Seenaa barataa gurraacha Yuun. Oksifoord isa jalqabaa

Kaartuunii Kiristiyaan Kool Image copyright Bodleian Library
Goodayyaa suuraa Kaartuunoo Kiristiyaan Kool fakkeeffamee hojjetame

Yuunivarsiitiin Oksifoord barataa isaa gurraacha isa jalqabaa Kiristiyaan Kooliif sagantaa yaadannoo qopheesse. Kiristiyaan Kool eenyu, yeroo nama gurraacha yuunivarsiitii keessatti arguun baramaa hin turretti barachuu isaatiin hoo wanti isa mudate maali?

Kool ammaan tana namoota Oksifoord keessatti namootni waa'ee isaanii baruuf hawwii guddaa qaban keessaa tokko.

Bara 1873, dargaggeessi umuriin isaa ganna 21 Seeraa Liyoon, magaalaa Watarluu irraa dhufe, dargaggoota maatiin isaanii hayyoota Viktooriyaa Ingilaand ta'an waliin Yuunivarsiitii Oksifoord keessatti barataa ture.

Magaalattiin wayita sana Kooliif bakka ulfaataa ta'uu oolle, jedhu Dr Roobin Darwaal ogeessi galmee seenaa Yuunivarsiitii Oksifoord.

"Namoota hedduuf ammoo lammii gurraacha afriika isaan argan isa jalqabaa ta'uus mala," jedhu.

Image copyright University College
Goodayyaa suuraa Barreeffama Kiristiyaan Kool yaadachuuf Yuunivarsiiticha keessa kaa'amee jiru.

Afaan Ingilizii loqoda Seeraa Liyoon haasa'a waan tureef, barattoota waliin baratan duuka walii galuun jalqabarratti isaaf rakkisaa ta'uu danda'a, akka ogeettiin seenaa aadaa Pameelaa Rooberts jedhanitti.

Kitaaba 'Black Oxford: The Untold Stories of Oxford University's Black Scholars' kan barreessan ogeettiin kun, kophaatti wanti isaaf taasifamaa ture hin turre jedhu.

"Yeroos yeroo addatti deeggarsi itti taasifamu hin turre" jedhu.

Waa'een jireenya inni duraan Afriikaa keessatti jiraachaa turee badaa hin beekamu. Ta'us barnoota gaarii fi hayyummaan inni qabu sadarkaa sanarra akka gahu isa gargaaruu akka hin oolle dubbatu Paameelaan.

Akaakayyuun Kool daladala garbaan gara Ingilaand geeffaman, Kool ammoo Bataskaana Ingilaanditu Seeraa Liyoon keessatti guddise.

Magaalaa guddoo Seeraa Liyoon, Firiitaawon keessatti kan argamu kolleejjii Fooraah Beey jedhamutti barate. Kooleejichi mishinaroota kiristaanaatiin bara 1827 ijaarame.

Image copyright TargetOxbridge
Goodayyaa suuraa Yuunivarsiitiin Oksifoord lakkofsa barattoota gurraachaa dabaluuf hojjetaa jira.

Kool wayita Oksifoorditti barataa ture yuunivarsiiticha irraa deeggarsi inni argatu hin turre.

Kaffaltii yuunivarsiitichaaf kaffalamu abeeraa isaatu gargaarsaa godhaaf, innis muuziqaa barsiisuu fi tutoorii kennuun maallaqa argatuun barate.

Hojiin inni dabalataan hojjetu kunneen, Kool galmee seenaa yuunivarsiitichaa irratti maqaasaa galmeesisuu irraa isa hin dhorkine, jedhu Dr. Darwal Ismiiz

Seenaan isaa kaartuuniiwwaniinis galmaa'ee jira. Gamee guyyuu yookan Daayarii Anaa Filoorens Waard keessattis maqaan isaa eerameera. Anaan Waxabajjii bara 1876 wayita obboleessa ishee gaafachuuf gara yuunivarsiitichaa deemte kan Kool agarte.

Maqaa isaa Kool jedhus Afaan Ingiliziin 'Coal' yookan cilee jettee ture kan barreessite.

Image copyright Master and Fellows of University College
Goodayyaa suuraa Erga Oksifoord keessaa bahe Kool waraana Zuuluu irratti kitaaba barreessee ture.

Ija jabanaa kanaan wanti yaadannoo irratti argamu ifaatti hiika sanyummaa badaa kan qabu ta'us, Kool waliin kan jiraatan gargaaraanii akka turan Dr Daarwol-Ismiiz ni dubbatu.

Akka fakkeenyaatti kan kaasanis, erga eessumni du'anii booda Kooliin maallaqaan gargaaruuf iyyannoo jalqabamee ture dha.

Hoogganaa Yunivarsiitii Koolleejichaa Joorj Biraadleey fi barataa Heerbart Gilaadistoon (ilma ministeera muummee yeroo afurii Wiiliyaam Iiwaart Gilaadistoon) irraa deeggarsa argatees ture.

Biraadleey erga diigirii isaa bara 1876tti fudhatee koolleejicha gadhiisee booda waggoota 2'f kaffaltii miseensummaa kaffalee jira.

Kool sadarkaa kabaja 4ffaa dhaan barumsa 'Kilaasiiksiin' eebbifamus, Dr Daarwol-Ismiiz dadhabina miti jechuun jela muranii himu.

Kilaasiiks yeroo sanatti barnoota ulfaataa jedhamee fudhatama ture.

Erga Okisfoordirraa ba'ee booda gara Seeraaliyoon deeme, achiis Landanitti deebi'ee 'Iinar Teempilitti' makate, kunis bara 1883tti osoo nama gurraacha Afriikaa isa jalqabaa seera mana murtii Iingilaand keessatti shaakale hin ta;in durattidha.

Walaloo mata duree "A Negro, B.A., of University College" imammata Biriiteen Lola Zuuluu irratti qabdu qeequ illee bara 1879tti maxxansiiseera.

Barreeffamichis miseensa paarlaamaa kan ta'an Wiiliyaam Iiwaart Gilaadistan kan inni ''abbaa siyaasaa'' jedhee ibsuun, isaaniif kan barreeffame dha.

Yunivarsiiticha keessatti akka barataa gurraacha jalqabaatti milkaa'ina fi sadarkaa inni qabu waliin yoo wal bira qabamu, beekamtii guddaa hin arganne, kun gaaf tokko waan jijjiiramuu danda'u ta'ullee.

Yuniversitichi naannoo gamoowwan isaa irratti namoota yaadannoof suuraa, fakkii, fi siidaawwaniin kaa'amanii jiran baay'ina isaanii dabaluun xiyyeeffannaa isa duraa ta'uu ni ibsa.

Image copyright OxfordACS
Goodayyaa suuraa Hawaasni Afriikaanota Kaariibiyaan waggaatti al tokko koonfiraansii ni geggeeffatu

Bakka kanneen soreeyyii, irra caalli adii ta'an, barattooaa, warri gurraachaafi warri bicuun akka hin iyyanneef waantoota dhorkaniif kun fudhata olaanaadha Yunivarsitii Oksifoordiiti.

Kunis rakkina Toob Tomaas hubatteedha. Isheenis bara sanatti Fuulbaana gahuun Koolleejii Tirinitii irraa warra eebbifaman keessaa gurraachi ishee qofaadha.

''Hirriyoota maaliif asitti iyyaata galfatte naan jedhanitti dubbachu nan qaaneefadha ture'' jetti.

Naa'oomi Kelmaan sagantaa 'Taargeet Oxbriijii' jedhu gaaggeesiti turte. Sagantichis, baratooti guraachoti akka Yunivarsitii Oksifoordiitti iyyataniif gargaaruuf dhaabbateedha. Isheenis kun 'dhugaatti dhiibbaa olaanaa'' qabaachu danda'a jetti.

Garuu seenaan nama beekamaa Kiristiyaan Kolee maalii xumurame?

Kan nama gaddisiisu, erga seera oggeessaa ta'een booda hojii argachuuf baayyee yaalee ture. Booda ammoo gara Afirikaa bahaatti qajeele.

Odeeffannoon waa'ee seenaa jireenyaa isaa 'baayyee, baayyee walihinfakkaatu,' jetti dubre Roobartis.

Kooleenis umurii 33tti gudufiidhaan bara 1885tti Zaanziibaar keessatti boqatte.

Geessituuwwan Intarneetii walitti dhiyaatan

Qabiyyee iddoola alaatiif BBC'n itti hin gaafatamu