Atileet Fayyisaa Leellisaa: ''Waan biyya keessatti ta'aa jiruun gammachuu guddaan qaba''

Atileet Fayyisaa Leellisaan erga biyya baqate Ameerikaa jiraachuu eegale waggaa ta'eera
Goodayyaa suuraa Mallattoon 'X' kana uummanni akka mallattoo mormiitti itti fayyadama

Atileet Fayyisaa Leellisaan waggaa dura waltajjii ispoortii addunyaa guddicha Olompikii irratti wanta raawwaten gurra guddaa horate.

Kanaafisi ergasi atileetiksii ittiin beekamu alatti falmataa mirga namoomaa ta'uun miidiyaalee addunyaa gurguddoo biratti mallattoo qabsoo ummataa kan ta'e. Guddaas leellifameera.

Murtee akkanaa durumaa itti qophaa'aa ture. Duratti atileetota waliin dhimma siyaasaa yeroo haasa'u garuu waan of-tuuluutti akka isa fudhatan ni yaadata.

Yaadni isaa garuu kan ijoollummaa irraa eegaledha. Dararaa uummata irra gahu osoo mana barumsaa hin seenin argee jedha. ''Jibbuma abbaan koo jibburraa eegaleen jibbe.''

Egaa waan ijoollummaan keessa buleetu yeroo eegee keessaa futtaafate. Mormiin ummataa yeroo dheeraaf tures carraa of-harkatti qabu akka fayyadamu isa dirqe.

Atileetiksii irraa gara 'leellisaa mirga namoomaa'

Ergasi as Fayyisaan yeroo dorgommiin eegalamus ta'e xumuramu namni hedduun waan daawwatuuf harka isaan dhimma baha.

''Aariin, gaddiis, ciminni illee natti dhagahama akka namni na ilaalu osoo hin taane waan na jabeessutu natti dhagahama.''

Akka Fayyisaan jedhutti waan inni taasiseen ofii gurra horachuurra darbe dhimmi qabsoo ummataas addunyaan kaan akka hubatu taasiseera. ''Balaadhuma kanaan bakka dhaqe maratti 'are you Oromo' (ati Oromoodhaa?) naan jedhu.''

Dhimma mirgi ummataa haa kabajamu jedhuun Fayyisaan miseensota Kongirasii Ameerikaa fi qondaaltota olaanaa gamtaa Awrooppaa waliin wal argeera.

Amma inni nama ispoortii qofa miti. Fiige qofa biraa hin galu. Waan ittiin beekame imaanaa godhateera. Bakka dorgommittis ta'e bakka affeerame mara mallattoo mormii ummanni biyya jiru fayyadamu agarsiisa.

''Meeshaan waraanaa fudhadhe biyyaa ba'e isa qofaa waan ta'eef yeroo kamuu waan ofirraa hikkadhu miti. Mo'es mo'uu baadhes akka mallattoo kiyyaatti itti fayyadama.''

Atileet Fayyisaa Leellisaan atileeti ta'uun isaa ibsaa tulluu irraa isa godheera. Murtee inni olompikii Riyoo irratti taasisenis barruulee bebbeekamoo fi gaazexessitoota buleeyyii idila-addunyaan leellifameera.

Haqni jiru atileeti ta'uun isa gargaareera. Isa namoonni baay'ee nama siyaasaatti isa ilaalan garuu hin fudhatu.

''Ani siyaasa keessa hin jiru. Siyaasas hin baranne. Garuu, waan ummanni keenya reebameef, hidhameef, mirga isa dhabee namaa gadi waan ta'ef anis ummaticha keessa waan jiruuf dhibeen isaanii natti dhagahame addunyaa irratti bahee dubbachuu danda'e.''

Jireenya Ameerikaa

Itoophiyaa sarbama mirgaaf dhaabbilee mirga namoomaan himatamtu keessatti hoggantoonni siyaasaa fi artistoonni dhimma siyaasaan biyyaa baqachuun waan barame ta'uus Fayyisaan ispoortiidhaan eegaleera.

Atileet Fayyisaan erga Ameerikaa seene waggaa ta'e. Erga biyyaa bahe wanti dhabe baay'ee ta'us dursee waan murteesseef akka hin gaabbine hima.

''Haala dur keessa jiraachaa ture nan hawwa. Garuu waan na gaabbisiisee dirqama na boochiisu miti.''

Goodayyaa suuraa Bakka maatiin isaa hin jirretti Fayyisaan guddaa dhiphata ture

Biyya dur dorgomee biraa galu kan amma biyya isaa godhate, Ameerikaa, keessatti jiraachuu eegaleera. ''Ijoolleef ta'ee jira. Nu lamaanif garuu xiqqoo akka iddoo sanaa(biyyaa) ta'u dide.''

Jireenyi Ameerikaa isa beekuufu ni ulfaata. Jireenyi haaraa ta'uun immoo qormaata ofii qaba. Fayyisaan waan durii akka atileetitti biyyatti hin hojjenne erga Ameerikaa galee hojjetaa jira.

''Jireenyuma haaraatti galle. Daa'ima mana barumsaa anatu geessa anatu fida. Gabaa anatu dhaqee bita. Xalayaa bishaanii, ibsaa, mana barumsaa fi kaan na rakkise. Isumarra taa'aan oola.''

"Yoggaan mana barumsaa ture akkana osoo qo'adhe silaa eessa gahe," jechuun ofitti qoosa.

Ispoonsarri isaa Naayik waggaatti qarshii kennuufis, Fayyisaan Ameerikaattiis fiigichumaan of-ijaaraa jiraata.

Fayyisaan erga Ameerikaa dhufe jireenya qofaa miti yaadni isaas jijjiirameera. Dhimmi isaa ispoortii qofa miti. Dhimma ummataas abbummaan fudhate.

''Waan biyya keessatti ta'aa jiruun gammachuu guddaan qaba. Erga ji'a tokkooti as hirribni rafuufi hiriibni duraan rafu tokko miti," jedha.

Bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa amma jiruuf Fayyisaan humna biraa ta'uu danda'a. ''Gootoonni baay'ee jiru. Kan akka Abiishee Garbaa, Taaddasaa Birruu.... haa ta'u malee, gootni ani lubbuudhaan arge obbo Lammaadha,'' jedha.

Namoonni siyaasaa hiika biraa qabaatanis akka ilaalcha isaatti, ''eenyumtiyyuu yeroo kana bakka obbo Lammaa bu'e kanaa gadi malee kanaa ol hojjachuu hin danda'u,'' jechuun dubbata.

Kaka'umsa ummataattis gammachuu qaba. Akka cimuu qabus amana. ''Duraan hogganaa dhabne jenna amma ummanni keenya nu hogganaa jira. Maallaqas, yaadas wanta adda addaas ummata gargaarru qabna.''

Biyya yooman jibbe?

Mormii Riyootti erga agarsiise booda dhimmi guddaa eenyuuf fiiga kan jedhu ture. Ammaaf eenyuufu fiigaa hin jiru. Biyyi homaa na hin goone kan jedhu Fayyisaan, yeroo waamametti fiiguu akka danda'u yaada qaba.

''Qabxii gaarii fide achi keessa kan argamu yoo ta'e isaanitu filachuu qaba. Ani na filannaan fiiguuf qophiidha.''

Goodayyaa suuraa Atileet Fayyisaan bakka dhaqe maratti mallattoo mormii agarsiisuun ofiis ta'e dhimma ummataa daran beeksisu dubbata

Ga'umsa inni booda kana agarsiisaa jiru garuu xiqqoo gaaffi ta'u danda'a. Walakkaa maaraatoonii irratti malee maaraatoonin haga duraa milkaa'u dhabeera. Ta'uus, fala itti barbaadaa jiraachuu hima.

''Ani ga'umsa koo ji'a lama sadiitti jijjiiruu nan danda'a. Wanti na rakkisu hin jiru. Ogummaan isaa na harka jira. ''

Akka Fayyisaan jedhutti osoo biyyaaf fiige achuma Ameerikaa jiraachaa fiiguuf karoorfate. ''Yoon jiraadhen waa hojjedhaafan as jira malee du'a sodaadhe miti.''

Badhaasa olompikii Riyootti lammaffaa baheef qarshii walakkaa miiliyoona badhaafame akka isaaf hin kennamne dubbata.

''Isaanis xalayaa maatiikootti hin ergine nuyis hin gaafanne. Achumaan hafe.''

Qabxiin Fayyisaa maaliif jijjiirame?

Atileet Fayyisaan erga Ameerikaatti gale yeroo muraasaaf qofaa jiraatus boodarra haadha warraa isaa Iftuu Mul'isaa fi ijoollee isaa lamaan waliin jiraachuu eegaleera.

Bulchiinsi Ameerikaa Arizoonaa ho'aan beekamtus bakki inni jiraatu garuu Filaagistaaf jedhama. Akka inni jedhutti qilleensi Filaagistaaf kan biyyaa waliin wal fakkaata.

''Baay'ee lafa ol kaa'adha. Lafa mijataadha.'' Eeyyamni Viizaa qabu waggaa kudhanitti akka siqu kan dubbatu Fayyisaan oli gadi deeme leenji'u danda'us bakka amma jiraatu akka hin caalle hubateera.

Image copyright Bonnie K. Holcomb
Goodayyaa suuraa Baddaa Filaagistaafitti Fayyisaan qilleensa mijataa argatuus morkataa cimaa waliin fiigu dhabuu dubbata

Wantoota atileeti tokkoof barbaachisan keessaa haala qilleensa mijataa qabaachuun murteessaa ta'uus fageenya fiigichaa ittiin beekameen milkaa'u rakkateera.

''Maaraatooniin fuula narraa garagalchite waan taate hin beeku. Qophiinis hamma biyyaa hin gahu.''

Dhuguma qabxiin maaraatoonii Fayyisaa jijjiirama qaba. Kanaaf sababni jedha Fayyisaan waan biyyatti qabu asitti dhabu isaati. Nama waliin hojjetuu fi isa qoru dhabuun isaa rakkoo itti ta'eera.

''Fardi qofaa kaatu hamma kaatu hin beekani akkuma jedhan qofaakoo hamma fedhes ta'u jabaachuun na dhiba,'' jedha. Atileetota ciccimoo Itoophiyaa waliin isa ciniinnate leenji'u asitti argachuu hin danda'u.

Keessumaa fiigicha fageenya dheeraa hojjechuuf boqonnaan barbaachisa. Nyaannis akkasuma. ''Nyaanni garuu akka biyyaa waan ta'u natti hin fakkaatu. Haga keenya sana qulqullina hin qabu.''

Kunis ta'u atileetota kaan ala jiran waliin yeroo of madaalu of jajjabeessa. Leenjiin biyyatti beekuu fi kan Ameerikaa garaagarummaa qabaachuu kan hubate Fayyisaan kana dursee akka dhabu yaadeera.

''Ummanni Oromoo osoo wareegama kanfalu ani ispoortii keessatti yoon hammana miidhame waan na dhiphisu miti.''

Qananiisaa fi Fayyisaa

Atileet Fayyisaa Leellisaan atileet Qananiisaa Baqqalaa fakkeenya godhateeti kan atileetiksiitti cime. Keessumaa fiigicha qaxxaamura biyyaaf jaalala guddaa waan qabuuf isa hoordofa ture.

''Ati akka Qananiisaa taata naan jechaa hamilee naa kennu turani. Nama mul'ata naa ta'e jechuudha. Kanaaf, jaalala guddaan qabaaf.''

Maaraatoonii Landan kan bara 2017 irratti garuu atileet Fayyisaa Leellisaan mormii agarsiise biyyaa bahee, Qananiisaan dubbii faallaa Fayyisaa dubbachuun akka isa mufachiise hima.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Fayyisaan atileet Qananiisaa fakkeenya godhatus dubbii dubbaten yeroo maaraatoonii Landan, 2017 isa dubbisuu hin feene

Atileet Fayyisaan mallattoo mormii erga agarsiise booda atileetonni faana isaa hordofan jiru. Ammas garuu kutannoo yoo ta'e malee atileetonni baay'ee yaada inni qabu garaadha akka qaban amana.

Keessumaa dhiyeenya obbo Lammaa Magarsaa atileetota walitti qabani dhimma Oromoo addunyaan akka gahan dubbachuu isaanii deeggara.

Atileetonni dirqama akka qabanis amana. Kanaafuu, waan inni waggaa dura godhe ija godhachuun isaa isa gammachiisa.

Gargaarsi dhiyeenya atileetonni lammiilee naannoo Somaalee irraa buqqa'anif taasisaniin abdi horateera.

''Atileetonni Oromoo qaama ummata Oromooti. Qaamni gartokkee yoo dhukkubsate gartokkeen qaama biraa gammaduu hin danda'u. Kanaafuu, mirgi yoo miidhame bitaan dhidhibuufi qaba. ''

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata