Shamarran Chibook: Yaadannoo shamarran to'annaa Bookoo Haraam jala yeroo turanitti katabame

Naa'omii Adamuu Image copyright Murtala Muhammed Foundation

Shamarreewwaan baatii Caamsaa gadi dhiifaman keessa tokkoo wayita to'annaa garee milishoota Bookoo Haraam jala turte, waggoota sadiif attamiin yaadannoo qabachaa akka turte gaazexessituu Adaa'obii Tirishiyaa Niwaa'ubaaniitti himtee jirti.

Naa'oomii Adamuu wayita bara 2014 barattooota shamarraan irra caalaan isaanii kirisitiyaana ta'an 200 waliin garee Bookoo Haraamiin fudhatamanitti shamarree umurii waggaa 24 turte.

Isaaniin butamuun gara bosoona Saambiyaa kaaba-baha Naayijeeriyaatti argamuu geeffamuun isaanii yakka addunyaa guutuu yaaddesse ta'ee tureeera.

Tibbaa to'annaa jala turanittis, daree barnoota quraanaa akka ittiin hordofaniif barruleen kennameefii ture.

Garuu, shamarran muraasni barruulee kana yaadannoo itti qabachuuf itti fayyadaman. Wayita milishoonni harkatti argan barrulee kana akka gubaniif dirqisiifamu ture.

Durbe Adamuun garuu kan ishee dhoksuu dandeessee jirti.

Isheefi hiriyaan ishee Saaraah Saamu'eel kan umuriin waggaa 20 fi shamarran sadi kan biroos mudannoo isaanii yaadannoo itti qabachuuf barruleechatti fayyadamaa turan.

Seensi yaadannoo kan barreeffamee afaan Ingilizii salphaafi afaan Haawusaa baay'ee gaarii hin taaneeni.

Guyyaan irratti barraa'u baatu iyyuu, barreessu kan eegalan ji'oota jalqabaa itti to'annoo jala oolan irraa eegaluunii dha.

Baay'ee isaanii keessaa 10 qofti akka itti anuun wal duraa dubaan isiniif dhiyaata. Qubeefi sirni tuqaawwanii sirreefamaniiru.

1) Gochi buttaa raawwatame kan itti yaadame hinturree

Milishoonni Ebla 14, 2014 barattoota Chibook butan, kan dhaqan garuu 'kutaa motaraa' haatuuf yaadanii akka ture yaadannichaan barraa'eera.

Garuu maashinii attamii barbaacha akka ture wanti adda bahe hin jiru. Torban muraasaan dura garuu hojiin ijaarsaa gaggeefamaa tureera.

Kanaafuu, maashina ittiin simiintoon tolfamu haatuuf ta'u mala. Kunis maashinichi meeshaa waraanaa itti tolchuufis waan oluufi.

Garuu, wayita isa argachu dhabanitti barattoota gareedhaan walitti qaban maal gochu akka danda'an mari'atan.

Erga filannoowwan sukanneessoo baayyee yaadaniin booda, shamarran kanneen isaan waliin fudhatanii deemuuf murteessan.

''Jidduu isaanittis wal loluu eegalan. Mucaa inni xiqqaan tokko walitti qabuun akka nu guban itti hime. Lakkii gara Saambiyaatti of waliin fudhannee yaa deemnu, jedhee kan biraa. 'Lakkii akkas hin goonuu, yaa isaan qajeelchinutii isa booda gara mana warra isaaniitti yaa deebii'an. Osoo wal dhabaa jiranu isaan keessaa tokko ammoo, 'Ani konkolaataa duwwaa dhufee duwwaa hindeebi'u, yoo walitti qabuun [Abubaakar] hogganaa Bookoo haraam nama ta'etti, erga isaan geessiinee booda inni waan isaan godhu beekaa jedhee.''

2) Himuu seenaa baqannaa ittise

Looltoonni Bookoo haraam motara hatuuf dhaqan, waan dhanqaniif dhabnaan shammarran 200 mana baruumsaa keessaa ukkaamsuun fudhatanii deebii'an.

Isaan booda hoo maaltu ta'e?

Dubaroonni muraasnis nama barumsaatii konkolaataa milishootaatti yoo fa'eeman, baayyeen isaanis qaaxaan qawwee itti qabamuun hanga konkolaatoonni biraa baayyeen dhufanii isaan fudhanitti akka miilaan adeeman taasifaman.

Yaadannoowwan eenyuutu barreessee?

  • Barreessituun yaadannoo mummeen: Naa'omii Addaamuu fi Saaraah Saamu'eel
  • Rhoodaa Pitar, Saaraatu Ayubaa fi Maargaareet Yaamaa gumaata xiqqoo taasisaniiru.
  • Afran isaaniis erga mariin taasifameen booda Caamsaa, 2017 gadiifamaniiru.
  • Saaraah Saamu'eel ammoo bara darbee milishaatti heerumuuf waan waliigalteef achumatti hafte jirti.

Gara bosoona Bookoo Haaraam itti dhokatuutti osoo deemaa jiranuus, yoo barattoonni muraasni konkolaataa irraa utaaluun harkaa miliquu eegalan intalli tokkoo warra isaan butanitti himte. Tarii qofaatti hafuu soodaachu irraa ka'uun ta'u mala. Yookanis abbaa taayitaa kamiifuu abomamuuf ykn dararama keessatti waliin turu barbaaddee ta'u mala.

"Dubarri konkoolaataa keessa turte tokkoos, ''Konkoolaachisaa, shamarran tokko tokko baqachuuf utaalaa jiru,' jette. Isaan boodas konkolaachisaan dhaabuun karra banee baatiiriidhaan barbaacha isaanii deeme, garuu eenyunuu argachu hindandeenye. Kanaafuu, bakka tokkoo turuu akka qabaatan itti himan. Yoo ammas kan utaananii bu'u yaalan ta'e isaan argan akka itti dhokaasan itti hima.''

3) Gara jabinaan gowwomsuu

Milishoonni Bookoo Haaraam ijoollee dubaraa butaman irratti gowoomsoo gara jabiinaa baay'ee taphataniiru.

Maatiin isaanis Bookoo Haaraamiin akka waan qabamanii fakkeessuun gowoomsaa turan. Wayita tokkos shamarran kiristaana isaan isilaamaa irraa fo'uun, isaan gara isilaamaatti geeddaramuu didan gaaziin akka isaan guban doorsisan.

"Isaan booda gara keenya dhufuun, 'warri isilaama taataniif amma yeroonsaa kan kadhannaati,' erga isaan kadhannaa taasisaniin boodas, 'Kanneen isilaama taatan gara tokkotti goraa, warri kirisitaana taatanis gara biraatti fo'amaa,' nuun jedhan."

''Sana boodas jarikaana konkolaataa keessatti agarre, nutis boba'aa konkolaataa seene. Isaanis, ''eenyuufi meeqa keessantu gara isilaamaatti geeddaramuu barbaada nuun jedhan."

Sababii baay'ee keenya keessa sodaan waan jiruufuu, muraasni keenya ol ka'uun gara keessatti adeemne... 'isin warri haftan du'uu barbaaddu, kanaaf miti isiin isilaama ta'u kan hinbarbaanneef, isiin gubuuf jenna nuun jedhan....

'Kana boodas jarkaanii nuti boba'aatu keessa jira seenee sana nutti kennan. Garuu boba'aa hinturre, bishaanitu keessa ture malee.''

Milishoonni Bookoo Haaraam ijoollee dubaraa butaman irratti gowoomsoo gara jabiinaa baay'ee taphataa turuu isaanii kutaa yaadddannoo kalleessaa keessatti isiin dubbisiifnee turre.

Har'aaf ammoo yaaddannoo shamarree kannneenu kutaa afuri keessatti maal nutti himu laata? Mee walumaan yaa dubbifannu.

Goodayyaa suuraa Shamarran kunnenis yaadannoo isaanii lafa keessa awwaluun ykn butaantaa isaanii keessa dhuksachuun turan kan tursiifatan.

4) Milishoonni komiiwwan dirqiin gudeedan jedhutti baayyee aaran

Akkuma gaaffii fi deebii duraa keessatti caqafame, dubaroonni Chibook muraasni, balaa dirqiin quunnamtii saalaa irraatiif hin saaxilamne.

Akkasumas akka itti herumaniifis hindirqisiifamne. Garuu darbee darbee jallatanii akka itti heerum amananiif ni garafamu turan. Muraasni isaan ammoo akka sanyuu beekamaniitti fudhatamaa turan.

Yaaddannoowwan kunneen akka agarsiisanitti, milishoonnis oduu midiyaaleen biraatiin shamarran gudeedaa jiru jedhuun dabarfametti baayyee aranii turan.

Ogganaan garichaa, Abubaakaar Sheka'u waa'ee kanaa yeroo baayyee dubbate ture. Jalqabas ergaa warraabbii kaasseetaatiin dubaroonni kanneen akka dhagahan taasifameere.

''Yoo galgalli gahuus walitti nu qabuun, erga nutti lallabaniin booda kaasseetta nuuf saaqan. Kaasseettichis ogganaa isaanii Mr. Abubaakaar Sheeka'un biraa ergamu isaa nutti himan....

Isaan boodas ''butuun waan asi isiin fidneef qofa jecha waa'ee daandii Waaqaa isiin barsiisaa jirra. Kana malees, maatiin keessanii fi motummaan akkasumas manni baruumsaa keessan nutti bohaa jiru.

Isaanis akka waan nuti isiin gudeedaa fi hojii badaa isiin irratti raawwataa jirrutti haasa'u… Nuti kan isiin asi finneef garuu waa'ee daandii 'Allaah' isiin barsiisuufiidha.'' jedhan.

5) Hijaaba qoramuu ittisuuf

Milishoonni, shamarran kunneen akka isaan hin qorreef, yeroo maraa hijaaba uffatanii qaama isaanii akka haguugan gaafatuun ture.

Goodayyaa suuraa Yaadannoo iccitii shamarran Chibook

"Quraana bane dubbisuu eegale, kutaa akkas jedhus bane dubbise, wayita waraana jihaadii namootni isaan booji'an yoo jiraate,waan barbaadde gochuu dandeessa, murteen keeti…Garuu nuyi hijaaba kan nuu kennan akka qaama keenya hin agarrefi. Kunis dogoggoranii waan badaa akka hin raawwanneefi"

6) Gaaffii gaa'elaa

Gaaffiin gaa'elaa hidhattoota irraa yeroo baay'ee kan dhufu yommuu ta'u, humnas ni dabalata.

"Dubartiin tokko gara kutaa keessa jiru seenuun waa fudhachuu barbaadde.

Achiis Maalaam Ahimad [hidhattoota keessaa tokko] dhufee, waa'ee gaa'elaa gaafate. Isheenis, 'hin fedhu.' jette.

Innis, 'Waa'ee heeruma kanaa murteen ke maalinni?' jedhee gaafateen.

"Isheenis hin ta'u jette. Akkamitti Mana Barnootaa Dubartootaa Mootummaa -GGSS Chibook jedhamu irraa ukkaamsanii gara Saambisaatti fidanii waa'ee gaa'elaa itti haasa'u. Akkamitti itti heerumti - abbaa fi haatishee, adaadonni ishee a kkasumas hiriyoonni ishees kana quba hin qaban… Ergasiis, sitti heerumuu didee yoon Rabbii koo duwwaa nan hordofa yoo ta'e, kun gaarii mitii? Jettee gaafatte. Innis, 'lakkii kun badaadha' jedheen.

Muraasnis akka yaadasaanii jijjiraniif dhiibbaan irra gaheera.

"Namoonni konkolaataa [minibaas] Hilux'in ennaa dhufan argine. Achis eenyutu heerumuu akka barbaadu gaafatan. Dubarri dhugumaan Musliima taate, kan amanticha harka lamaan jabeessitee qabde kamuu heerumuu qabdi nuun jedhan. Daqiiqaa 30 nuu kennan, namuu ni callise. Sa'aatii tokko boodas namni dubbate hinturre.''

Naawomii Adaamuun akka natti himtetti, warri heerumuu didan akka garbaatti ilaalamu turan. 'Guyyuu, nu reebu. Akka itti heerumnu nitti himu, yoo didde si tumuutti ka'u. Haadholii warraa isaaniif kafana miiccinaaf, bishaan waraabnaaf, waan hundaa hundaa dalagnaaf. Garboota turre.''

7) Warra miliqan, jiraattonni naannoo deebisan

Akka idil addunyaatti duulli Dubartoota Keenya Nu Deebisaa [Bring Back Our Girls] jedhu adeemsifamaa tureera. Namoonni bebbeekamoon kanneen akka Giiftii Duree Misheel Obaamaa dabalatee irratti hirmaatanii turan. Haa tahu malee, jiraattonni naannichaa tokko tokko garuu dubartoota hidhattoota kana biraa miliqanii badan deebisanii kennan.

Image copyright AFP

"Gaaf tokko dubartoonni muraasni fiiganii badan. Miliquuf yaalii taasisanillee hin dandeenye. Namoonni sunniin qaban. Akkaataan itti qabamanis, suuqii tokko galanii, gargaarsa gaafatan. Bishaaniifi biskuuta akka kennaniif gaafatan. Namoonni kunniinis, "Isin eenyu? Eessarraa dhuftan?"jedhanii gaafatan. Dubartoonnis, 'Nuti warra Bokoo Haraam GGSS [Mana Barnootaa Dubartootaa Mootummaa] Chibook irraa nu ukkaamsee nu fudhatedha.' Achis namni tokko, 'Kunniin ijoollee Sheekaawuu mitii?' jedhe.

''Achiis nyaataa fi iddoo ciisichaa kennaniif. Guyyaa itti aanutti gara iddoo dhufanitti deebisan… Galgala gara yeroo Saambisaa qabanii fidan, garafanii morma isaanii irraa akka kutan dorsisan.''

8) Tapha amantaa jijjiiruu

Dubartoonni kunniin yoo amantaa isaanii gara Islaamaatti geeddaran, gara maatii isaanitti akka deemuu danda'an itti himame. Warreen amantaa jijjiiran, warreen hin jijjiirre qabamanii turuu isaaniif sababa waan taatan jedhuun.

''Warri amantaa Islaamaa hin fudhanne, akka hoolotaa fi saawwan akkasumas re'ootaati waan taheef... ni ajjeesna jedhan. Achiis Maalaam Abbaa [hidhattoota keessaa tokko] warreen Musliima hintaane gartokkeetti akka adda bahan. Kanneen Musliima tahnitti akka hin makamne. Gartokkeetti akka dhaabannu nutti himan - isaanif iddoo biraa akka qopheessan himan. Namni biraa kun hin ta'u, walumaan turuu qabu jedhe. Erga deemanii torban tokkoon booda, nuti warri Musliima hintaane akkas jenne - numatu gara mana keenyaa akka hindeebine of dhorkaa jira.''

Image copyright AFP/Boko Haram
Goodayyaa suuraa Dubartoonnii fi haadholiin warraa milishoota Booko Haraamin erga qabamani booda gadhiifaman hawaasichi waan qollifateef fuulli isaanii akka dhokatu ta'e

9) Akkaataa viidiyoon itti waraabame

''Dubartoota 10 ta'an muka Tamarind jalatti qabani viidiyoo isaan waraaban. Tokko tokkon maqaa isaanii waamani, maqaa warra isaaniis gaafatani. osoo waraabani achii 'Isin midhneerraa?' jennaan, 'Lakki,' jenne.

Waan nurratti hojjetamaa jiru maatii kenyaafi mootummaaf akka dubbannu nutti himan. Mootummaa fi maatiin keenya akka nu gudeedaa fi nu jeeqaa jiran dubbatu.

'Kanaafuu, nu keessaa tokko waamani gaafatan, 'Erga isin bunne bakka kana isin fidne sin gudeedne ykn isin waliin ciisnee beeknaa?' Isheenis 'Lakki' jette. Ammas gaafate…'Waan isinii goonee fi isin kunuunsaa jiraachuu keenya mootummaa fi maatii keessanitti akka dubbattan barbaanna.'''

10) Milishoonni oduu sirriitti hordofu

Yeroo tokko tokko hidhattoonni erga oduu dhaggeeffatani booda viidiyoowwan waraabamu.

''Takka turani oduu BBC Haawusaa dhaggeeffatan. Achii tokko tokkon nu waaman. Gar tokkon kenya akka dhaabannu, kaan akka jilbeeffannu, gariin akka teenyu(osoo waraabani) nutti himani teenye. ]Ergasii 'Barreeffama Islaamaa]' dubbisne. ''

Barreessitoonni maal ta'an?

Naa'omii Adaamu fi kaan sadii waan isaan mudate barreessan - Rodaa Pitar, Saraatu Ayubaa fi Margaaret Yaamaa - ji'a Caamsaatti gad-lakkifaman.

Mootummaan Yunvarsiitii Ameerikaa Kaaba-bahaa Naayijeeriyaa magaalaa Yoolaa argamutti baatii Fulbaanaa dhaqani akka baratan erge.

Maatii ijoollee torba qabu keessaa lammaaffaa kan dhalatte Adaamun waan barreessite maatii isheef ol kaa'uu ishee dubbatte.

''Akka hin daganneefin barreesse,'' jetti.

''Obbolaankoo dhiiraa, dubaraa, maatiin koos akka ilaalaniifan barreesse.''

Goodayyaa suuraa Harmeen Adaamu adde Koloo dubbisuu hin danda'an garuu waan barreefame quba qabu

Hiriyaan ishee Saraah Saamu'el garuu hamma yoonaa hin deebine. Kuni isaan gaddisiisa.

''Baay'een gadde. Baay'ee. Waa'ee isheen yaada.''

Turtii isaanii waggaa lamaa keessatti yeroo lolli isaanitti ka'e waan looltonnii Bokoo Haraam nyaatani jiraatan jalaa waan citeef isa dandamachuuf heerumte.

Heerumuun ishee abbaa warraa ishee loltuu Bokoo Haraam waliin kaampiiti bahani bakka nyaata gaha argatanitti jireenya gaarii akka jiraattu yaaddee turte. Haa ta'u malee, dubartoonni heeruman tokkon isaaniiyyuu hin gadhiifamne.

Abbaan ishee Saamu'el Yaagaa intalli isaanii osoo qabamte jirtu barreessuun ishee hammana isaan hin ajaa'ibne.

''Yeroo hunda barreessiti. Takka takka osoo dubbistuu rafti,'' jedhan.

Xumura baruullee yaadannoo ishee irratti maqaa obboloota ishee shan tarreessite: ''Maqaan abbaakoo Saamu'el maqaan harmeekoo immoo Ribiqaa dha.''

Akka dagachuu hin barbaanneetti jechuudha.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata