Namoota miliyoona 350 kan hinjirre

Gabaara waggaa Unesco Image copyright Getty Images

"Gabaasni kamiyyuu dhimma ''addunyaa'' ijoo dubbii godhatu istaatistiksii ummata miiliyoona ykn biiliyoonaan ibsuu mala.''

Gabaasawwan oduu rakkoowwan ijoo ummata addunyaa hedduu gabaasan guddina isaa agarsiisuuf lakkoofsaan ibsu. Kuni garuu hiika sirrii qabaachuu dhiisuu mala. Dogongoras ta'u danda'a.

Sababni isaas gabaasni eejansii barnootaa mootummoota gamtoomani irraa argame akka agarsiisutti lammiileen carraa barnootaa hin argatin miiliyoona 350 ol ta'an dagatamaniiru.

Kuni lakkoofsa xiqqaa miti. Ida'ama lakkoofsa Yunaayitid Kingdam, Jarman, Faransaay, Xaaliyaanii fi Ispeen walitti ida'ame itti qixxaata.

Ummata hin mul'anne

Ummanni ''hin mul'anne'' kuni ''hiyyeessa keessaa isa dhumaa'' gadidha. Maatiiwwan kuni bakkeewwan namoonni lakkoofsa ummataa adeemsisan ykn bulchitoonni hin geenyetti isa jiratani dha.

Kunneen ummata miiliyoona hedduu ta'anii fi manneen hiyyeessonni baay'inaan naannoowwan magaalaa biyyoota guddataa jiran keessa jiraatan ykn seera malee akkasumas godaanani jiraatan dabalata.

Gabaasni mootummoota gamtoomanitti dhaabbanni barnootaa, saayisnii fi aadaa addunyaa (UNESCO) akka jedhutti akkaataan gabaasni itti funaanamu - manaa manatti, lakkoofsa ummataa, galmee dhalootaa fi du'aa - kunneen ummata bakka tokko jiraatuufi tajaajila argatu qofa ilaallata.

Image copyright EPA

Ummanni miiliyoona hedduu dagataman adda baasuun waan cimuuf namoota odeeffannoo sassaaban bira osoo hin gahiin hafa.

Daa'imman daandirra jiraatan kan mana barumsaa hin dhaqiin hafan keessatti osoo hin lakka'amin hafu. Mana barumsaa dhaqu dhabuu isaanii qofa osoo hin taane hafuun isaaniis osoo hin beekamin hafa. Namoonni mana hin qabnee fi horsiisee bultoonni namoota manaa manatti dhaqani galmeessaniin beekamu dhiisuu malu.

Baqattoonnii dhimma siyaasaan biyyaa bahan biyya itti dhaqanittillee osoo lakkaa'amin hafu.

Eejansiin mootummoota gamtoomani akka jedhutti namoonni miiliyoona 250'tti tilmaamaman biyyoota guddatanitti lakkoofsa manaa manatti taasifamuun osoo hin lakkaa'amin kan hafan yoo ta'u kan biraa miiliyoona 100 ta'an immoo lammiilee seeraan alaa biyyoota dureeyyii keessatti dagatamani hafu.

Beekkamtii kennuu

Gabaasni barnootaa waggaa kanaa itti-gaafatamummaa irratti xiyyeeffate. Qorannoon UNESCO mootummoonni lammiileef carraa barumsaa hin dhiyeessine jedhuun itti gaafatamuun dura ummanni hagami gargaarsa akka barbaadu beekuurratti hundaa'uu qaba.

Galmoonni idila-addunyaa carraa barumsaa lammiileef dhaqqabsiisuuf qophaa'an ummata galmi sun bira gahuu qabu garuu gahuu dhabanif beekkamtii kennuu qabu.

Kuni dhuguma namoota hin lakkaa'amneef eenyutu itti gaafatama gaaffii jedhu kaasa. Hanqinnni lakkoofsa sirrii dhabuu kuni tilmaamuma mootummoota gamtoomani keessa inuma mudata.

UNESCO'n akka jedhutti istaatiksiin ijoolleen carraa barumsaa hin argannee tilmaama warreen bira gahuun hin danda'amne dabalata.

Haa ta'u malee, walcaalmaan dhaqqabinsa barnootaa fi hammi maallaqa ramadamu ummata hin mul'anne jedhaman kana hin dabalatu.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Amma illeen baratoonni miliyoona 264 carraa barnootaa hinargannee

Barumsa dhabuu

Gabaasni bara kan haaraa bahe ummanni dargaggoo miiliyoona 264 ta'u carraa barnoota sadarkaa jalqabaa ykn lammataa akka hin arganne agarsiisa.

Waggoota walitti aanan jahaf barumsi deeggarsa arjoomtotaa xiqqaa argachu ibsa.

Gama biraatiin, akka eejansiin mootummoota gamtoomani biraa, UNICEF, jedhutti biyyoota hiyyeeyyii keessa waggoota kudhan darban carraa barnootaa waliin gahuun jijjiiraman hin agarsiisne.

Ji'a duras dhaabbanni kuni rakkoo qulqillina barnootaan lammiileen miiliyonna 600 ta'an mana barumsaa dhaquu malee ga'umsaa fi beekumsa dhabuu isaanii ibsee ture.

Barumsa waliin gahuunis ta'e bu'aan baruumsa wal gahuu rakkisa ta'eera.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Namoonni mana jireenyaa hinqabneefi godaantooti lakkoofsa ummataatiin aladha

Mata dureewwan walitti dhiyaatan