Rakkoolee laga Abbayyaa: Haroo Xaanaa gara hidha guddichaatti

Finca'aa laga Abbayyaa

Lagni dheeraan addunyaa rakkatee jira - dhukkubsachuu irrattis argama, jedha gabaasaan BBC Piitar Shiwaarziisteen laga Abbayyaa hordofuun gabaasa qindeesseen.

Lakkoofsi uummataa garmalee guddataa jiru waan itti ulfaateefi yaaddesseera. Akkasumas, jijjiramni qilleensaas miidhaa irraan gahuutti argama,

Namoonni muraasnis dorgommii bishaan kanatti fayyadamuun walqabateenis naannichatti walitti bu'iinsi uumamaa laata sodaa jedhu qabu.

Kutaa gabaasicha waa'ee laga abbaayyaa sadi keessaa kan jalqabaa kanaan, rakkoolee Abbayyaa mudachaa jiranii fi dinadgeefi boruu lagichi uummatichaaf qabu waliin ilaalla.

Rooba

Rakkoolee madda isaa irraa eegalu.

Hanga roobni roobuutti, yaa'aan Abbayyaa maddi isaa Itoophiyaa ta'ees bishaan dhiibbeentaa 80n ni gumaata.

Lagni Abbayyaa ka'umsa isaa haroo Xaanaa irraa madduun gara kibbaatti bosona keessa qaxxaamuruun gara lolaa cimaatti geeddarama.

Baayyee dheeraa ta'ulleen, lagni Abbayyaa Adiin, kan Afriikaa Bahaa Haroo Vikitoriyaatii madduufi isa Itoophiyaan bahuun Kaartum irratti walitti makamuus, baayyinni gumaata bishaan Abbayya Adii muraasadha.

Haa ta'u malees, roobni Itoophiyaa akkuma duriitti roobaa hinjiru. Kun ammoo naannichaaf balaa hamaadha.

Waqtiin Arfaasaa yeroon roobni fi jidhii baayyeen itti ture, wayita ammaa kanatti booddeetti harkifachaa jira. Yeroo tokko tokkoos rooba xinnaa qofti kan roobu yoo ta'u, darbee darbees gonkumaa osoo hin roobiin hafa.

''Wayita ammaa kanattis, roobni walitti fufiinsa hinqabu. Yeroo tokko tokko kan cimu yoo ta'u, yeroo kaan ammoo baay'ee xiqqoo qofa rooba. Yeroo hunda walhinfakkaatu,'' jedhu Obbo Laakamaariyaam Yoohannis Warqu Yunvarsitii Arbaa Minciitti barsiisaa kan ta'an.

Yeroo roobees, lolaan cimaa waan uumamuuf biyyoo tonii miliiyoonaan lakkaa'amu Itoophiyaadhaa haxaa'uun gara Abbayyaatti geessa. Kunis hidha guutuu fi qonnaan bultoonni lafa albuuda qabeessa ta'e akka dhaban taasisa.

Image copyright ASHRAF SHAZLY

Baayyinni lakkoofsa uummataa dabalaa jiruus haala kanatti boba'aa ida'aa jira. Maatiin baayyachaa yoo deemu, lafaa qonnaa fi meeshaa ijaarsaatiif jecha muka ciru. Balaan lolaan geessissaa jirus, gama biraatii caalaa baayyachaa jira.

Akkasumas omishi hir'achaa gatiin miidhaan garmalee dabalaa yoo adeemu ammoo, hawaasni baadiyyaa durii kaasuun jallisiin osoo hintaanee rooba qofaarratti hundaa'ees, caalaa jireenya hiyyummaa keessa galaa adeemaa jiru.

Siriiyyuu jiraattonni baadiyyaa naannoo Amaaraa irraa dhufan tokko tokko, qonnaa irratti abdii kutachuun gara magaalaa Baahir Daar qajeeluun carraa isaanii yaaluu eegalaniiru.

Baay'een garuu abdii roobni bakka duriisaatti deebii'u danda'a jedhuun omishuma hir'ataa jiruu waliin carraaqaa jiru.

Kanneen muraasni garuu, 'gahe jechuun gahee dha' jedhu.

Dargaggoon umurii 17 Getish Addaamu erga barumsa isaa dhaabuun hojii qonnaatiin maatii isaa gargaaruuf gale bubbuleera. Sanyii filatamaa bituun omisha maatii isaa fooyyeessuuf jecha bisikileeta isaa gurgurullee bu'aa dhabeera.

Kanaafuu, kanneen carraa biraa yaaluuf dandii gammoojjii qaxxaamuruun gara Meditiriyaanitti imaluu fedhan keessaa ta'eera.

''Ani mataan koo hinmurteessine. Maatii koo waliin jiraachuus nan barbaada. Garuu, roobni haala kanaan itti fufa taanaan, ani haala kanaan itti fufuu hindanda'u,'' jedheera.

Image copyright ASHRAF SHAZLY

Walitti bu'iinsa Hidhaa

Abbayyaan hanguma miila fageeffachaa adeemuun rakkoon isaas itti cimaa deema.

Abbayyaan haroo Xaanaatii ka'uun erga gara Km 50 demeen booda, gara finca'aatti geedarama. Isaan boodas danbalii dheeraa keessa galuun gara golga yaa'aa isaatti gala.

Erga burqiituuwwan asiifi achii itti dabalaman caalaas human argateen booda, baddaa irraa gara metira 1,500 asii gadi lafa furgugfamuun imala isaa qajeela. Kunis baayyee bareedaa, kan qofaa saafi tarii eddoowwan yaa'aasaa hunda caala bakka itti hubamuudha.

Ijaarsa hidha ardii Afriikaatti guddaa ta'een walqabatees, jiraattota naannichaa muufachiisaa akka jiru ni dhagahama.

''Mata dureen nuti dubbachuu hinbarbaadne akka jian hubachuu qabda,'' abbaan qabeenyaa mana nyaataa Injibaaraa irraa tokko. ''Gaaffileen balaaf si saaxilanis jiru.''

Namni kunis dubbii arbeessaa hinjiru. Inni kana jedhee guyyaa tokkoon boodas humni nageenyaa kutaa koo sakkatta'uun, yaadannoon itti gabaasu koo qofaa fudhatanii deeman.

Sirna gara biraa irrattis, ergan lafa qonnaa bal'aa fudhatame bira gahuuf xinnoon na hafu daandii Chaagnii irratti poolisiin na dhaabsisuun, gara boodaa akkan deebii'u taasifameera.

Hidha Guddicha Itoophiyaa

Hidhi guddichi Itoophiyaa dandeettii humna anniisaa giigaa waatii 7 omishuudhaan baay'eef madda boonsaafi miliyoonataaf ammoo humna ibsaa argamsiisuuf abdii ta'aa jira.

Garuu biyya Misirii Itoophiyaan gadiitiif ammoo, hidhichi yaa'aa Abbayyaa hir'isuun isaa dhimmaa yaachisaa cimaadha.

Biyyattiin irra caalu gammoojjii yoo taatu, rooba muraasa argatti. Kanaafuu bishaan argachuuf dhibbeentaa 95 ol laga Abbayyaa irratti hundaa'u.

Waliigalteen bara 1959 bishaan Abbayyaa hunda Masiriifi Sudaaniif kenne.

Itoophiyaafi biyyoonni miseensaa biraas waliigaltee kan bara kolonii wayita biyyoonni Afrikaa hedduun dhimmi isaanii irratti mormachuu hindandeenyeetti kan taasifameedha jechuun mormu.

Gama Kaayirootiniis sodaachisuun kan ture yoo ta'u, gama lamaaninuu jechoota ciccimootu darbatamaa ture. Dhuguma bishaan irratti warraanni naannoo kan uumamu yoo ta'e, lagni dheeraa magariisni kun madda ta'uu mala.

''Hundinuu nagaa fakkaata, miti? Qondaala humna galaanaa Mosas nama jedhamutti Baahirdaariitti yoo biiraa dhugnu natti hime. ''Akka adda waraanaa irra jirru hundi keenya ni beekna. Bakki hidhaa jechuunis bakka bishaan jiru, lafa hunda caalu jechuudha.''

Wayita Ertiraan bara 1991tti Itoophiyaan adda baateettis, karra galaanaa dhabuu isheetiin, biyyattiin dhaabbata humna waraanaa bishaanirraa, haroo Xaanaatti cimsite. ''Gara fuula duraatti ni barbaanna ta'a,'' jedha Moses namni maqaansaa jijjirame.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata