduuf gaaffiin barnootaa cimaan caalaa waa'ee bu'uuraa baay'ee ta'u mala; fakkeenyaaf sirriiyyuu mana barumsaa argachuu ni danda'amaa? kan jedhu fa'i.

Odeeffannoon motummoota gamtomanii akka himutti, jaarraa darbee keessa rakkina iddoowwan mana baruumsaa biyyoota hiyyeeyyii muraasa hiikuuf sochiin ''omtuu hintaasifamne.''

Gabaasa qulqulina barnootaa xinxaleen kan biraa fi motummoonni gamtooman akka jedhanitti, bu'aaleen argamees waa'ee ijoollee miliyoona 600 olii nama barnootaatti argaman garuu kan omaa barataa hinjirree bitintiraadha.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Biyya Niijaritti, dubartoota shan keessaa afur kan hinbaranneedha

Biyyotta duromttota biratti garuu, qabxii barnootaatiin shamarran kan ijoollee dhiiraatiin dursaa jira. Biyyoota hiyyeeyyii kan akka Afiriikaa Saaraan gadii keessatti ammoo shamarran baayyeen barnoota aaddaan kutu.

Guyaa duula misoomaa idil-Addunyaa motummoota gamtomaniitiin, bakka barnoota shamarraniitiif baayyee cimaa ta'e irratti sadarkaa hojatameera.

Naannoo walitti bu'iinsaa

Gutuu biyyoota kurnan kanneenii hunda keessattu kan mana barmootaa ala jiran hedduun shamarran.

Isaanis biyyoota sababii waraanaafi walitti bu'iinsaatiin bittinaa'uun maatii baay'een hiyyummaa, dhukkuubbii, hir'ina soorataa cimaafi bakka jireenyaatii buqa'aniidha.

Image copyright Reuters
Goodayyaa suuraa Godaantoota Suudaan Kibbaa ganna kana waraanaan buqifamaniidha

Ijoolleen dubaraa baayyeenis barachuurraa akka hojii hojataniif eegamu. Kanneen isaanii ammoo ijollummaan herumuun carraa barnootaa hanga dhumaatti dhabu.

Akka odeefannoo motummoota gamtoomaniitti, naannoo walitti bu'insaatti shamaranni harka sadiin caalaa baruumsa dhaabu.

Image copyright Unicef
Goodayyaa suuraa Godaantoota Chaadi keessaa: Walitti bu'iinsi barnoota miliyoona 10 olii jeeqee jira.

Sadarkaan keenname dhimmi bu'urreeffate:

  • Hammeentaa shamarran bakka mana barumsaa sadarkaa tokkooffaa malee
  • Hammeentaa shamarran bakka mana barumsaa sadarkaa lammaffaa malee
  • Hammeentaa shamarran barumsa sadarkaa tokkooffaa xumuranii
  • Hammeentaa shamarran barumsa sadarkaa lammaffaa xumuranii
  • Jiddugala waggoota shamarran barnoota hordofan
  • Baayyina dubartoota hinbaratinii
  • sadarkaawwan leenjii barsiiftootaa
  • reeshoo barsiisaa fi barataa
  • Barnootaaf baasii motummaa

Biyyoota muraasa kan akka Siriyaatiif, caqasuudhaaf odeeffannoon qabatamaa ta'e gahaan hinjiru.

Bakkeewwan barnoota shamaraniitiif cimaa ta'an kan duraa 10 kunooti:

  1. Suudaan Kibbaa: biyyi addunyaa haaraan waraanaa fi jeequmsa manneen barnootaa ittiin diigamanii fi maatiin bakka jireenyaa isaanii gadi lakkisuu itti dirqamanitu mudachaa jira. Shamarran gara dhibbeentaa 75 ta'anii barnoota sadarkaa tokkooffaa illeen hindeeman.
  2. Rippabilika Jiddugala Afriikaa: barsiisaan tokko barattoota 80f
  3. Niijar: dubartoota umuriinsaanii 15 fi 24 keessaa dhibbeentaa 17 qofatu barate.
  4. Afigaansitaan: garaagarummaa koniyaa guddaa, dhiirootatu shamarran caala barataa jira.
  5. Chaad: shamarranii fi dubartota barnootaniif danqaa hawaasummaa fi dinagdee
  6. Maalii: shamarran dhibbeentaa 38 qofatu baroota sadarkaa tokkoffaa xumura
  7. Ginii: dubartoota umuriin saanii waggaa 25 olitiif jiddugalaan yeroon barnoota waaggaa tokkoon gadi
  8. Burkiinaa Faasoo: Dubara dhibbeentaa 1 qofatu marnoota sadarkaa lammaffaa xumura
  9. Laayibeeriyaa: ijoolleen umuriinsaanii barnootaa gahee sadi keessaa lama barataa hinjiran
  10. Itoophiyaa: Shamarran shan keessaa lama osoo waggaa 18 hingutiin dura heerumu

Hir'inni barsiisaa biyyoota hiyyeeyyii gutuutti rakkina walfakkaataadha.

Motummoti gamtoomanis bara darbe akka jedheetti, yoo waadaan idil addunyaa barnoota irratti galame kan eegamu ta'e, bara 2030 barsiiftoonni miliyoona 69 addunyaa gutuutti mindeessuun barbaachisaa ta'a.

Goodayyaa suuraa Filoorensi Cheeptoo umurii 60tti wayita akkoonshee kitaaba manatti fiddu dubbisuu barratte

Dubaroonni akka baratan taasisuun osoo danda'ame bu'aaleen diinagdee olaanaan ni jiraata jedha qorannoon.

Akkasumas namoota akka Aaddee Filoorensi fa'iif, kan mandara Keenyaa fagoo keessa jiraachuun umurii 60 irratti dubbisuu barataniif ammoo bu'aa olaanaa qabaata.

Geel Isimiiz, pirezidaantiin duula ONE, hanqina barnoota shamarraniin ''kufaatii addunyaa hiyyummaan akka itti fufu taasisuu'' jette jirti.

''Dubarri miliyoon 130 olii ammalleen bartaa hinjiran. Kunis maandisoota, hojii uumtoota, barsiiftootaa fi namoota siyaasaa addunyaa miliyoona 130 alatti hambifamanii jiru.''

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata