Al-shabaab Somaaliyaa keessaa eenyu?

Loltoota al-Shabaab Image copyright AP

Hidhattoonni Islaamummaa leellisan al-Shabaab, mootummaa Somaaliyaa UN'n deeggaramu waliin falmaa kan jiran yommuu ta'u, biyya ollaa Keenyaa ammoo yeroo gara garaa halelaniiru. Gareen al-Qaayidaa waliin michuu ta'e kun, magaalota duraan qabatee turerraa ari'amus, ammas hedduu sodaatama.

Al-Shabaab eenyu?

Al-Shabaab, Afaan Arabaatin, Dargaggoota jechuudha.

Jihaadistoonni biyyoota alaarraa al-Shabaab gargaaruuf gara Somaaliyaa akka dhaqan, hedduu gabaafameera. Biyyoota ollaa jiran dabalatee, Amerikaa fi Awuroppaa irraas kan dhaqan jiru.

Ameerikaa fi Ingiliizin garee shororkeessaa ta'uun ramadameera. Loltoota 7,000 hanga 9,000tti qaba jedhamee amanama.

Al-Shabaab gosa Islaamummaa Saawudii Arabiyaa, Waahaabii ennaa leellisan; Somaalonni hedduun Suufii dha.

Naannoowwan to'atettis seera Shariyaa hojiirra oolcheera. Dubartii sagaagalummaan himatamte, dhagaan reebanii ajjeesuu fi hattuu harka irraa kutuu dabalata.


Al-Shabaab Keenyaa keessaa maal godha?

Al-Shabaab Keenyaa yeroo hedduu haleeleera. ALA Ebla 2, 2015tti ajeechaan Yunivarsiitii Gaarrisaa, dhiheenya daangaa Somaaliyaatti ta'e, kan yeroo kamiyyuu caalaa isa hamaadha.

Haleellaa kanaanis namoonni 148 lubbuu isaanii dhabaniiru. Miseensonni garee kanaa qawwee qabatan, barii barraaqa mooraa yuniivarsiitichaa seenuun barattoota Kiristaana ta'an fixan.

Image copyright AP

Kana dura ammoo, 2013tti, haleellaan inni hamaan wiirtuu daldalaa Westigeetitti raawwatame. Kanaanis namoonni 68 lubbuusaanii dhaban.

Westigeetiifi haleellaawwan birootti, hidhatoonni kunneen, namoota Musliima ta'an ennaa hambisan, kanneen jechoota Quraana keessa jira jechuu hindandeenye ajjeesaniiru.

Kana malees haleellaan dhukaasaafi boombii al-Shabaabiin walqabatan hedduun naannolee daangaafi Naayiroobitti ni raawwatamu. Iddoowwan daangaa kaneenitti, lammiileen Keenyaa hedduun sanyiin isaanii Somaaleedha.

Akka jecha al-Shabaabitti, Keenyaa irratti kan xiyyeeffatu, waan Keenyaan humna waraanaa ishee lafa Somaaliitti waan galchiteefi. Humni waraanaa kunis humna Gamtaa Afriikaa (AU) 22,000 ta'anitti makame.

Fulbaana 2016tti, mooraa waraanaa Keenyaa, Somaaliyaa iddoo el-Adee jedhamtu keessa argamu akka malee haleelan. Kanaanis akka jecha Pireezidant Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammuditti, loltoota 180 ajjeesan. Raayyaan waraanaa Kenyaa lakkoofsa kanarratti waliigaluu baatus, meeqa akka lubbuu dhabanis wanti jedhe hinjiru.

Lakkoofsi pireezidaantichaa dhugaa tha taanaan, haleellaa al-Shabaabin raawwatame isa hamaa ta'a.

Al-Shabaab Keenyaatti dameewwan namoota haaraa ofitti makuuf gargaaran hundeesseera. Mombaasaa, iddoo hawaasni Muslimaa itti heddumaatuttis dameewwan qaba.


Al-Shabaab iddoowwan Somaaliyaa hagam to'ata?

To'annaa magaalotaa gurguddaa fi xixinnaa baayyee dhabus, ammallee baadiyyaan hedduu to'annaa isaa jala jiru.

Hagayya 2011tti humnoonni Gamtaa Afriikaatin deeggaraman magaalaa guddoo Somaaliyaa, Moqaadishoorraa baasan. Akkasumas Fulbaana 2012tti shoora Kismaayoo gadhiisanii bahan.

Daldala Kasalaa magaalaa sanatti geggeefamuu irraa hanga tokko kutachuun maalaqa guddaa argataa kan ture al-Shabaab, Kismaayoo dhabuun isaanii dinagdeen isaanii irratti hubaatii fideera.

Gargaarsa humna qilleensa Ameerikaan gargaaramuun haleellaa Motummoota Afriikaa Gamtooman karaa lafoon godheen bara 2008 keessa hogganaa gartuu kanaa Aden Haashii Ayeroo fi kan isa bakka bu'e Ahmed Abdii Godaane ajjefamuu danda'aniiru.

Wayita ammaatti al-shabaabiin nama Ahmad Umaar yookaan Abu Ubaidaah jedhamuun hoogganama. Odeefannoo nama kana to'anno jala oolchuutti gargaaru nama fideef mootummaan Ameerikaa miliyoonii 6 laachuuf qophii akka taatee beeksifteetti.

Humni al-shabaab waraana geggeefamuun dahdaba jiraatulle, gartuun kun ammayyu ergaa balleessanii baduu geeggeessu danda'aa jiru.

Keessattu waraanni Itoophiyaa erga gad lakkisee deeme, magaalaa baay'een deebisanii to'annoo jala galchaa jiru.

Itoophiyaanis waraanni koo somaalee gad dhiisee kan bahe maalaqni itiin waranakana jiraachisan waan dhabameefi haa jetu malee, xiinxaltoonni garuu, mormii mootummaa irratti wagoota kurnan lamaan darban keessatti geggeefamaa jiru ittiin cabsuuf humni kun Itoophiyaa keessatti barbaadameeti deebi'ee jedhu.


Hidhanni al -Shabaab biyya alaa waliin qabu maalii?

Vidiyoo walta'uun Gurandhala 2012 keessa gad-dhiifame, hooganaan al-Shabaab kan ta'e Ahmed Abdii Godaane qondaala al-Qa'iidaa kan ta'e Aymaan al-Zawahiiriif ''fedhii aboomamuu'' akka qabuuf ibseera.

Gartuun lamaan kunnis yeroo dheeraaf waliin hojjechaa akka turanii fi namoonni biyya biraa irraa dhufanis hidhatoota Somaalee kana tumsuun waliin waraanaa turaniiru.

Kana qofa utuu hinta'in al-Shabaab hidhattoota Afriikaa keessaa kan akka Bokkoo Haraam, Naayijeeriyaatti kan argamuu fi Maghreeb al-Qaa'idaa, biyya Islaama kan gamoojjii Sahaaraa kessatti argamtuu waliinis hidhata akka godhan gabaasa heeddu irra baruun danda'ameera.

Erga Mootummaan Islaamummaa yookaan Islamic State (IS) bara 2014 keessa as bahe boodas , al-Shabaab hidhata qaban gara sanatti jijiiruuf marii geggeessanii turan.

Haa ta'u malee yaadi kun fudhatamaa kan dhabe yeroo ta'u, gartuu xiqqoon tokko irraa fottoquun addaan bahaaniiru.

Somaalee Keessatti maaltu ta'a jiraa?

Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Lammiiwwan Somaalii hedduun jireenya isaanii haala hongee, beelaa fi walitti bu'insa keessatti dabarsan

Somaaleen waggoota digdamaa ol darban keessatti mootumma sirna qabeessa ta'e qaabaate hinbeektu. Irra caalaan biyyaattiis dirree waraanaa taate turteetti.

Al-Shabaab nagaan buusa jedhe waadaa seeneen namoota biratti fudhatamni isaa dabale. Haa ta'u malee beela fi hongee bara 2011 keessa dhalatee ilaalchisee biyyoota gudatan (dhihaa) irraa gargaarsa nyaata hinfudhatamu jechuun waan dideef amanamummaan dhaaba kanaa kufuu jalqabe.

Moogaadishoon to'anno mootummaa jala galuu ishee irraa kan ka'e fi namoonni Somaalii baay'een maalaqaa fi oggummaa horatan qabatanii gara biyyaatti deebi'u isaanii irra kan ka'e abdii namoota kessatti dhalachaa dhufeera.

Misoomni bu'uraa kan akka ibsaa karaa-irraa, tajaajila balfa walittiqabuu fi mannewwan wayyaa bishaan malee qulqulleesan magaala gudditti tessumaa mootumma keessatti deeb'uun hojii jalqabee jira.

Haa ta'u malee Somaalii keessatti filannoo demokratawaa geggeessuuf haala badaa fi addaa addumma cimaan keessa jirti. Yeroo dhumaaf kan kun ta'e beeku bara 1969 ture.

Kanaafuu, haala olaanaan qindaa'uun akkaataa bakka bu'oota paarlamaa fi prezidaantiin itti filataman jaroolee gosa fi dhiibbaa uumuu danda'an waliin ta'uun irratti hojjetama jira.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan