Filannoo Keenyaa: Manni murtii murtee hin kenniin hafe, 'Filannoon ni adeemsifama'

Abbootii murtii torban mana murtii olaanaa Keenyaa
Goodayyaa suuraa Abbootii murtii torba keessaa lama qofatu dhaddacha irratti argame

Manni murtii olaanaa Keenyaa filannoo gaafa Kamisaa taasifamu isaa irratti murteessuuf yeroo xumuraaf har'a walgahee murtee kenna ture.

Haa ta'u malee, abootiin murtii mana murtichaa hundi waan hin argamneef osoo dhimmicha hin ilaaliin hafe, kanaafis 'Filannoon boru ni adeemsifama' jedhame.

Manni murtii kuni iyyannoo arifachiisaa rogeeyyota(activists) mirga namoomaa Keenyaan filannoof hin qophoofne jedhan ilaala ture.

Abbootiin murtii kan dhaddacha kana irratti argamuu dhabuu isaaniif, geejjiba dhabuu dabalatee sababoonni eeramanii jiru. Haa ta'u malee biyyattiin guyyaa har'aa akka guyyaa ayyaanaatti labsuun ishee sababa ta'uu danda'a.

Filannoon kuni gaafa Kamisaatti bellamame. Fulbaana darbe manni murtii kuni filannoo Hagayya keessa taasifame haquun lammata akka taasifamu kan murtaa'e.

Abbaan seeraa Deeviid Maaraagaa filannoon darbe ''heera biyyatti hordofe hin taasifamne'' jechuun fudhatama hin qabu jedhani murteessani ture.

Kunis yeroo duraaf mana murtiitti paartiin mormituu pirezidaantii filatame irra-aane ta'e galmaa'eera.

Image copyright Reuters
Goodayyaa suuraa Filannoo Hagayya darbe Uhuuruun 54% akkasumas Odingaan 45% argatani ture

Haa ta'u malee, hogganaan paartii mormituu cimaa Raayilaa Odingaa filannoon lammataa akka hin taasifamne dhorkaa turan.

Gaafa Kibxataa BBC'tti akka dubbatanitti filannoon lammataa taasifamuuf jedhu ''fedhii ummataa waan kabaje miti'' hin taaneef filannoon kun ''kan sobaati'' jedhaniiru.

Filannoo jalqabaa booda wanti jijjiiramu qabu akka hin jijjiiramne ibsuun guyyaa filannoo mormii ''guddaaf''' ummata waamaniiru.

Faallaa kanaan Pirezidaant Uhuruu Keenyaattaan filannoon taasifamuu qaba jedhu.

Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Deeggartoonni mormituu filannoon akka hin taasifamne guyyaa guyyaan mormaa jiru

Dippiloomaatonni biyyoota Lixaa 20 gaafa Kibxataa akka jedhanitti ''tasgabbiin dhabuun guddachuun,'' dubbiin balaatti nama geessuu fi koomishinii filannoo biyyattii irratti dhiibbaan taasifamu filannoo amansiisaa gochuu rakkisuu danda'a jedhaniiru.

Qondaalli olaantuu koomishinii filannoo biyyattii torban darbe du'a sodaa Ameerikaatti akka baqatan dubbataniiru.

Itti-aanaa dura taa'aa qaama haqaa Keenyaa rasaasaan rukutamani madaa'aniiru. Maaltu akka yaadame wanti ifa ta'e hin jiru.

Gaaffiiwwan ciccimoo

Alastayir Liited, BBC, Naayiroobii

Seera filannoo, heera biyyattii fi akkaataa manni murtii hiikurratti wanti ifa hin taane jira.

Iyyattoonnii A.L.A bara 2013 akkaataa manni murtii heera biyyatti hiike irratti ifa akka godhu gaafatan - Dhimmi kuni yoo dorgomaan filannoo keessaa of baase ittumaan filannoo adeemsisuurra adeemsi ji'a dheeraa fudhate irra-deebi'uu qaba kan jedhu.

Dhimma kana ogeessi seeraa Odingaa filannoo kana mormuuf akka sababaatti kaasaniiru.

Akka heera biyyattiitti A.L.A ji'a Sadaasa bultii 1 dura sagaleen kennamu qaba.

Dura taa'aan koomishinii filannoo biyyatti Waafulaa Chebukaatii torban darbe akka jedhanitti, ''filannoo bilisaa, haqa-qabeessaa fi amanamaa adeemsifama jechuun rakkisaa dha.''

Kunimmoo gaaffii: manni murtii filannoon lammataa akka taasifamu hin murteessaa? Jedhu kaasa.

Gaaffiin biraa immoo dhimma heeraati. Yeroo qabametti filannoon yoo hin taasifamne heera cabsa.

Guyyaan har'aa osoo hin eegamin namni gara hojii akka deemne murtaa'uus , manni murtii olaanaa dhibbaa narraa fidu hin qabu jedha jedheera.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata