Quubsuma koo 6: ''Jireenyi biyyaa irra kan biyya Arabaatti jiraadhu anaaf wayya''

Faanaa Taklaay Image copyright Fana Teklay

Faanaa jedhama. Ergan biyya Libaanoon jiraachuu eegalee waggoota sadi guuteera. Attamiin akka gara kana dhufe isinitti himufa.

Naannoo Tigraay godina Kaaba Lixaa, aanaa Taahitaay Qoraaroo bakka Saqolaa-qoyyaxaa jedhamutti dhaladhe.

Hanga kutaa sagaliittis daandii sa'aatii lama miilaan deemaan baradhe.

Wayita umuriikoo 11 gutuu, maatiin koo nama umuriin na caalutti na heerumsiisan.

Yeroo muraasa booda abbaan warraa kiyya waraana Itoophiyaa fi Eritiraa jidduutti uumameef duule. Barumsa itti fufuuf barbaadu illeen maatiin koo mana barumsaa osoo hin taane waanan jooraa oolu itti fakkaatuuf naaf hin hayyamne.

Sababa kanaan, maatii keenya lamaan gidduu wal dhabdeen waan uumameef dandamachuu hin dandeenye.

Bara 1994 baduun gara Maqalee demuun fira bira jiraachuu eegalus, achittis natti hin tolle. Ganamaa galgala gaa'ila kee dhiifte dhufte jechuun na rakkisu ture. Filannoo biraa waanan hinqabnee calliseen jiraadha ture.

Waggaa sadii booda mana barumsaa Fireabiyoot jedhamutti barnoota kiyya kutaa sagalitti dhaabee deebiisee barachu eegale. Achitti nama biraa waliin walbare.

Waan na gargaaraa tureef bultii waliin ijaarranne. Baay'ee na jajjabeessa. Barachuukoos ni jaalata. Boods barnoota kolleejjii barachuu eegale.

Booda abbaan warraa kiyya hojiin gara Finfinnee jijjiiramnaan waliin dhufe. Ijoollee godhachuu nan barbaada ture, inni garuu hin barbaanne. kanaafu wal diddaan jiddu keenyatti umame.

Image copyright Fana Teklay

Godaansaa fi Jireenya Kuweet

Hiriyyoonnikoo baay'ee biyya alaa turan. Isaanis akka biyya alaa bahuuf waan na dhiphisaa turaniif bara 2001'tti gara Kuweet imale.

Jireenyi biyyasii garuu hagan eege hin turre.

Anis mana namaatti akka hojattuutti mindeefamuun hojachuu eegale.

Hirriyyoonkoo akkan dhaquuf na jajabeessaa turanis na hinsimannee ture.

Maatii irraa fagaatanii jiraachun anaaf kan jalqabaa waan tureef natti ulfaate.

Kanarratti namoonni isaaniif hojjedhu afaan ani hin bekneen yoo natti dubbatan baay'en dhiphadha ture. Ji'a torba guutuu boo'aan ba'e.

Yeroon Kuweet ture abbaan warraakoo yeroo hundaa naa bilbila ture. Jireenya biyya Kuweet waggaa sadii booda yeroon biyyatti deebi'u garuu bultiikoo akkan eege hin arganne.

Buufata xiyyaaraati na fuudhe yoon mana gahu balbalatti dubartiin arge. Anaan hojjettuu isaa akka taate isheef immoo intala obboleetti akkan ta'e itti hime.

Galgala isaa waldhaban. Edaa ishiin dubartii inni waliin jiraatuudha.

''Jireenyikoo walxaxaadha''

Egaa dubbiin akkana taate hojii eegala jedheen murteesse. Mana rifeenssaa hojjechuuf meeshaawwan bite. Keessikoo garuu nagaa dhabe.

Namoonni jireenyakoo duraanii beekan naa gaddan. Anis haala kana dandamachu waanan dadhabeefuu deebii'ee deemuuf murteesse.

Achii meeshaa bite hiriyyaa koo tokkotti kennee lammata gara Saa'udiitti godaane. Waggaa lamaaf dabareedhaan mana namaa fi mana rifeensaa hojjechaa ture.

Waan ummanni biyyatti naan jechaa turee fi miidhaa saalaa namudateen jireenya biyya Arabaa akkan caalse fudhadhu na dirqe. Kanaafis, yeroo sadaffaaf Saa'udii dhiise gara Libaanoos imale.

Libaanoosi dhaqe mana namaa hojjedhe. Garuu, kaffaltiis ta'e yeroon hojiikoo fooyyee qaba. Biyyoota Arabaa sadii keessatti jiraadheera. Sadanuu tokkuma.

Jalqabarra nyaaata isaanii nyaachuu baay'een rakkoodha. Nyaanni isaanii ''Shiriink'' jedhamu tokko baay'een jibba ture.

Image copyright Fana Teklay

''Nuun marii'attanii dhuftan moo?''

Lammiileen hedduu Beeruut jiraatu. Rakkinni hedduus isaan quunnama. Dhukkubsatanii maraatanii yoo daandiirra adeeman agarra. Eejansiiwwan dhufanis namoota isaan hojjechisaniin miidhamu.

Kuni maaliif ta'e jennee Imbaasii Itoophiyaa Liibaanoositti argamuuf bilbilluus, homaa deebiin hin jiru. Obboleettiwwan keenya asittii rakkataniiru yoo jennu, ''sirruma nuun marii'attanii dhuftanii?'' nuun jedhu.

Lammiileen biyya biraa garuu imbaasii isaaniitiin gargaarsa argatu. Kanfaltii gaarii fi boqonnaas ni argatu. Kanaan alatti, nuyi lammiileen Itoophiyaa Libaanoos jirru walitti deemna.

Gaafa ayyaanni dhufe reesturaantota Itoophiyaa addana jiranitti wal agarree waliin dabarsina.

Yerookoo baay'ee kitaaba dubbisuunan dabarsa. Baay'inni maatii ani keessa hojjedhu xiqqaa waan ta'eef, boqonnaa naa kennu. Bataskaanni Ortodoksii Itoophiyaa waan jiruuf achis nan dhaqa.

Ganama gaafan hirribaa ka'e foddaa banu galaanni natti mul'atu jira. Biqiltoonni mooraa keessa kununsuus jiru. Kunneen gammachuu naa kennu.

Jireenyikoo kaleessaa na cimseera. Waa'ee borii osoo hin dhiphatiin, gammachuun jiraachuun nan yaala. Keessuumaa yeroon qabuun Feesbuukii irratti nan barreessa. Hiriyyootas horadheera.

Hangan danda'eetti galii argadhurraa kitaaba bitee manneen barnootaaf arjoomuun na gammachiisa. Kitaaboota 350 ta'an godina Kaaba Lixa Tigraayiif bara darbe hireera.

Image copyright Fana Teklay

Kuni baay'ee miti. Osoo qarshii qabanuu waan irra buusan kan dhaban jiru. Manneen barnootaa baadiyyaa argamanitti hir'inni kitaabaa jira. ''Karaa ani irra darbeen darbuu hin qabani,'' jedhe waan amanuufan kana godhe.

Yeroo barataa kutaa saddeeti ture sana afaan Amaaraan baay'ee na rakkisa ture. Firrikoo kanaan natti aaree hammana miilaan fagoo deemaa osoo barattuu akkamiin sitti cime naan jedhe.

Boodas hindaaqqoo tokkiittiin qabu gurguree kitaaba naa bite. Ergasiin booda qabxiin koo kan bareede.

Keennaan suni isaaf xiqqaa ta'u iyyuu, anaaf garuu kan jireenyakoo jijjirteedha. Kitaaba akka arjoomuuf kan sababa naa taateedha. Hunda caalaa namoonni kitaaba barreessan jajjabeeffamuu qabu.

Hiriyyootakoo kitaaba barreessan tokko tokkoon osoon irraa bite natti tola.

''Jireenya biyyaa irra kan biyya Arabaatti godaane jiraadhu anaaf wayya''

Biyyatti gale oduu namaa, yoon godaanees miidhaa ormaatu na eega. Lamaanuu miidhaadha.

Yoo wal bira qabu garuu jireenyan godaanee jiraadhu naa wayya.

Yeroo koo kan boqoonnaa irra caalaa kitaaba dubbisuunan dabarsa.

Dubartoonni kaan jireenyakoorraa barachuu qabu. Bultii osoo hin ijaarrattiin dura nama waliin jiraachuuf jedhan qorachuu qabu.

Jireenyikoo kaleessaa godaannisa natti 'ta'eera. Jireenyakoo kaleessaatti deebi'uu hin barbaadu.

Jireenyakoo keessatti wanti guddaa ani hawwuu ijoollee qabaachuudha. Ammaaf hin qabu.

Dhalli kan ofiin godhatan qofaa miti. Ijoolleen nama guddisu dhabanii rakkatan guddisuunis jira.

Akka fedha Waaqayyootti ijoollee maatii isaanii dhabaniifi maanguddoota kununsuun barbaada.

Image copyright Fana Teklay

Rakkoon guddaa biyyaa godaansaatti na qunname jedhu, dhukkubbii Saa'udii Arabiyaa dhukkubsadhe dha.

Gaafan jalqaba gara Libaanoos dhufe daangaa Sooriyaafi Israa'el geessurran jiraadha ture. Yeroo hunda loltuu qofan arga.

Yeroo tokko namoonni ani hojjedhuuf mana dhiisanii ji'a sadiif biyya biraa dhaqu. Biyya hin beekneetti qofaa jiraachuun baay'ee ulfaata ture.

Deebii'anii dhufanis lammata biyya biraa adeemuuf ka'an. Ani si'a lammataaf mana turuu hin feene.

Achii badeen daandii hin beekne irratti sa'aatii sadii guutuu miilaan adeemaa roobni cimaan natti roobee. Achis magaalaa tokkoon seene. Kana yoomuu hin dagadhu.

Amma osoon bakka wayiitti of-arguu danda'a ta'ee, jalqaba kanan barbaadu ofi argu barbaadu naannoo Tigraay Shiree Indasilaasee achinis, magaalaa Maqaleetti ture.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata