Rakkoolee Abbayyaa: baayyina uummataafi faalama

Haroo Xaanaa
Goodayyaa suuraa Lagni Abbayyaa Haroo Xaanaa irraa ka'a

Madda isaa Haroo Xaanaa irraa ka'un karaa Hidha Guddichaa Haaromsaatiin qaxxaamuruun, lagni Abbayyaa Kaartuum magaalaa guddoo Suudaan ga'eera.

Kutaa jalqabaa gabaasa addaa gabaasaan BBC Piitar Shiwaarziisteen laga Abbayyaa hordofuun gabaasee isiin dubbisifneera. Har'as imala keenya itti yaa fufnu.

Iddoon Abbaayaa Cuqulisiifi Abbayyaa Adiin itti wal argan kan qofaatti kan lagnichi tasgabaa'ee dhangala'uun bal'atee kan itti beekamu.

Bakkuma yeroo jalqabaatiif itti magaalaa guddaa argu kanatti, qulqullinni bishaanii Abbayyaa baduu kan jalqabu - dhangala'aa magaalaa bal'achaa jiru irraa gara lagichaatti makamuu jalqaba.

Goodayyaa suuraa Abbayyaa Cuqulisaafi Abbayyaa Adiin walitii makamuun erga humna godhatanii gar Suudaan fi Masiriitti imala itti fufu

Guddina uummataa

Baay'inni uummata Masirii kan bara 1960'rra harka 4'n dabaleera. Itoophiyaan waggaatti uummata miiliyoona 2.5 n dabalatti. Baay'inni uummata naannoo laga kanaarra jiraatanii bara 2050tti miiliyoona 500 ga'uuf deema.

''Laga kana sirriitti hin kunuunsine. Yeroo hundas baay'ee guddaa fi gahaadha jennee yaadaa turre,'' jedhu Injinarri fi yeroo dabalaa isaatti qurxummii kiyyeessuun kan bulan Yuusseef Abbugirun, waggoota 10 kan qabachaa ture irra %10 qofa argachaan akka jiru dubbata. ''Tarii amma waan akkasiif itti baay'anneerra ta'a.''

Hunda caalaa, rakkooleen Kaartuum rakkoolee magaaloota Abbayyaa guddachaa jiranii kan biroo kan calaqqisuudha. Jaarraawwan muraasa darban keessa, daangaan magaalaa guddoo Suudaan baayyee bal'achaa kan jiru yoo ta'u, networkiin dhangala'aan magaalattii hindaballee.

Balfa maqsuuf misoomni gaariin iddoo hin jirretti, warshaalee fi daldaltoonni dhimma harka ofii saanii keessa galfataniiru. Hundumtuu dhagala'aa keemikaalaatii kaasee, dhiigaan bakka gabaa, dhooqa fi bakka beeyiladoonni irra oolanitti hundumtuu gaduma dhiisu.

Garuu, Suudaan keessatti, hammeenyi hawaasa irratti raawwatamuus rakkoo kana hammeesseera. Bara 2014'tti motummaan oggantoota gareen eegsiisoota mirga fayyadamtootaa waan dhimmicha baayyee balaaleefataniif hiree ture. carraan walfakkaatu akka isan hin mudannee sodaachunis, qaamoleen eegumsa naannoo biyyattis faala cimaa dhufe calisuun ilaaluuf dirqamaniiru.

Goodayyaa suuraa Warshaalee fi dhaabbileen daldalaa Kaartuumitti argaman balfa adda addaa gara laga kanaatti dabalu

Saamicha cirrachaa

Kana hunda, gammoojjiin kun mataansaa waan jedhu qaba ture.

Gammoojjii Saaharaa keessa gara Kaabaatti yoo haa'us, Abbayyaan humna dadhabaa fi laafaan dhangala'a.

Magaalaa ho'ina qilleensaa cimaa qabdi jedhamtee yaadamtu, Kaariimaa osoo hinga'in dura, piraamiidoota cirrachaa keessa suutaan darba.

Goodayyaa suuraa Cirrachi naannoo Laga Abbayyaa irraa ka'uun lafa qonnaa misoomuu danda'u qonnaan bultoota jalaa balleessa

Qonnaan-bultoonni as jiran waan uumamn ta'e namni itti darbatu danda'anii jiraachuu baraniiru. Amma garuu rakkoo biraatu isaan mudate: gammoojjiin lafa qonnaa dhiphoo - al tokko tokko meetira 150 qofa ballatu, saffisa guddaa Abbayyaa waliin godaana.

Maloonni ittisa aadaa biqiltoota hidda gadi fagoo qaban dhaabuu yookaan dallaan biqilaa meexxiitiin ijaaramu amma bu'aa hin gargaaran.

Osmaan Mo'aatii, qonnaan bulaa oyiruun qamadii tuullaa cirrachaatiin duraa badaa jirus akkas jedha. ''Ministira naannootti kaartaa iddoo sanaa osoo itti geessanii omaa hin yaadatu,'' qoosaadhaan dubbata. ''Lafti omishaaf ta'u badaa jira''.

Sababni harki caalu jijjiirama qilleensaa irraa kan maddu yoo ta'u, sulula abbayyaa gubbaa hanga gadiitti mudachaa jira.

Waggoota 30 darban keessatti gammoojjiin kun gara Kibba Kaartuumitti km120 kan bal'ate ta'uu Sagantaan Eegumsa Naannoo motummoota gamtoomanii ni hima. Ho'innis garmalee dabalaa jira, lagni kunis hurkee hir'achaa jira.

Goodayyaa suuraa Dargaggoonni hedduun qabeenya karaa salphaan omisha warqeerraa argamuun maalalsiifamanii gammoojjii qonnaa dhiisanii deemu

Suudaan Kaabaatti garuu, dhimmichi sadarkaa hamaarra gahee jira. Sababni kanaas dargaggoo qonnaan-bultoonni humni isaanii gammoojjii kana hambisuuf oolu, omisha warqee karaa saphaan isaan duroomsuun harkiifamuun deemaa jiru.

Qonnaan bultoonni tokko tokko galii dabalataa muraasa argachuuf, dhuunfaatti baqattoota Itoophiyaa, Ertiraa fi naannoo Daarfuur irraa dhufan qacaraniiru. Kuun ammoo meeshaalee isaanii gatuun gara magaalotaatti galaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata