''Mirga keenya eenyu nuuf kennuu waan hindandeenyeef, dubartoonni namoota irraa utuu hineegin ofumaa qabsaa'u qabu.''

Dubartiin tokko wayita filattu Image copyright Getty Images

Seenaa Itoophiyaa keessatti, yeroo mormiin qindaawaan sirna fiwudaalaa fonqolchuu keessatti gahee olaanaa qabaachaa kan ture sochiin barattootaa, warraaqsa ta'eef akka sochooftuu (motooraatti) akka fudhatamu isa godheera.

Biyyattii keessa kan ture diddaan qotee bulaa Baalee fi Goojjam, sochiin barsiisota kan biyyooleessa akkasumas haawaasa hundaa dabalatee dubartoota qunnamtii saalaa hojjechuun bulan hiriira nagaa godhamu irratti dhiibbaa olaanaa qabaataniyyu galmeen seenaa waa'ee isaanii kaasee hinbeeku.

Kun maaliif laata? Yunivarisiitii Dillaatti barsiistuu kan taate aadde Maskaram Abarraa dhimma kana ilaalchisee yaad-rimee murtaawoo qabdi.

Maskaram akka jettuutti, yeroo baayee namoonni barreessan dhiiroota waan ta'aniif shoorri dubartoota akka hinmul'anne gochuun ni jira.

Kana malees, sochii barattootaa keessatti hirmaannaan dubartoota baay'ee murtaa'aadha.

Keessattuu warra baratan biratti, lafi kan qotee bulaa akka ta'uuf gaaffiin ture, gaaffiin gita bittaa, mormii waraana Vetinaam akkasumas wayita addunyaan moora lamatti hiramuun sochiin farra imperiyaalistii jabaachaa dhufetti hirmaannaan dubartootaa yoo tureyyuu, sochii kana keessatti gaggeesitoota hinturre.

Dubartoota murtaawoon keessatti qooda fudhatanis hiriyoota isaanii dhiiraa hordofuun akka ta'e dubbatti.

Walqixxumaan dubartootaa akka jabaatuuf kan qabsaa'an keessaa tokko kan taate Dr. Sihiin Tafarraa, lakkoofsi dubartoota siyaasa keessatti hirmaatanii baay'ee xiqqaachurra qoodni isaan qaban baay'ee kan nama qaaneessuudha.

Qophii jiran irratti akka buna danfisan, wayita walgahii akka barreessan, waraqaa bittimsuu fi kan akka dhaadannoo baachuu kan jiran hojiilee gadaanoo akka kennamuuf dubbatti.

Haalli akkana kun kan jijjiramaa dhufu danda'e sababa namootni siyaasa keessatti damaqiinsi isaanii olaanaa ta'e argamuu jalqabanii booda ture.

Kunis mirgi fi sochiin dubartootaa fudhatamaa dhufuu kan walqabate haa ta'u malee guddina hin agarsiisin wagootta heddu lakkoofsise. Baroota sana as dubartoonni waltajjii siyaasaatti dhufanis xiqqo yoo ta'u qofa utuu hinta'in dhiibba jiru irraa kan ka'e keessa turuus hindandeenye.

Siyaasa keessatti maaliif qooda fudhachuun barbaachise?

Goodayyaa suuraa Maskaram Abarraa fi Yewubmaar Asfaaw

Itoophiyaa keessa qofa utuu hinta'in gita addunyaattis kan waltajjii siyaasa to'atanii argaman dubartoota. Haawaasa qofa utuu hinta'in dhimma kallattiin dubartoota ilaallatu irrattis seera kan wixineessuu, ragaasisu fi hojii irra kan oolchu warra dhiiraatti.

Barreefama obbo Shimallis Kaasaa 'Challenges and opportunities of political participation in Ethiopia' jedhu keessatti hirmaannaa dubartoota siyaasa keessatti maaliif barbaachisa gaaffii jedhuuf akka ijootti kan kaasan gaaffii haqaa akka ta'eedha.

Walakkaa hawaasa waan ta'aniif deemokraasii bakka buu'insa keessatti maaliif dubartoonni ofii isanii bakka hinbu'an kan jedhuudha. Kanaafuu Dhiiraa fi dubartiin walqixa bakka bu'oota qabaachuu maluu yaada jedhan kaasu.

Gufuuleen jiran maali?

Kanaaf sababa kan ta'an keessa tokko olaantummaa warra dhiirraati jetti Meskeerem. Hojiin dubartoota irra caalaa nyaata bilcheessu, mucaa dhaluu, kunuunsuu fi guddudha male gad bahuun isaanii seera haawwaasaa akka cabsanitti ilalamaa jetti.

Kan irra darbuun siyaasa keessatti dubartoonni qooda fudhatan, arabsoo fi ''of agarsiftu'' jedhamuun maqaan kenamuun qeeqamu.

Dabalataanis, manneetiin amantii dubartoonni dhiira gad akka ta'an barsiisuun isaanii dhiibba gudda fideera.

Haala ufanna isaanii irra jalqabe, akkamitti dhiiraaf ajajamuun akka isaan irra jiru fi dhaabata amantii keessattis bakka hoganaa akka argachuu hinmalle gochuun qooda dubartoota if godhanii lafa ka'uun isaanii dhiibba gudda qaba jedhu obbo Shimallis.

Dubartoonni hedduun kan baratan yoo ta;e hirmaannaa hojii haawaasni uume dullooma kanaaf jecha hojii mana keessa akka hojjetu isaan dirqisiisa. Kan mindaa gaarii argatuu fi galii jireenyaaf barbaachisuu kan fiddu taatus hojii mana keessa hojjechuun irra eegama.

Waanti akkana immo waan gurguuddo ta'an kan akka dhimmoota biyyaa irratti akka isaan hinxiyyeefanne isaan godhaa jetti Meskereem.

Baruullee adda adda irratti dhimmoota siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdee barreessun kan beekamtu Meskereem, warra dhiiraaf qofa jedhamanii kan yaadaman kan akka paarlaamaaf dorgomuu yaaduun akka iddoo ishee hintaane akka itti himamu dubbatti.

Sirna akkana kan olaantumma dhiira qofa eegu kana jijjiruuf haala walxaxaa baay'eetu jira kan jetu Meskereem, ''gartuu dubartoonni hinhirmaachifne kan warri dhiira qoftii bakka itti walgahanii mari'atan qbu,'' kanaa waliinis walqabatee yoo siyaasa keessatti dubartiin mul'achuu barbaaduu jiraatte akka gad hacuucannis Meskerem dubbateetti.

Kana qofa miti hojii wlfakkaata irratti kaffaltii gad aana dubartootaaf kafaluu jechuun waan ishee irra gahe dubbateetti.

Dubartiin cimtuun isaaniin dorgomtuus yoo argamte karaa fi mala adda addaan rukutu, kara hinargamneen gufuu itti ta'u jetti.

Image copyright Getty Images

Gaaffii saalaa fi jaarmiyaa

Caasaa mootummaa keessatti hirmaannaan dubartoota baay'ataa yoo dhufeyyu,kaayyoo paartii tokkoo qofa bakkaan hinga'u taanaan fayyida hinqabu kan jedhani yaadan qabsooftu Wayaane durii aadde Yewubmaar Asfaawutii.

Yawubmaar akka jedhanitti, bara biyyattiin mootiin bulaa turte bakka bu'oota paarlaamaa namoota 240 keessa dubartiin lama qofa turan. Bara Dargi immo shangoo 835 keessa dubartoota 14 qofatu ture.

Yeroo amma kanatti immo parlaamaa keessa dubartoota % 30 tu jira. Naannoo tokko tokkotti immo hanga %50 gahaniiru.

Lakkoobsi dubartootaa daran dabaluun akka waan gaariitti kan ilaalan Yewubmaar, hirmaanaan isaanii kaayyoo ADWUI bakkaan gahuu irra kan darbe wwaan hinta'iniif guutu isa hingodhuu jedhu.

ADWUI erga angoo qabatee boodas taanaan dubartoonni dinagdee, hawwasummaa fi siyaasa biyyatti keessatti qooda fudhachuun himaamata fi seera baasuu irratti qooda hinqabani.

''Aarsaan guddaabn kan itti bahe qabsoon kun jijirama fide yoo jiraate dimookraasii utuu hintaanee hacuucaadha,'' jedhu Yewubdaar.

Image copyright Getty Images

Gufuuleen akkanaa utuu jiranii sochii dubartootaa karaa qindaa'een akka firi godhatu gochuun yoo ulfaate iyyuu, jaarmiyaa kan akka waldaa oggeesoota seera kan dubartootaa dhaabuun danda'ameera.

Waldaan kunis seeroota dubartoota irratti loogii raawwatan akka isaan haqamuun seeroota fi imaamatawwan mirga dubartootaa tiksanii fi haqa eegganiin akka bakka buufaman gochuu, dubartoota mirgi isaanii sarbame golgaa seeraa kennuu, akkasumas dubartoota abuukaatoo dhaabbachuuf humna hinqabneef gorsa seeraa fi kkf godhu.

Seeraa fi gargaarsa dhabBatoota miti mootummaa waliin walqabatee gaheen waldaa kanaa hanga tokko kan laafate ta'uyyu, dhimma saalaa ilaalchisee dhimmoota walfalmisiisan tokko tokko irratti waltajji qopheessuun falammi gudda gochaa tureera.

Waligalatti aangoo siyaasaa, dinagdee fi hawwasummaa argachuuf haala qindaawaadhaan kan walijaaranii hojjechuu qabnu nu dubartoota malee eenyu iyyu faayidaa akkanaa nuuf kenna jenne eegu hinqabnu. Mirga dubartootaafis warri dhiira nuuf loluu jenne eeguus ta'e isaan kadhachuun nurra hinjiru, jedhu aadde Yewubmaar

Haalli siyaasa jiruu baay'ee dhiphoo ta'u irraa kan ka'e hiriira nagaa dhowwuun fi yaada ofii bilisummaan ibsachuu ilaalchisee daangaan ka'amee jiru dubartoonni sochii silaa gochuu malan irraa akka dangefaman godheera, jechuun yaada isaanii xumuraniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan