''Yeroo rakkoof baqannu jiraattotuma naannoo kanaatu harka banee nu simate''

Qabeenya karaa irratti gubate Image copyright Wendimagegn Asefa
Goodayyaa suuraa Waggoota dheeraaf nagaan waliin jiraachaa turre

Walitti bu'iinsa torbee darbe keessa Godina Buunnoo Beddelleetti sababii hiriira seeraan alaatiin umameen, lubbuun namootaa fi qabeenyaa irra balaan qaqqabeera. Sababiidhuma kanaanis dhalattoonni Amaaraa fi Tigree qe'eerraa baqachuun waajjiraalee mootummaa adda addaa keessatti da'atanii turan.

Kamisa darbe irraa kaasee dargaggoonni naannichaa namoota hin beekamne waliin ta'uun qabeenya barbadeessuu yoo eegalan lubbuu ofii hambifachuuf akka baqatan buqqaafamtoonni ni dubbatu.

Waa'ee qaamoolee badii kana raawwatanii fi walitti dhufeenya dhalattoota naannoo waliin qaban ilaalchisuun bilbilaan namoota manaa fi qabeenya isaaniirraa buqqa'an haasofsiifneerra.

Obbo Abbii Azmaraaw A.L.I bara 1977'tti hongee Wallootti mudate baqachuun mootummaa Dargiitiin aanaa Deeggaa qubatani.

''Yeroo sanatti uummanni naannichaa harka bal'ifatee nu simate, amma maatii miseensa 9 qabu horadheera. Waggoota 30 darbanitti magaalaattis baadiyyaattis qabeenya hedduu horadheera," jedhu.

''Hanga waggoota muraasa darbaniitti jiraattota naannoo waliin walitti dhufeenya baay'ee gaarii qabna turre,'' jedhu.

''Waggoota 5 darbanii asi garuu dargaggoonni sababa hin beekamneen diina nutti ta'an. Hanga ammaattis jaarsolii biyyaatu nu araarsaa ture'' jechuun ibsu.

Warra manguddoota komachuu hin barbaannu, torbee darbe yoo mana keenyaa baqannu nu faana bo'aa turanis jedhu Obbo Abbiin.

Jaarsoliin ani beeku Oromoonni walfuudhaatii jiraadhaa, mana ijaarradhaa jechaa nu gorsu ture. Ammas bakka da'annee jirru kanatti kan nu sooru Oromoodhuma'' jechuun dubbatu. Haa ta'u garuu ijoollee isaanii to'achuu hin dandeenye jedhu.

Namni biraan bilbilaan dubbisne, Muluu Kalaayi jedhama. Dargaggoo waggaa 28 yoo ta'u, maatiin isaa Naannoo Tigraay bakka Addii Gudam jedhamurraa dhufuun achitti akka dhalate hima.

''Asuma naannoo Oromiyaattan dhaladhee bultii ijaaree ijoolee lama kanin godhadhe. Maatiin koo gara Tigraayitti yoo deebii'an, an biyyi koo asi jedheen asumatti hafe'' jedha.

Yeroo ijoollummaa isaa daa'imman Oromoo waliin dabarsuu isaa fi ammallee hiriyyoota isaa waliin hariiroo gaarii akka qabu kan dubbatu Muluun, ''yeroo dhihoo asitti mirrii wal-dhabdee fi wal shakkuun umamaa dhufe jedha.

Nu waliin nagaan jiraachuu kan fedhan jiru. Akkasumas dargaggoonni akka naannoo sana gadhiisnee baanu gaafatanis jiru. Kanneen nu gargaaruu fedhan ni miidhamu'' jechuun ibsa.

Yeroo buqqaafamtoota bilbilaan dubbifnee tureettis, dhalataa naannoo sanaa kan ta'an Obbo Shuumii Ittaanaa isaan waliin arginee dubbifneerra.

Innis dargaggoonni naannichaa baay'een akkuma isaa dhalattoota saba biroo waliin bultii ijaarrachuun akka jiraatan nutti himeera.

''Dargaggoonni nuti isaan waliin hortee godhachuu keenya hin hubatiin tokko tokko, naannicha gadhiisanii yaa bahan jedhu. Yemmuun miidhaa isaan irraa gahu ittisuuf jedhu, dorsiisaafi sodaachisuun narratti raawatamu illeen, ammas garana kanan dhufe nyaata humni koo danda'u qabachuun,'' jedheera dargaggoo Shumiin.

Rakkoon mudate kun akka irra hin deebi'amne dargaggoota dabalatee sadarkaa hundatti mariin hawaasaa gaggeeffamaa akka jiruu fi hojiin miidhamtoota qe'ee isaanii irraa buqqa'anii deebisanii dhaabuun eegalameera jedhu itti gaafatamaan ijaarsa baadiyyaa fi Siyaasaa godinichaa fi koree dhimma kana hordofu kan qindeessan Obbo Moosisaa Lammeessaa.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata