Dhoo'insa Moqaadishoo: Dhoo'insa Somaaliyaatiin walqabatee angawoonni olaanoo hojiirraa ar'iaman

Qondaalli nageenyaa Somaalii jijjigaa keessa ennaa adeemu Image copyright AP/getty
Goodayyaa suuraa Gareen hidhataa al-Shabaab haleellaa boombii Sambataa duuba anatu jira jedheera

Mootummaan Soomaaliyaa gaafa Sambataa dhoo'insoota lamaan namoonni 27 erga ajjeefaman booda, angawoota nageenyaa lama hojiirraa ar'ie.

Haleellaan kunis torban lamaan dura dhoo'insa tureen yoo xiqqaate namoonni 358 erga ajjeefamanii booda. Kunis haleellaa Moqaadishoo rukute isa hamaati.

Qondaalli poolisii Abdihaakin Daahir Sayiid fi daareektarri tika biyyaalessaa Abdillaahii Mohaammad Sanbaloosh, gaafa Dilbataa hojiirraa ari'aman.

Murteen kun kan dabre erga kaabineen walgahii ariifachiisaa taa'een booda, jedhu qondaaltonni Somaalii.

Gareen hidhataa al-Shabaab haleellaa boombii Sambataa duuba anatu jira jedheera.

Akka jecha poolisiitti, hidhattoonni sadi lubbuun ennaa qabaman, lama ammoo yeroo haleellichaa boombii waliin of dhoosaniiru.

Haalichi kan jalqabe Sambataa sa'aa booda erga konkolaataan boombiin guutame hoteela Nasahablod Two jedhamutti erga oofamee booda. Daqiiqaawwan muraasa boodas, konkolaataan boombii lammataa paarlaamaa duraanii irratti xiyyeeffate.

Dhukaasni darbee darbee hoteela keessatti halkan guutuu itti fufe, akka namoota ragaa bahanitti. Poolisiin waan jedhe dhukaasichi sa'aa 12f ture.

Gareen Al-Shabaab - al-Qaayidaa waliin hidhata qabu, haleellaa Onkololeessa 14 dabre kana keessa harka akka qabne haaleera.

Hidhattoonni kun hoteela kana kan haleelan, waan qondaaltonni nageenyaa fi warreen siyaasaa achi deddeebi'aniif jedheera.

Warreen lubbuu dhaban keessaa poolisoonni 12 keessatti argamu. Baayyeen ammoo miidhamaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata