Raaqaa: Walta'insi Ameerkaa 'magaalaa addunyaa irraa haxaa'eera', Raashiyaa.

Daandiiwwan Raqaa keessaa barbadaa'an Image copyright Reuters
Goodayyaa suuraa Irra caalaan Raqaa barbadaa'ee jira.

Raashiyaan walta'iinsa Ameerikaa garee Isilaamiki Isteeti wayita waraananitti Magaalaa Raaqaa bombiin biyya lafaarraa barbadeessaniiru jechuun komatti.

Humnoonni Dimokiraasummaa Siriyaa (SDF), gamtaa loltoota Kurdiifi Arabaa Ameerikaan gargaaramuu, torban darbe keessa Raqaa to'atan.

Suraawwan akka agarsiisanittis Raaqaan barbadoofte jirti. Kanaafu, Mooskoon magaalaa Jarman Dreesdeen kan waraana adduunya lammafaan barbadoofte waliin wal fakkeesti.

Walta'insi Ameerikaan oggantu ammoo, balaan siviloota irra akka hinqaqabneef yaallee jira jidhu.

Rushaayaan mataanshee bara darbe Aleeppoo boombiin reebuu isheetiif yakka waraanaa raawwattee jirti jedhemte komatamaa turte.

Qorattoonni Mootummoota gamtomaniis Waxabajii darbee keessa Raaqaatti badiinsi lubbuu sivilootaa yaachisaa jiraachu dubbataniiru.

Roggeeyyoonni Siriyaas siviloonni 1,130 hanga 1,873 ta'an du'aniiru jedhaniiru. Maddii ajjeecha namoota kanneenii irra caalaanis, dhukaasa qileensaa SDF Ameerikaan gargaaramu ta'u dubbatu.

Dubbi himaan ministeera Loltuu Raashiyaa, badiinsi taasifamees kan Dreesdeen nama yaadachisuudha jedheera.

''Raqaan carraa Dresdeen bara 1945tti boombii Angloo- Ameerikaatiin fuula dachii irraa haxoofamtee sana dhaalte,'' jedha Meejar Jenarraalli Igoor Koonaashenkoov.

Amma ammoo warri Lixaa gocha yakkaasaanii cimsuuf jecha gargaarsa maallaqaa eerguuf mudamaa jiru, jedheera.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Balaa boombii gara caalaa Dreesdeen bara 1945tti balleesse

Walta'iinsi Ameerikaa adeemsaaafi tooftaa balaa siviloota irra qaqabuu xiqqeessu hordoofeera jedha.

SDFnis mo'achuu kan labsee torban darbee erga waraana baatii afuriif harka Islaamik isteetii waggoota sadiif bulchaa ture deeffachuuf taasisaniin booda ture.

Humnooti SDF milishoota waraanaa turanis amma mandara baha Siriyaatti kan argamtuuf bakka bu'ura jaraa kan taatee Dee'ir al-Zoor irratti xiyyeefataniiru.

Warraan Siriyaa humna qilleensaa Raashiyaa fi milishoota Iraaniin gargaaramuus garee makaraarstootaa miidhaa jiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan