Rakkoolee laga Abbayyaa: hegereen laga dheericha addunyaa kanaa maali?

Balfa qarqara laga Abbayyaatti walitti qabame
Goodayyaa suuraa Lagni Abbayyaa magaalaa Kaayiroo wayita gahu faalama hedduu horata

Kun imala faana dhahuu laga dheericha addunyaa isa xumuraati - madda isaa haroo Xaanaa irra kaasee hanga dhuma isaa galaana Meeditiraaniyaaniitti.

Lagni Abbayyaa kan magaalaa Kaayiroo kan gahu erga faalama hedduu horateeti, akka gabaasaan BBC Piiteer Schiiwaartizti.

Hededi lagichaa balfaan sararamee mul'ata. Dhangala'a balfa bakka baay'eerraa itti dabalamuun bishaan isaa furdatee kan mul'atu yeroo ta'u faalama gosa adda addaa irraa kan ka'es ni calaqqisa.

Qonnaan bulatootni gara Kaaba laga kanaa jiraatan hir'ina bishaan irra kan ka'e guungumaa jiru. Kunis balfaan cufamuu boyii bishaan jal'isichaa irraa kan ka'e yaa'aan bishaanii xiqaachaa dhufuusaatiini.

Muddama siyaasaa

"Abbayyaan nuuf waan hunda -nyaatas, dhugaatiidhas," jedha qondaalli Ministeera Bishaanii fi Qabeenya Uumamaa Masirii Alii Meeno'uufi. "Wanti tokko yoo irratti uumame badii guddaatu mudata."

Dhimma hariiroo yaa'aa laga Abayyaan walqabatee mariin siyaasaa fi ibsi waggoota lamaan darban keessa bahaa ture balaa jiru kan mul'isuu dha.

Image copyright Google
Goodayyaa suuraa Biyyoota yaa'a laga Abbayyaa

Aangawootni Mootummaa Masir duraanii keessa turan, hidha guddicha Abbayyaa ilaalchisee waamicha mormii bara 2013 keessa godhaa turaniiru; akkasumas deebi balaallefannaa kanaa haa ta'uuf, Finfinneetti kan argamu miidiyaan mootumma Itoophiyaas ifatti dhimma kana irratti dubbataa tureera.

Akkuma hidhi guddichi laga Abayyaa gara xumuramuutti dhihaataa jiru, angaawonni Masiriis, meeshaa waraanaa lafa fagootti furguggifamuu danda'an lama Firaansiin omishaman hidhachuun, dandeetti waraana isaanii cimsaa jiru.

Akka xiinxaltoonni jedhanitti tarkaanfiin kun dhaamsa Itoophiyaaf dhaamuu akka barbaadde mul'isa.

"Fuurmaatii hunduu minjaala irra jira," jedhu dubbi himaan ministeera dantaa alaa fi mariisisaan duraanii waliin-dubbii laga Abbayyaa Ahmeed Abbuu Zee'id, filannoon mootummaan isaanii qabu humna waraanaa qofa akka ta'e wayita gaafatamanitti.

Akka seenaa irraa hubachuun danda'amutti, biyyoonni yaa'aa laga Abayyaa mufannaa jiru kana ilaalchisee dhihooti walitti bu'uun isaanii waan uumamu miti.

Waldhabdeen yaa'a bishaanii daangaa qaxxaamuranii nagaan furamaa akka turan galmeen seenaa ni dubbata.

Goodayyaa suuraa Hidha guddicha laga Abbayyaa

Ijaarsi hidha guddicha laga Abayyaas waan hin oolle ta'uu erga mirkaneeffattee as Masiriin gara waligalteetti yaada ishee deebisaa jiraachuu mallattooleen mul'isan jiru.

Haa ta'u malee, dhimma hidha guddicha iccitii jiru dhoksuun Itoophiyaa hidha kana bishaaniin guutuuf yeroo hagam fudhata isa jedhuu baruun ulfaataa akka ta'u godhee jira.

Baqattoonni Oromoo Masirii keessa jiraatan, wayita oduun waa'ee hidha Abayyaa biyyatti kessatti haasa'amutti, dararaan nurra gahus ni dabala jedhu.

Odolawwan haroo Xaanaa irra jiran keessatti kan argaman dabalatee, kaawulaa/gadaamiiwwan Itoophiyaa walitti dhufeenya cimaa duraan mana amantaa Ortodoksii Kooptik biyya Masirii wajjin qaban diiguun, moloksoota lammii Masirii gara biyya isaanitti akka deebifaman godhamaniiru.

Bakka lagi kun galaanatti dabalamu

Qurxummi qabdoota naanno Rooseettaa, bakka dameen laga abbayyaa inni gara dhihaatti goru galaana Meeditiraaniyaaniitti dabalamutti hojjetaniif balfi lagni kun fidee dhufuu caalaatti balaa akka isaaniif qabu mirkana dha.

Naannawa sanitti wantoonni isaan kiyyeessan danuun lubbuu hin qaban, qurxumiiwwan achi keessa bahanis gaarii waan hinta'iniif nyaachuun hin danda'amu.

Fiixeen Abbayyaa, bakka inni itti galaanatti dabalamus summaa'uu irra kan ka'e lubbu qabeeyyii xiqqootu jiraachuu danda'a, jechuun namoonni qurxummi kiyyeessuun jiraatan himaniiru.

''Laga kanaaf akka waaqaatti ilaalla ture, amma garuu homaa tokko ittiin gochuu hin barbaadnu,'' jedha Kahaamees Kahallaa saaphana kiyyoo qurxummii isaa dhagaa qarqara Rooseettaa irratti diriirsaa.

"Nu hundi keenya tooftaa walfakkaatatti fayyadamna, kunis hanga dandeenye laga kana irraa achi fagaachuu dha.''

Goodayyaa suuraa Qurxummii Kiyyeessuun rakkisaa ta'aa dhufeera.

Qurxummii kiyyeessuun rakkisaa ta'aa dhufuu isaafi waldorgommiin cimuu isaatiin - qunnaan bultoonni qarqara galaanaa jiraatan duraan qurxummii kiyyeessuun jiraatan gara yakkaatti seenaa jiru.

Qurxummi qabuun of jiraachisaa kan ture Mohaammed yeroo lamaaf baqattoota gara biyyoota Awuroopaatti dabarsaa osoo jiruu yeroo lamaanuu hamma xiqqoof qabamuu jala akka bahe dubbata.

Galiin qurxxummii qabuun argamu akka durii waan hinta'iniif, namoonni galaana irra nagaan qaxaamuruu barbaadan ammoo maalaqa guddoo waan namaaf kafalaniif amma iyyuu kana gochuuf hin sodaadhu jedha.

"Akkuma abbaakoo fi akaakayyukoo jiruu koo laga Abayyaa irratti utuun bu'uureffadhee nan jaaladhan ture, garuu yeroo ammaatti kun waan danda'amu miti,'' jedha.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata