Faalamni attamiin hiyyeeyyii adduunyaa ajjeesaa jiraa?

Dubartii falama baqachuuf afaan cuqqaallatte Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Indiyaa fi Chaayinaan biyyoota galiin isaanii guddachaa jiru ta'anus, faalamnis sababa du'aa olaanaa biyyoota itti ta'e keessaa isaan guddoo dha

Faalamni sadarkaa adduunyaatti bara 2015 du'aatii namoota miiliyoona sagaliitiif sababa akka ta'e gabaasni qorannoon 'The Lacet' tiin dhiyaate tokko mul'iseera.

Biyyoonni galii gadi aanaa fi giddu-galeessa qaban ammoo haala kanaan kan hedduu miidhaman yoo ta'u, faalamni hanga nuusa lakoofsa jedhamee ga'a. Baangilaadeesh fi Somaliyaan ammoo caalaatti miidhamani.

Faalama qilleensaa

Du'aatii sababa faalamaatiin dhufu keessaa faalamni qilleensaa miidhaa harka 2/3ffaa geessisa.

Birunii fi Siwiidiin keessatti lakkoofsi namoota sababa faalamaan walqabatee du'aanii xiqqaa dha.

Du'aatii baayyeen kan galmaa'ees dhukkuboota hin daddabarre, kan akka dhukkuba onnee, dhiibbaa dhiigaa fi kaansarii sombaatiini.

''Faalamni rakkoo naannoo irra kan caaluudha - rakkoo guddaa fi sodaachisaan fayyaa namaa gama hedduun miidhudha,'' jedhu abbaan qorannoo kanaa Piroofeesar Fiiliipp Laandriigaan, Mana Barumsaa Saayinsii Fayyaa Iikaahin, Niiwyoork irraa.

Balaan faalamni qilleensaa, inni guddaanis du'a namootaa osoo umuriin hingahiin miiliyoona 6.5 sababa ta'eera. Kunis faalama manaan alaa kan akka gaasiiwwanii fi kan mana keessaa, muka gubuu fi cilee fayyadamuu irraa kan maadanii dha.

Faalama bishaanii!

Sababni faalamuu bishaanitiin namoonni miliyoona 1.8 kan du'an yoo ta'u, faalama bakka hojiirraa dhufuun ammoo akka adduunyaatti du'a namoota kuma 800'f sababa dha.

Duuti dhiibbantaan 92 ammoo kan galmaa'e biyyoota hiyyeeyyii keessatti yoo ta'u, keessumaa biyyoonni dinagdeen isaanii ariitiin guddachaa jiru kan akka Hindiitti biyyoota duuti olaanaan itti galmaa'uun sadarkaa 5ffaa yoo taatu, Chaayinaan ammoo 16ffaa irratti argamti.

Faalamni qilleensaa Yunaayitid Kiingidam hagam badaa dha?

Yunaayitid Kiingidamitti duuti dhiibbantaa 8 yookaan 50,000 faalama waliin akka wal qabatu tilmaamama. Kunis UK n biyyoota addunyaa 188 keessaa sadarkaa 55ffaa, US fi biyyoota Awurooppaa hedduu kan akka Jarman, Faransaay, Ispeen, Xaaliyaan fi Deenmaark dabalatee isaan booda kaa'eera.

Dr Peenii Wuuds, 'Biriitiish Laang Faawundeeshin' irraa ''Faalamni qilleensaa akka idil-adduunyaatti sadarkaa hamaarra ga'aa jira, UK'n ammoo biyyoota Lixa Awurooppaa fi US caalaa rakkoo kanaaf saaxilamaa jirt'' jedhu

''kanaaf kan gumaacha qabu ammoo konkolaattota boba'aa fayyadaman fi gaasiiwwan fi paartiikiloota summmaa'oo gadhiisan irratti maxxantummaa qabnu dha.

Kunneen ammoo namoota rakkina sombaa qaban tuqa, daa'immanii fi jaarrolii caalaatti miidha''

Yunaayitid Isteetis

US keessatti, duuti %5.8 yookaan 155,000 ta'u faalama waliin wal qabata.

Warri qorannoo kana maxxansan akka jedhanitti, faalamni qilleensaa hiyyeessota caalaatti miidhe, warra biyyoota sooreyyii keessa jiraatan dabalatee.

Qorattuun kan biraa Kaartii Saandilyaa, dhaabbata miti mootummaa 'Piiwur Erz' irraa: ''faalama, hiyyummaa, rakkoo fayyaa, fi haqa-dhabdummaan hawaasummaa hedduu kan walitti hidhatani dha.

''Faalamni mirgoota namoomaa bu'uuraa, kan akka mirga jiraachuu fayyaa, nageenya, hojii nageenya qabu, akkasumas eegumsa daa'imman fi warra saaxilamaniif taasifamu irratti dhiibbaa guddaa uuma.'' jedhu.

Qabxiileen ka'an hundi firii qorannoo waggoota lamaaf taasifamee dha. Qorattoonni gabatee odeeffannoo isaanii ibsi maxxansiisanii jiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan