Haroo Xaanaafi Balaawwan mudataa jiran

Xaanaa Image copyright KALKIDAN

Erga haroon kun aramaa imbooc jedhamuun miidhamaa jiraachunsaa hubatam kaasees qaamooleen hawaasa garaa garaa birmachuun aramicha harkaan buqqisuuf duula taasisaa jiru.

Haaluma kanaanis, dargaggoonni naannoo Oromiyaa gara 200 ta'an dhiheenya kana duula kana keessatti hirmaachuuf gara Magaalaa Baahir Daar imalaniiru.

Haa ta'u malee oggeessoonni yaaliin aramaa kana harkaan buqqisuun balleessuuf taasifamu kunis bu'aa qabeessa ta'usaa ni shakku.

Haroon kun balaa aramaa kanaaf saaxilamuunsaa yeroo jalqabaatiif kan barame ALA bara 2011tti.

Aramaan qaama bishaan harichaa heektaara kuma afur uwwiisuun babalachuu eegalees, waggaa tokko keessatti gara heektaara kuma 20 aguuggee.

Ergasii kaasees yaaliiwwan arama kana harkaan buqqisuu yeroo garaa garaatti taasifamaa tureera. Haaluma kanaanisa bara 2011 hanga 2013tti yoo xinnaatte humni namaa gara qarshii miliyoon 16tti shalagamu dhagala'usaa maddeen ni mul'isu.

Haa ta'u malee, wayita ammaa kanattis, qaamni haroo kanaa heektara kuma 50 ta'u aramaa kanaa uwwiifamu dubbatama. Akkasumas, qarqarri haroo kanaa dheerina kiloo metira 128 ta'u aramaa imbooc kanaan agugamu tilmaamama.

Yunivarsitii Kaaliiforiniiyaatti oggeessi saayinsii jireenyaa kan ta'aniifi aramaa imbooc fi haricha irratti qorannoo gaggeessan Doktor Salamoon Kibirat, imbooc deebii'ee dhufuusaatiif maddi isaa wayita aramicha harkaan buqisanitti isa buqqa'ee balleessuuf xiyyeefannaan kennamu hafuusaatiin jedhu.

''Aramaan buqqifame hundinuu qarqaruma harootti gatamee ture. Isaan boodas roobaan dhuqamuun bakka kanaan dura gahee hinbeekne hundatti babalachu danda'eera,'' jechuun BBCtti himaniiru.

Hammeenyi aramaa kanaas yeroo baayyee gutummaa gutuutti balleessuun kan hin danda'amneefi sanyiinsaas hanga waggoota 30 turu kan danda'u ta'ulleen Dr Salamoon ni dubbatu.

Aramaa keessuummaa balaafamaa

Aramaan imbooc jedhamuun beekamu kunis maddi isaa Laatiin Ameerikaa yoo ta'u, karaa garaa garaatiin gara ardii Afriikaafi Eeshiiyaatti akka babalate dubbatama.

Balaawwan aramaan kun geessisu keessaayis, karaa gaa'uu bishaanii dhorkuu biqiltuufi lubbu qabeeyyiin bishaan keessatti argaman akka adu hinargannee dhorka. Fakkeenyaaf qorxummiin qilleensa akka hinargannee ukkaamsuun balaa iirraan gaha. Kana malees ijaarsa hidhaa, maddisiisu humna anniisaa fi qurxumii omishurrattis dhiibbaa olaanaa taasisa.

Xaanaa qofas osoo hintaane, Haroo Qooqaa irrattis aramaan kun mul'achusaa ragaaleen ni mul'isu. Akkasumas haroowwan Oromiyaa keessatti argaman kan biroo kan akka Caamoofi Abiyaataa irrattis aramaan kun umame akka ture dubbatama.

Haroon Xaanaatis attamiin akka balaa aramaa kanaaf saaxilamee sirriin beekuun dadhabamu illeen, meeshaalee ittiin qurxummii qabaniifi bidiruuwwan moofaa akkasumas karaa wantoota qonnaaf barbaachiisanii faana biyya alaatii dhufu akka hinollee yaadama.

Image copyright KALKIDAN

Barbaachisummaa Xaanaa

Haaroon Xaanaa haroowwan 250 umama garaa garaatii ni barbaachisu jedhamuun sadrkaa adduunyaatti fialataman keessaa tokko. Keessa isaattis gosawwa qurxummii 25 kan qabate yoo ta'u, 21 kan ta'anis bakka biraatti kan hinargamneedha.

Namoonni naanoo haroo kanaa jiraata miliyoon 3-4 ta'aniis haroo kana waliin walitti dhufeenya kallatti qabu. Kana malees, omishi qurxumii waggaatti Xaanaa argamu kan qarshii miliyoona 1.1tti tilmaamamu ta'u Dhaabbanni Nyaataafi Qonnaa Addunya beeksiseera.

