Qaala'iinsa gatii baroota dhufanii

Qarshii dhibbaafi dhibbeentaa ittiin hir'ifame Image copyright Alamy
Goodayyaa suuraa Dandeettiin bittaa qarshii Itoophiyaa dhibbeentaa 15n hir'ifame

Haasaa pirezidaantiin Itoophiyaa mana maree waliiniif Wiixata tare taasiisaniin, tarkaanfiiwwan mootummaan bara kanatti fudhatu keessaa tokko kan ta'e dandeettii bittaa qarshii fi tilmaama sharafa alaarratti fooyya'iinsa gochuun hojirra oolfamee jira.

Dhaabbilee maallaqaa addunyaatiin mootummaan tarkaanfii walfakkaataa akka fudhatuuf dhiibbaan taasifamu illeen, bu'aan dandeettii qarshii hir'isuu qabaatu dhiibbaa geessisu ni caala jechuun baroota dheeraaf osoo hinfudhatiin turee jira.

Amma garuu, daldala alaa qabbanaa'aa jiru foyyeessuuf jecha, gatiin jijjirraa sharafa alaa dhibbeentaa 15'n akka hir'atu taasifameera.

Tarkaanfiin kunis ogeessoota diinagdee xiinxalan biratti yaaddoo olaanaa uumeera.

Keessattuu hir'isuun dandeettii qarshii olaanaan kunis fayyadamtoota duraanuu hir'ina dhiyeessii omishaalee bu'uraatiin rakkachaa jiraniif cabarratti buqqa'a ta'aa jira.

Kanaan durayyuu daballiin gatii fooyya'insa gatii boba'aatiin walqabatee ji'aan taasifamu jiraattoota magaalaa Finfinnee mataa irraa gatuu dubbatama. Haaluma walfakkaatuunis jiraataa Finfinnee kan ta'an Obbo Dachaasaan, ''Balaan tarkaanfii kanaan walqabatee nu mudatu to'annoon ala ta'a,'' jechuun yaaddoo saanii BBC tti himaniiru.

Oggeessa maallaqaa kan ta'an Obbo Abdulmannaan Mahaammadis yaaddoo kana ni qooddatu. ''biyya mi'oota alaa galfaman, sababii bittaa dhiyeessitii wantoota warshaaleef barbaachisaniifi meeshaaleetiin hir'inni daldalaa hammaachaa itti jiru keessatti, haala akkanaatiin dandeettiin bittaa qarshii akka hir'atu gochuun yeroo gabaabaa keessatti qaala'iinsi akka hordofu taasisa,'' jechuun miidhaa isaa dubbataniiru.

Erga hir'isuun dandeettii qarshii taasifamuu ibsameen booda, oomishootaa fi tajaajilawwan irratti daballii gatii cimaan taasifamuun mirkana ta'uusaa kan dubbatan Obbo Dachaasaan, ''Nama akka koo miindeffamee hojjatuufi kanneen hojii guyyaa hojjataniif jijjiiramni kun rakkina cimaa waan fidu natti fakkaatas,'' jedhaniiru.

''Daldala alaa jijjiirama akka fidu eegamuuf gumaachuunsaa hin beekamneef hiyyeessi wareegamuu qabaa?'' jechuunis gaaffii dhiheessu.

Image copyright JOSE CENDON
Goodayyaa suuraa Daldala alaa jijjirama akka fidu eegamuuf gumaachunsaa hinbeekamneef hiyyeessi wareegamuu qabaa?

Gorsaa invastimantii kan ta'an, Obbo Getaachoo T/Maariyaam akka dubbatanitti ammoo, ''diinagdeen Itoophiyaa irra caala bu'uurasaa oomishoota alaa galfaman irra taasifachuu isaatiin, daldaltoonni isa gara fuula duraa tilmaamuun oomisha man-kuusaa keessatti argaman irratti daballii gatii taasisuun isaanii hin oolu.'' jedhaniiru.

Daballiin gatii jijjiirama sharafaatiin walqabatee taasifame kunis, oomishaalee akka nyaataa, uffannaa, qorichootaa fi kanneen fayyadama guyyaa guyyaatiif barbaannu hunda irratti uumamuun kan hin oolle dha jedhaniiru.

Magaalaa Finfinneetti, daldaltoota naannawa Markaatoo fi Kaazaanchisitti daldala fayyadamaafi meeshaalee dhaabbataa irratti bobba'an dubbifne akka nutti himanittis, hir'isa dandeettii bittaa qarshii taasifameen walqabatee, daballiin gatii meeshaalee dhiyeessanii akka jiraatu mirkanneessuun dubbatu. Haa ta'u malee, daballiin taasifamu hangam akka ta'u murteessuuf ammoo waliigalteee daldaltootaafi haala gabaa eeggachaa jiraachuu dubbatu.

Baankiin Addunyaa biyyattiin dandeettii bittaa qarshii akka hir'iftuuf dhiibbaa taasisaa tureera. Garuu gama mootummaatiin osoo fudhatama hin argatin turee jira.

Akka Obbo Geetaachoon jedhanitti, ''dandeettiin bittaa qarshii gadi bu'eera kan jennu, sharafa seeraan alaafi baankotaa jidduu yoo garaagarummaan olaanaa jiraateedha. Kana jechuun ammoo fedhiin sharafaa gabaarra jiruufi dhiyeessitiin walgitaa hin jiran.'' jechuun ibsu.

Haala kanaanis, tarkaanfiin hir'isuu dandeettii bittaa qarshii amma fudhatame kunis, gama garaagarummaa kana hir'isuutiin gahee gaarii qabaachuu ni danda'a ta'a jedhamee akka yaadamullee dubbataniiru Obbo Geetaachoon.


Daldalaafi jiraataan Magaalaa Dassee maqaansaanii akka caqasamu hin barbaanne tokkoos, ''wayita ammaa yeroo sababii hir'ina doolaaraatiin walqabatee shaqanni gabaarraa badaa jirutti, tarnkaaffiin akkasii kun fudhatamuunsaa hawaasichaafi daldaltootaaf dhiibbaa olaanaa qabaachuun waan hin olleedha.

Tarkaanfiin kunis hojii daldalaa duraanuu qorraa ture daran miidhu akka danda'u yaaddoo qaban ibsaniiru.

Ogeessonni diinagdee lameenuu, tarkaanfii hir'isuu dandeettii bittaa qarshii taasifameen, motummaan bu'aa yaade ittiin argatullee, garuu ittifufiinsa isaa irratti shakkii qabu.

Akka Obbo Abdulmannaanitti, waggoota torba dura wayita hir'isni dandeettii bittaa qarshii taasifametti, daldala alaa irratti jijjiirama muraasa fiduu danda'a ta'a. Garuu gatiin wantoota daldala alaatiif barbaachisanii waan dabaluuf, jijjiiramni kunis kan itti fufu hin ta'u.

Obbo Geetaachoon ammoo, rakkooleen diinadgee Itoophiyaa keessatti mul'atan baay'eetu jiru. Kanaafuu, tarkaanffiin kun rakkina wal-simiinsa dhabuu jiru ni fura jechuu miti, jedhu.

Gama mootummaatiin tarkaanfii kanaaf sababoota dhiyaatan keessaa inni tokko, daldala alaa akka jajjabeessuufi jedhamee dubbatamu illee, jiraattoonni akka Obbo Dachaasaa fi kan biroo garuu attamiin dhiibbaa jireenyaa qabaatu akka dandamatan yaaddoo itti umeera.


Obbo Abdulmannaan, yaaddoon hawaasaa fudhatamaa ta'uu dubbatu. Tarkaanfiin kunis dhiibbaa olaanaa biyyattii irratti qabaachuu malas jedhaniiru.

''Keessattuu dhiibbaan tarkaanfiin kun gama dhaabbilee misoomaa mootummaa fi liqaa biyyattii kan biyya alaatiin qabaatu olaanaadha. Hanga Waxabajjii 2009tti biyyattiirra liqaan biyya alaa, biiliyoona 23.5 irra jira. Yammuu dandeettiin bittaa qarshii dhibbeentaa kudha shaniin gadi buufamu ammoo, idaan liiqaa biyyattii biiliyoonota hedduun dabala,'' jechuun ibsaniiru.

Kunis idaa biyyattiin keessatti argamtu cimsuun alattis, rakkoolee kan biroollee uumuu mala. Hunda caalaa qarshiin gatii dhabaa deema.

Balaa qarshiin gatii dhabuutiin walqabatee uumamuu malu ammoo, Obbo Geetaachoo fi Obbo Abdulmannaan akkasiin ibsu: ''Jalqabumaan gatiin baayyee dabaluu danda'a. Yeroo muraasaan boodas, galiin daldala alaarraa argamu bakkuma jirutti itti fufuu danda'a. Kanaafuu, tarkaanffiin Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa kun gara rakkoo gatii dhabiinsa maallaqaatti nu geessa.'' jechuun yaadasaanii golabaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan