Waldhabdee Kaataalooniyaa: Isipeen ofiin of bulchuu Kaataalaan dhorkuufi

Madda suuraa, AFP
Wanti amma booda ta'uuf deemu tarii Kaataalaan keessatti mormii kaasuu danda'a
Hogganaan Kaataalaan yeroo bilisummaa labsuuf sossodaachisaa jiranitti, Ispeen gaafa Sambataa eegale mirga ofiin of bulchuu Kaataalaan dhorkuuf socho'u eegaluufi.
Mootummaan Ispeen akka jedhetti, ministeeroonni biyyatti keeyyata heera biyyatti 155 fayyadamuun kallattiin Kaataalaan bulchuuf wal gahuuf jedhu.
Akka hogganaa Kaataalaanitti yoo Isipeen hacuuccaa itti fufsiiste manni maree isaanii bilisummaa irratti sagalee kennuu danda'a.
Lammiileen Kaataalaan rifarandamii seeraan ala jedhameen Ispeen irraa foxxoquuf filataniiru.
Wanti amma ta'a jiru yoo akkanumaan itti fufe erga filannoo as jeequmsa biraa kaasuu danda'a jechuun namoonni muraasa sodaataa jiru.
Manni murtii olaanaa Ispeen filannoon taasifame seeraan ala akka ta'eefi heera biyyatti cabse jechuun biyyattiin adda qoqqoodamuu hin dandeessu jedheera.
Mootummaan abbaa irree Ispeen jeneraal Firaansiskoo Firaankoo du'anii waggaa sadii booda, keeyyanni heera biyyattii 155 irratti argamuufi bulchiinsi dimookiraasii akka lafa qabatu taasise kanaan dura gaafatamuu baatuus Maadriid yeroo waldhabdeen uumamu kallattiin bulchuuf itti fayyadamaa jirti.
Gaazexessaan BBC Maadriidiitti argamu Toom Buurij akka jedhetti, Maadriid Kaataalooniyaa keessatti seerri akka kabajamu, heera Ispeen jalatti akka bulaniifi wanta seera hin taane jedhan to'achuuf yaalaa jiru.