Haruun kunis waggaatti dandeetti omisha qurxummii tonii kuma 13 omishu kan qabu yoo ta'e iyyuu, garuu toonii 1000 olii yoo keennu hinmul'anne. Aramaan imbooc jirraattoata bishaan keessaa balaaf saaxilaa jiraachu dubbata.

"Tarkaanfiiwwan barbaachisaa"

Dr Salamoonis marii qondaaltoota naaniichaa fi qaamoolee Yunivarsitii waliin taasisaniin, aramaa kana maachiniidhaan balleessuu yaaluun filannoo fudhatama olaanaa qabu ta'u hubachusaanii dubbatu.

Maashinitti fayyadamuunis aramaan kun ariitiin akka to'atamu dandeessisa.

Dr Balaayina Ayyala Naannoo Amaaraatti Daarektarri mummee Abbaa Taayitaa Eegumsa Naanoo, Bosoonaa fi beelatootaa akka jedhanittis, yunivarsitoonni Gondariifi Baahirdaar waltaasisuun hojii maashina erga aramaa kana buqqiiseen booda gara madda baayoogaaziitti geeddaruu jalqabsiisuuf yaalaa jiru.

''Tarsiimoon To'annoo ittisa aramaa Imbooc Haroo Xaanaa'' 2014 hanga 2018tti wixinneefames, tarkaanfiiwwan qindooman akka fudhataniif ni gorsa.

Dr Salamoon ammoo filannoon maashnaa kallattii humna maallaqa biyyattiitiin kan baasu miti jedhu.

Baasii maashinicha sochoosuuf barbaachisuun maddittis, bakka maashinoonni dhaabbataniif daandii ittiin aramaan buqqa'ee dedeebiifamuun barbaachisaadha. Kun ammoo gandoota amma aramaa kanaan miidhama 18 keessa hinjiru, jedhu Dr. Salamoon.

Kana biraanis, osuma maashina 10 hirmaachisameeyyuu, aramaa amma Xaanaa agugee kana haamee fixuuf waggaa tokkoofi walakkaa akka itti fudhatuus eeraniiru.

Gama biraatiinis, keemikaala itti biifna jedhame osoo yaadame, kun ammoo lubbu qabeeyyii bishaan keessatti argamaniif balaa qabaachunsaa kan wal nama hingaafachifne ta'u dubbatu.

Muxannoowwan biyoota biraa

Biyyi ollaa Sudaan to'annoo imboociitiif qofa waggaattii baasii paawuundii miliiyoona tokko akka baaftu dubbatama.

Yuugaandaan gama isheetiin armaa Haroo Viktoriyaa weerare ture waggaa lama qofa keessatti to'achu kan dandeesse yoo ta'u, malawwan itti fayyadamte keessaa tokko mala to'annoo sirna jireenyaati.

Kunis karaa ilibiisa boomii jedhanutti fayyadamuun kan raawwatamuudha. Kanaafu, Dr Salamoon gosawwan boomboo lamaanu Itoophiyaa keessatti akka walhoran taasisuun hojii ittisa armaa kan raawwachuun akka danda'amu qaranoon mirkanaa dubbataniiru.

Qormaatawwan gara biraa

Lageen naannicha biyyeefi dalalii waan qabaniifu, aramaan kun haroo kana keessatti akka latuufi babalatuuf gargaaree jira.

Karaa gara biraatinis, dhagala'aan warshaaleen naannawa Haroo Xaanaatti argamaniin gadiifamuus dhabiinsa qulqullina bishaanitiif sababii dabalataa ta'ee jira.

Baayyinni uummata naannoo haroo kanaa jiraatuu dabalaa deemu, qabeenya uumamaa haroo akka waljalaan hirataa addeemuu taasisuu isaa qorannoowwan ni mul'isu. Xaanaan qaamolee hawaasaa hojii qurxummii kiyyeessuu irratti boba'an kuma 400 ta'aniif madda jireenyaati. Isaan keessayis Bitawu Kaasanyi tokko.

Bitawu wal jalaan baayyinni qurxumii hirataa deemuun, babalina imbooc waliin jireenya isaa yaaddoo irratti akka kuffise dubbata. ''Waan duraan torbanitti argannu amma ji'aan ol nutti fudhata,'' jechuun ture haala yaaddoo saa kan ibse.

Walumaa galattis, jaarraawwan lamaan darban keessa baayyinni qurxummii Xaanaa qabamanii haala olaanaan hir'itaa dhufeeera.

Akkasumas, Giddugalli qorannoo bulchiinsa qabeenya Haroo Xaanaa akka jedhutti, dhiiqamni lafaa, faalamuun naannoo, qotiinsi cirrachaa, haalli aadaa qonna ruuzii qarqara haroo kanaa fi rakkoolee kan fakkaatan Xaanaa irratti dhiibbaa taasisaa jiru.

Haroo rakkoolee kanneen hundaan marfame jiru kunis, yeroo kamiiyuu caala amma sadarkaa itti xiyyeefannaa olaanaa argachuu qabu irra gaheera.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan