Dhukkubsattootaaf 'antiibaayotikii' utuu hin taane boqonnaatu barbaachisa - ogeeyyii fayyaa

About to take an antibiotic Image copyright Getty Images

Dhukkubsattoota baay'eef qoricha antiibaayotikii ajajuu irra, gara mana deemanii boqonnaa akka fudhatan gochuun faayidaa caalu qaba, jedhu ogeeyyiin fayya.

Akka dhaabbatni Fayyaa Hawaasaa Ingilaand(PHE), ajaja antiibaayotikii kennamu harka shan keessaa harki tokko barbaachisoo akka hin taanefi dhukkuboota hedduun ofii isaaniin akka fayyan himan.

Qorichoota hammaa ol fayyadamuun, dhukuboonni kun qorichaan walbaranii ittisa mataa isaanii akka uummatan gochuun yaala dhukkubaaf godhamu rakkisaa taasia.

Dhukkubsattoonni akka dhukkubi hin hammaanneef 'gahee bahuu qabantu' jira jedha dhaabbatni Fayyaa Hawaasaa Ingilaand PHE'n.

Tilmaamaan:

  • Namoonni 5,000 ta'an dhukkuboota qorichaan walbaran irraa kan ka'e wagga waggaan Inglaaand keessatti du'u.
  • Dhukkuboota faalama 'E. coli' jedhamuun mudatan 10 keessaa afur akka duriitti antiibaayotikii filannoo jalqabaatiin yaaluun dadhabamee jira.
  • Addunyaa irratti, bara 2050'tti, namoonni dhukkuboota qorichaan walbaraniin du'an kan amma kaansariin du'an caaluu malu jedhamee eeggama.

Antiibaayotikiin dhukkuboota akka summaa'uu dhiigaa (sepsis), daranyoo sombaa (pneumonia), qomjalloo (meningitis) fi dhukkubawwan hamoo ta'aniif guddo barbaachisa.

Garuu antiibaayotikiin dhukkuba hundaaf barbaachisaa mitii, jedha PHE'n.

Qufaa fi dhibeen ujummoo qilleenssaa (bronchitis) ofiin fayyuuf hanga torbee sadii fudhachuu danda'a. Antiibaayotikii yoo fudhanne guyyaa tokko yookaan lamaa qofa yeroo fayyina kana as butu danda'a, jedha.

Pirofeesar Pawuloo Koosfoord, daayireektarri 'PHE' BBC'tti akka himanitti: ''Dhukkuboota baramoo ta'aniif yeroo mara antiibaayotikii fudhachuu nun barbaachisu."

''Irra caalaan keenya yeroo yerootti dhibeen addaa addaa nu mudata. Garuu sababa qaamnii keenya dhiibee kana of irraa qolatuuf dandamanna.''

Dhukkubsattoonni gara doktoraa gaafa deeman ''antiibaayotikii fudhachuuf abdachaa'' ta'uun irra hin jiru jedhu.

Dhukkuba qaamni keenya ofiin yaaluu danda'uuf, gorsi:

  • boqonnaa gahaa argachuu
  • kan dhukkuba namatti fursiisu akka Paraasitaamoolii fayyadamuu
  • dhangala'aa baayisanii dhuguu

Pirofeesar Koosfoord akka jedhanitti, ''Antiibaayotikiin yoom akka dhugumatti si barbaachisu doktorri sitti himuu ni danda'a.

''Dhugaan jiru, yoo antiibaayotikii yeroo hin barbaachifnetti fudhatte, ji'oota itti aanan keessatti dhibee antiibaayotikiin fayyisuu hin dandeenyef si saaxila.''

Baakteriyaanonni baay'ee fakkeessitoota - wayita antiibaayotikii fudhachuun miidhaa irraan gahu jalqabdu, haala ittiin dandamatan mijeeffatu. Lubbu qabeeyyii gosa antiibaayotikii hundaan walbaran yookan ittisa tolchatan irraa kan ka'e namoonni du'aa jiru.

Yoo qorichootni fayyisuu dadhaban, dhukkuba yaaluu qofa utuu hin ta'iin wal'aansa baqaqsanii deessisuu fi kaansarii yaaluu dabalatee wal'aansonni fayyaa hedduun baay'ee rakkisaa ta'aa dhufu

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata

Naannawaa BBC

Geessituuwwan Intarneetii walitti dhiyaatan

Qabiyyee iddoola alaatiif BBC'n itti hin gaafatamu