''Sirni Federaalizimii maqaadhaaf malee harka lafa jalaatiin qawween uummata bulchaa jira.''

Dargaggootaafi shamarran mormii dhageessisaa jiran Image copyright ZACHARIAS ABUBEKER
Goodayyaa suuraa ''Sirni Federaalizimii maqaadhaaf malee harka lafa jalaatiin qawween uummata bulchaa jira.''

Waggoota lamaan darbanii qabee mootummaa jiddu galeessaa Itiyoophiyaa irratti, hawaasni mormii isaanii haala adda aaddaatiin dhageessisaa jiru. Keessattuu mormii Naannoolee Oromiyaafi Amaaraa keessatti gaggeefameen badinsi lubbuufi qabeenyaa hedduu qaqqabeera.

Cabaarratti buqqa'aa akkuma jedhamu sana, qe'eerraa buqqaafamuun Oromoota kumaatama hedduu daangaa naannoolee Oromiyaa fi Somaalee walqabatee uumameen rakkinni biraa dabalame.

Akka keessa beektoonni jedhanitti, mootummaan jiddugalaa rakkinoota turaniif atattamaan furmaata kennuu dhabuun, oolee bulee badiinsi cimaan akka qaqqabuuf gumaateera jedhu.

Rakkinni gama walitti bu'iinsa naanoolee Oromiyaafi Somaaleetiin jiru yeroof kan qabbanaa'e fakkaatuus, ammallee lakkoofsi namoota buqqaafamaa jiranii guyyaa guyyaan dabalaa akka jiru odeeffannoon Waajjira Komunikeeshinii Mootummaa Fedaraalaa irraa bahee mirkaneessee jira.

Ittigaafatamaan waajjira dhaabaafi miseensi koree hojii raawwachiftuu ADWUI Obbo Shifarraaw Shuguxee BBCtti akka himaniitti, bakkeewwan rakkinichi uumametti daandiiwwan gurguddoo humna ittisaafi poolisiin to'achuun rakkinicha qabbaneessuun danda'ameera.

Image copyright Getty Images

Isaan kana yaa jedhan malee, rakkinni daangaa waggoota dheeraa lakkoosfise kun maaliif hanga harraatti fala dhabee? Erga rakkinichi uumamee boodas mootummaan jiddu galaa hanga badiinsi kun hundii raawwatamuutti maaf callisee ilaale? gaaffillee jedhan ammalleen namoota hedduun ka'aa jiru.

Itti aansuun ammoo, afi yaa'iin mana maree bakka bu'oota uummattotaa, Obboo Abbaa Duulaa Gammadaa itti gaafatamummaa gadhiisuuf iyyata galfachuun dhagahamuunsaa gaaffii biraa kaaseera.

Dhimma kanaafis Obbo Shifarraan deebii yoo kennan, osoo yeroon isaanii hinxumuramiin gadan dhiisa jechuun kan hinbaramiin yoo ta'ees, kun sirna ADWUIn hordofu bakka walbuusuun kan walqabatedha jedhaniiru.

Abbaa Duulaan sababii ittigaafatamummaa isaanii dhiisuutiif gara fuuladuraatiin ibsa yaa jedhan malee, haaluma gama walitti bu'iinsa Oromiyaafi Somaaleef deebii motummaa jiddu galaatiin kennameen muufachuunsaanii akka hinollee baayyeetu dubbata.

Walumaa galattiis haalonni erga waggoota lamaatiin asii biyyattii keessatti iddoowwan garaa garaatti raawwatamaa jiranis, kan dadhabbii gama mootummaa jiddu galaatiin jiru agarsiisuudha jechuun dubbatu taajabdoonni siyaasaa tokko tokko.

Mormiiwwan maal fakkaatu?

Image copyright Getty Images

Naannoo Oromiyaa eddoowwan garaa garaatti mormiiwwan biyyattii raasan hedduun taasifamiiru. Ammalleen bakka garaa garaatti abiddii mormii kun akka gutummaatti hindhaamiin dhagahamaa jira. Ka'umsi mormii Oromiyaas inni duraa sababii bosonni Cilimmoo abbaa qabeenyaa dhunfaatiif kennamuutiin kan walqabate ture. Kunis mirga abbummaa lafaa qonnaan bulaa ofi keessaa kan qabu ta'uu dubbatama.

Akkuma beekamu, qonnaan bulaan Oromoo kumaatamaan lakkaa'amu sababii babal'ina misoomaafi industiriitiin lafa baroota dheeraaf jiruufi jireenyi isaa irratti hundaa'e akka gadilakkisu taasifameera. Kanaaf tures, hedduun hojiirra olmaa maastar pilaanii Finfinneefi aanaalee Oromiyaa naannooshee mormuun kan cichanii dhaabbataniif. Hedduunis sababa sanaan lubbuusaanii dhabaniiru.

Kanaafis xinxaltoonni siyaasaa sababii kaasan qabu. Rimeen sirna federaalaa inni dhugaa hojiirra ooluu dhabuusaatu rakkoolee kanneen maddisiise jedhu. Akka yaada xinxaltoota kanneenitti, osoo federaalizimiin dhugaan biyyattii keessatti hojjata ta'ee, bu'aalee amma mul'atan caalaa tasgabbiifi misoomni, akkasumas walkabajni naannoolee jidduutti dagaaga ture.

Joon Maarkaakiis oggeessiifi xinxalaan saayinsii siyaasaa, ''sirni federaala Itoophiyaa uummata callisiisuuf malee aangoo qooduuf miti. Aangoo fi qabeenyaan ammas kan jiru to'annoo mootummaa jiddugalaa harka. Innis kana qooduufis ta'ee waliin itti fayyadamu hayyammuuf qophaa'aa miti. Adeemsi akkasii kun ammoo booda keessa gaarii hinta'u,'' jechuun ibsaniiru.

Obbo Mulaatuu Gammachuu, itti aanaa ittigaafatamaan dubbii himaa paartii Madirak gama isaanitiin, motummaanis sirna ittiin uummattoota ofiin ofi bulchaniifi qabeenyaafi oggansa itti hirmaatan uumuu hindandeenye jedhaniiru. Akka isaan jedhanittis, sirnichi maqaadhaaf malee harka lafa jalaatiin qawween uummata bulchaa jira.

Image copyright Getty Images

Hir'ina Dimookraasii

Ogeeyyiifi xinxaltoonni siyaasaas maddaafi furmaata rakkoolee siyaasa wayita ammaa biyyattii keessatti mul'achaa jiru kallattii adda addaatiin ilaalu.

Jeneraal Abbabbaa T/haayimaanot, ajajaan humna qilleensaa duraanii, ''biyyi qormaanni hinmudanne hinjiru,'' jechuun qofa haala biiyyattiin amma keessatti argamtu bira hintaran. Yaada Joon Maarikaakiis bilisummaa fi gaaffii ofiin of bulchuun barbaacha irraa madduudha jechuun kaasaniin walii galu.

Uummattoonni hanga gaaffiin isaanii deebiin qabatamaa argatuttis yeroo yeroon gaafficha kaasuun isaanii waan hinolleedha. Kanaafis akka fala olaanaatti, kan Obbo Mulaatuufi Jenaraal Abbabbaan kaa'ame, marii hawaasaafii waliin mari'achuudha. Kanaafuu, ADWUIn kan uumamee rakkina cimaa siyaasaa ta'uu amanee fudhatu malee, biyyattiin carraa olaanaatu jala darba,'' jedhaniiru.

Gaaffiin amma dhiyaachaa jiru, qaamoolee mootummaan akka diinaatti ramadanamiin osoo hintaane uummataan. Garuu gaggeessitoonni ADWUI gaaffilee ka'an ukkaamsuu malee deebii kennuu hindandeenye. Kanaafuu tarkaanfii humnaa fudhachuu filaniiru,'' jedhaniiru.

Ibsaa diimaa

Dura taa'aan paartii EDEPA durii Obboo Lidatuu Ayyaaleew gama isaanitiin, rakkina amma jiru haala adda ta'een hubatu. Biyyattiin osoo to'annoo paartii tokkoo jalatti argamtuu, rakkoon akkanaa kun uumamuunsaa balaa qabaata. ''Osoo paartileen siyaasaa imaammata adda addaa qaban sirnicha jalatti filannoo mo'achuun kan naannoolee garaa garaa bulchaa jiran ta'ee maaltu nu baasa ture,'' jechuun yaaddoo qaban ibsaniiru.

Sababiidhuma rakkina siyaasaatiin mormiifi jeequmsi itti fufuun biyyattiin sadarkaa balaatti adeemaa kan jirtu ta'uu dubbatu Obbo Lidatuun. Kana malees ''dhalataan Amaaraa dur ani lammii Itoophiyaati jechuun beekamaa tures, wayita ammaa lammummaarra sabummaatti itti cimaa dhufeera.'' jedhaniiru.

Gama biraatinis mudannoon lammiilee bilisaan naannoolee biyyattii garaa garaa keessatti socha'uun akka hinhojjannee, hinbarannee fi hin jiraanne taasifamu, naannoo jiraatan irraa akka buqqa'an taasifamuun mataansaa haala siyaasa biyyattii irratti hiikkaa mataasaa akka qabaatu dubbatu xinxaltoonni siyaasaa tokko tokko.

Kanaafuu maaltu ta'u malaree?

Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Mormiin waggoottan dabran kan biyya keessaa qofa hinturre

Mormiiwwan gurguddoo ka'anii turaniif deebiin mootummaan kenne labsii yeroo atattamaa baasuufi namoota baay'inaan gara mana hidhaa guuruu ture. Tarkaanfiin sunis rakkinicha hanga tokko qabanneesse malee furmaata akka hinkenniineef oggeeyyiin siyaasaa BBCn dubbise kunniin ni dubbatu.

''ADWUI akkuma mootummoota kana duraatti rakkinni mudate. Innis akkuma mootummoota duraatti gaaffii ka'aniif deebii kennurra, rakkinicha hiikuuf waraana hirmaachisuu filateera,'' jechuun dubbatu Joon Maarikaakiis.

Fedeeraalizimii dhugaa uumuu, uummatichi kan barbaade akka filatuuf heeyyamuu, mirga dubbachuufi barreessuu kabajuu, hidhamtoota siyaasaa gadi dhiisuu akkasumas sirna olaantummaan paartii tokko itti hafu hundeessuun, furmaata ta'uu malu jedhan Obbo Mulaatuun.

Obbo Lidatuunis gama isaaniitiin, sirnichi of sakkatta'uun akka isa barbaachisuufi mariin biyyaalessaa amma akka barbaachisu cimsuun dubbataniiru. ''Mootummaanis jaalatee jijjiirama caasaa hintaasisu taanaan, dirqiin jijjirraa fiduun kan hin olleedha,'' jedhan.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan