Dho'iinsa bombii Moqaadishootti gaheen namoonni 350 ol du'an

Bakka dhuukaasni boombii itti mudate Image copyright Reuters
Goodayyaa suuraa Namoonni jigaa gamoo jelatti qabamanii akka jiran ni sodaatama

Dho'iinsi boombii cimaan magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqaadishootti Sanbata darbe mudateen, namoota 350 ol ta'an du'uu isaanii maddi poolisii beeksiseera.

Hojjattoonni ambulaanis ammoo lakkoosfi kun caalaa dabalu akka danda'u dubbatu.

Haala gaddaa biyyattii ollaa Somaliyaan irra argamtuu kana ilaalchisuunis, Itoophiyaan gadda isheetti dhagahame ibsitee jirti.

Namoonni dhibba hedduun lakkaa'aman ammoo, konkolaataa boombiin guutamee karra hoteelaa irratti erga dhuka'ee booda miidhaaf saaxilamaniiru.

Erga gareen shororkeessaa Al'Shabaab Somaliyaa seenee waggoota 10 asitti, kun haleellaa isa hamaa ta'uun galmaa'eera.

Pireezidanti Mohaammad Abdullaahii ''Faarmaajoo'' Mohammad '' gochaa suukanneessaa'' jechuun balaalefataniiru.

Hanga ammaattis gareen kamiyyuu haleellaa kana duuba jiraachuu hin dubbanne.

''Obboloota, gochi kun kan raawwatame namoota siiviilii dhimma mataa isaanii geggeessaa turan irratti,'' jedhaniiru pireezidaantichi.

Namoota dho'iinsa kanaan miidhaman yaadachuuf guyyoota gaddaa sadi labsanii jiru.

Maatiinis Dilbata irraa qabanii namoota balaa kanaan miidhama barbaacha naannoo sanatti wal ga'anii akka turan miidiyaaleen biyya keessaa gabaasiiru.

Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Gocha kana mormuun warri ba'an aarii qaban mullisuuf marxoo diimaa mataatti kaawwatanii ba'an

Qondaalli poolisii Ibraahim Mohaammad jedhamus, namoonni 300 ol miidhaa cimaan kan irra ga'eefi lakkoofsi namoota du'aniis dabaluu akka danda'u tajaajila oduu AFP'tti himaniiru.

Dho'iinsa 2ffaa naannoo magaalatti Madiinaa jedhamutti ta'een ammoo namoonni 2 ajjeefamuu qondaaltonni mirkaneessaniiru.

Kantiibaan Moqaadishoo Taabiit Abdii, namoota gocha kana mormuuf walitti ba'aniif waamicha tokkummaa dhiheessaniiru.

''Yaa uummata Moqaadishoo, Moqaadishoon bakka awwaala namoota gubachuun du'anii ta'uu hin qabdu,'' jedhan.

Riipportarri BBC Somaalii bakka dho'iinsa sanarratti argame, hoteelli Saafaarii kan jige yoo ta'u, namoonni jigaa gamoo sana jalatti akka qabaman gabaaseera.

Muhiddiin Alii AFP'tti akkasiin waan ijaan arge hime, ''dhukaasa isa hamaa ija koon argee hin beeknedha, naannoo kana guutummaatti barbadeesse''.

Haaluma walfakkaatunis, Daarektarri Hospitaala Maadinaa, Mohaammad Yusuuf baayiina miidhaa qaqbeetiin baayyee rifachu dubbateera.

Goodayyaa suuraa Somaaliyaan haleellaa boombiin yeroo garagaraa miidhamtee jirti

Hawaasni idil-adduunyaas battalumaan haleellaa kana balaaleffatani:

Pireezidaantiin Komishinii Gamtaa Afriikaa Muusaa Faakii Mahaamat, Somaaliyaan carraaqqii nageenya walitti fufiinsa qabu fiduuf taasiftu keessatti dhaabbanni isaanii gargaarsa isaa akka itti fufu dubbatan.

Turk ammoo xayyaara meeshaalee wal'aansaa waliin akka ergitu fi namoonni madaa'an tajaajila wal'aansaa Turkitti akka argatan gochuuf waadaa seente.

Ergamni waraanaa Ameerikaa Somaaliyaatti argamu ibsa baaseen gochaa kana ''gocha sodaattummaa'' kan jedhe yoo ta'u, biyyoonni Afriikaa shororkeessummaa balleessuuf wallaansoo qabatan gargaaru akka itti fufu beeksiseera.

Ministirri Haajaa Alaa Yunaayitid Kiingidam, Booriis Joonsan, qalbiin isaanii maatii namoota miidhamn fi uummata Somaliyaa waliin akka ta'e himuun, ''namoonni gochaa kana raawwatan lubbuu namootaafis ta'e miidhamuu uummata Somaaliyaatiif kabaja kan hin qabne dha'' jechuun itti fufu.

Barreessaan Olaanaa UN Antooniyoo Guuterees tiwiitar irratti waan barreessaniin, gochaa kanaan keessi isaanii miidhamuu dubbachuun, shororkeessummaa fi mankaraarsummaa irratti tokkummaan akka jiraatu waamicha dhiheessaniiru.

Pireezidantiin Faransaayi Imaanu'eel Maakroon Somaaliyaa cinaa akka dhaabbatan 'tiwiit' godhaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan