Qubsuma Koo 5: ''Gara Itoophiyaa osoon dhufe of argu kanan barbaadu Dirree Dhawaati''

Guyyaa ayyaana irra Ribqaan nyaata yeroo lkaaftu Image copyright Rebecca Teshome
Goodayyaa suuraa Ribqaan maatii ishee waliin ayyaanaaf walgahani

Ribqaa Tashoomaan jedhama, kanan jiraadhu Magaala toroontooti. Jireenya koo Toroontoo kanan godhadhe akka tasaatti ture.

Namni waliin hojjennu tokkootu, bakka jireenyasaa Hindii irra gara Kanaadaatti wayita geedaratu, annis akkan garan gara Kanaadaa dhufuuf na kakaase.

Kaanaadaanis biyya dandeettii fi kennaa ofi itti guddisuu danda'an akka ta'e deddeebisee natti hima ture. Yeroo baay'ee waa'ee dhimma kanaa waan nagaafatuuf jecha, ofiirraa dhaabuuf jecha uunkaa guutee. Achumaanis hayyamni Kanaadaa jiraachuu wayita naaf dhufuu garana dhufuu danda'e.

Yeroonsaas ALA bara 1990 ture. Bara sana Kanaadaa deemuuf waanti godhamu yoo jiraate gara Embaasii jiru Naayiroobiitti xalayaa barreessuu qofa ture kan nama irraa eegamu.

Erga xalayaa naaf kennameen boodas hayyamni jireenyaa naaf kenname yeroon itti darbuuf torban lama na hafuun gara Kanaadatti qajeele.

Jalqaba irratti Toroontoo hinjallanneen ture. Ji'a tokko booda gara Itoophiyaattin deeb'e. Heeyyama jireenyaa qabatanii ji'a jaha caalaa Kanaadaan ala jiraachuun waan hindanda'amneef jecha deebii'ee garas deemuun jireenyaa koo as godhadhe.

Image copyright Ribqaa Tashoomaa
Goodayyaa suuraa Qarqara haroo

Toroontoo keessa lammiileen Itoophiyaa kuma 100 ol ta'antu jiraata. Haa ta'u malee naannoo Daanfooz jedhamuutti ammoo guutuummaa guutuutti lammii Itoophiyaatu jiraata yoon jedhe harbeessu natti hinta'u.

Nyaati aadaa Itoophiyaa, suuqiiwwaniifi uffanni aadaa akka garatti argama. Giddu galli Itoophiyaas as waan jiruuf biyya koo na yaadachiisa. Waggaa waggaanis bara haaraa ilaalchisuun 'guyyaa Itoophiyaanotaa' waliin kabajna.

Naannoon ani jiraadhu kun magaalaa keessaa kan bahe waan ta'eef, waanti ilaalamu hedduun hinjiru. Haa ta'u malee, magaalaa Toroontoo qaxxaamuree kan darbu haroo Ontaariyoo irra daandiin adeemsa miilaa ni argama. Anis qarqara haroo sana dhaquun teessuma dagalee irra ta'ee bashananuun jaaladha.

Itoophiyaa fi Kaanaadaa wal bira qabee yoon ilaalu waan baay'een garaa gararummaa qabaatu iyyu, anaan guddatee kan natti beekamu nageenya haawwasummaa Kaanaadaati.

Sababiin isaas yeroo ammaatti waajjira kana keessa waanan hojjedhuuf sirnichi heddu na ajaa'ibsiisa.

Dhihessitii mana jireenyaa, tajaajilli fayyaa fi mana barumsaa oolmaa da'imanii dabalatee haala sadarkaa jireenyaa namootaatiin osoo hin murtaa'iin jiraachuunsaa baayyee garaa garummaa qabaatu jedheen yaada.

Image copyright Rebecca Teshome
Goodayyaa suuraa Turtii hiriyootaa fi maatii waliin qabaadhu

Ergan jireenya koo Toroontootti eegalee kaasees mudannoo gammachiisaa ta'an baayyee dabarseera. Fakkenyaaf, magaalaa kana keessattan heerume ijoollee godhadhe. Irra caalaas barnoota yunivarsitii kanan fixeef asitti waan ta'eef baay'ee natti tola.

Haa ta'uyyu malee Itoophiyaa nan yaada. Keessattu tibba ayyaana waggaatti ixaanni aarfamee firri wal yaaduun wal geenye ayyaneffannu sanan yaada.

Kanaafiidha carraadhuman argadheen maatii fi hirriyoota mana barnootaa waliin wal argu kanan yaaluuuf. Kabaja ayyaana biyya keenyaafi kan biyya alaa sababeefachuun wal argu yaalla. Keessattuu ayyaana 'galata galfannaa' jedhu irratti nyaata biyyaa qopheessuun walitti qabamna.

Ani nyaata adda addaa yoon jaladhe iyyuu, qopheessuuf natti salphatu nyaata biyya alaati. Nyaanni akka buddeenaa natti tole jiraachu baatulleen, naayata meditiraaniyaa guddoon jaaladha.

Sababni isaas caalaa soorata kuduraa waanan baayyisuufiidha. Toroontootti nyaata biyya adda addaatu argama; fakkeenyaaf kan biyya Jamaayikaa, Giriik, Xaaliyaanii fi kkf ni argamu. An garuu kanaan jaaladhuu 'super salaad tuunaa' kan jedhamu qurxummii waliin nyaachuu jaaladha.

Image copyright Rebecca Teshome
Goodayyaa suuraa 'Super saalaad tuuna'

Itoophiyaa wayitan tureetti kanan hojadhu dhaabbata Mootumoota gamtoomanitti komishonii olaanaa baqatootaa (UNHCR) keessaan ture. Mindaa gaarii argachuun alattis, hiriyoota gaarii waanan qabuuf halkan barachaa waan baay'ee godhaan ture. Kanaafu yeroon as dhufe haala biyya kanaatti baruuf xiqqoo natti ulfaate tur

Waggaa 28 dura gara Kanaada wayitan dhufeetti waraqaa waanan qabuuf, maallaqa dhunfaa kootiin alattis motummaan waan na deeggaruuf baayyee hin rakkanneen ture. Hojii argachuufis jo'ota muraasa qofa na fudhate. Ta'us waggoonni lamaan jalqabaa natti ulfaatanii turan. Yeroo booda garuu itti baraa waanan deemeefu hinrakkannee.

Toroontoon magaalaa bareedduu taatulleen, jireenyi ijoolee kootii kan boruu na yaaddeessa. Sababni isaas asitti waanti baay'een kan dhuunfaa ta'aa jireenyis qaala'aa deemaa jira.

Keessattuu gatiin manaa baay'ee dabalaa waan jiruuf na yaaddeessa. Kanaafuu, osoon aangoo qabaadhee waantiin Toroontoo keessatti geeddaruu barbaadu keessaa tokko qaala'iinsa gatii sirreessuudha.

Akka tasaaa osoon gara Itoophiyaa dhufe of argu kanan barbaaduus Dirre Dhawaatti. Bakkan itti dhaladhee guddadhe waan ta'eef qofa osoo hintaanee, haalli jireenyaa Dirre dhawaan kan Finnfinne iirra tasgabaa'aa fi mijataa waan ta'eef Dirreen filannoo kooti.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata