Qubsuma Koo 8: Roobeel lammii Itoophiyaa dorgomaa sigigoo cabbii kan qofaa

Roobeel Taklamaariyaam Image copyright Ken Iwai
Goodayyaa suuraa Roobeel Taklamaariyaam

Roobeel Taklamaariyaamiin jedhama. Kanan jiraadhu Magaalaa gudditti Jaappaan Tokkiyoo irraa imala sa'aatii afurii irraatti kan argamtu magaalaa Naagaanoo keessa.

Asittis sigigoo cabbiin barsiisa. Mana barumsichaas kan olaantummaan to'atu anadha.

Yeroo jalqabaatiif as kan dhufe waggoota kudhaniin dura yoo ta'u, gutuummaatti ergan asitti hafe waggoota sadii guuteera.

Tibban Ameerikaa jiruuttis dhaabbata Faransaayi kilabii Meyidii jedhamuttan sigigoo cabbii barsiisa ture. Dhaabbata kanaafis biyyoota akka Indoneevsiyaa, Awustiraaliyaa, Turkii, Tuniziyaa, Taayilaandiifi Chaayinaa keessa hojadheera.

Oloompikichaan boodas dorgommii Jaappaaniif osoon Itoophiyaatti qophii taasisaa jiruu, Ameerikaa dhaqee akkan leenjisuuf na gaafatan. Dorgomicha irratti qofa irratti akkan xiyyeefachu barbaadu yoo itti himuu, Jaappaanitti lafa sigigoo cabbii itti barsiisan akka qaban natti himan. Anis ganna barsiisuufan asi dhufe.

Lafa cabbooftuu Koloraadoo irraa dhufu illeen qulqullinniifi baayyinni cabbii Jaappaan baayyee na dinqa.

Cabbii addunyaarratti gaariidha jedhamu keessaa tokkodha.

Image copyright Robel Teklemariam

Kanan dhaladhee magaalaa Finfinneetti yoo ta'u, hanga kutaa sadiitti mana baruumsaa Yooseef jedhamu lafa ijoolleen dhiiraa qofti itti baratanittiin baradhe.

Haala tasgabbii dhabiinsa bara dargiitiin walqabatee haatii kiyyaas gara waajjira motummota gamtoomanii Niiyoorkiitti argamuutti geedaramte.

Achittis adda addummaa aadaa na mudate ture. Itoophiyaatti daa'imtii alatti utaaltee tabachuun guddatti.

Jireenyi Niiyoorki garuu appaartaamaa tokko keessatti cufamtee oluudha. Kana malees afaan ingiliizii walaaluun koo ammoo caalaa haalicha natti cimse.

Guyyaan jalqaba itti mana barnootaa dhaqee guyyaan jireenya koo keessatti guyyaa gaarii hintaane jedhuudha.

Nan yaadadha erga kutaaa ganamaa baranneen booda laaqanaaf baane. Ijoolleen yoo natti dubbatan kanan deebiisuuf afaan amaaratiin ture.

Afaan dhagahanii hinbeekne waan ta'eef hundumtuu koolfuu eegalan. Waanana soodaadheef, mana barumsaatii bahuun daandii beekuu baadhuus garuma miilli koo na geesseetti qajeele.

Dubartiin jireenya koo keessatti hin irraanfannees kanan arge wayitatuma sana ture.

Haallichi baayyee dhippisiinaan na gargaaruuf konkolaataa keessa na galchite.

Osoo deemaa jirruus akka carraa gamoo keessa jirannu bira geenyaanan itti agarsiise.

Abbaan qabeenyaa gamoos akkuma na argeen na bare. Isaan booda ammoo maaliif akkan osoon barumsa hinxumuriin galee adaadaa tiyya mana jirtuutti maal jedhee yaa himu. Baayyeen dhippadhe.

Isaan boodas lafee indaanqootu na hudheen dhufee edheen. Achiin haatii koofi ambulaansiin waamame.

Gabaabumatti deebbii'ee lammaffaa mana barnootaa sana hindhaqne.

Isaan boodas akkan dandeettii afaan Inglizii kiyya fooyyeessuuf gara barsiisaa dhuunfaatti eergame. Achinis mana barnootaa Leek Pilaasiid jedhemu galfame. Achitti egaa kanana ispoortii sigigoo cabbii kanan bare. Akkuman argeenan ture jaalalaan kanan qabame.

Isaan boodas dorgomii sigigoo cabbii eegale. Dorgommii biyyaaleessaa adda addaa irrattis hirmaachuu eegale.

Achumaanis barnoota yunivarsitii eegale. Carraa barnoota atileetiksii argadhee kanan baradhees yunivarsitoota kudhan sigigoo cabbiitiin jiru jedhaman keessaa tokkotti ture.

Itoophiyaatti dorgomu kanan barbaade wayitan barataa sadarkaa lammaffaa tureetti.

Tibban dorgomuttis jarri tokko eessaa dhufee jechuun leenjiisaa kiyyaa yoo gaafatan, innis Itoophiyaa irraa jechuun deebiseef. Inni tokkos osoo Itoophiyaaf dorgome jedhe akka qoosaatti.

Garuu jechi sun anaaf qoosaa hinturre. Tibbi sunis yeroon waa'ee Abbabaa Biqilaafi seenaa Itoophiyaa itti barataa turedha.

Attamiin Itoophiyaa bakka bu'uun dorgomu akkan itti danda'u gaafadhuus kan natti hinmuun dhabe.

Barnoota yunivarsitiin boodas dorgomtoota sigigoo cabbii Keenyaa yammuun argu, Itoophiyaaf dorgomu akkan qabaadhuun hubadhe. Innis yeroo isipoortiin ittiin sadarkaa olaanaadhaa gahee ture.

Yoon gaafadhuus federeshiniin Sigigoo Cabbii Itoophiyaa irraa waldaa sigigoo cabbii beekumsa qabu akka barbaadu dhagahe.

Achinis Koree Olomipiikii Itoophiyaa fi Ministeera Dargaggoofi Ispoortiin dorgomu akkan barbaadu itti hime.

Image copyright Robel Teklemariam

Imbaasii Itoophiyaa irraa eegalee deebii gaarii argadhu illeen, sigigoon cabbii Itoophiyaa keessa waan hinturreef federeshinii haaraa dhaabuuf baroota dheeraa fudhate.

Qabxiin olompikaa kiyyas gaariihinturre, ta'u garuu anaaf dhimmi guddaan ispoortii Itoophiyaan olompikaan ittiin hinbeekamneen hiriiru koo ture.

Haalli kunis waggoota 22 booda akkan gara biyyaatti deebii'uuf karaa naaf saaqe.

Biyyaa irraa fagaadhee jiraachu kootti namootaan walii galuun natti ulfaata jedhee yaadeen ture. Haa ta'u malee Ameerikaa caala mirrii biyyaa kan natti dhagahame Itoophiyaatti ture.

Gara Itoophiyaa marmaaru illeen amma bakki jireenyaa koo biyya Jaappaaniiti.

Itoophiyaafi Jaappaan aadaan baay'ee walfakkaatu. Ulfinni namootaaf qaban, yoo nagaa gaafatan mataan gadi yoo jedhaniifi haalli itti shaayii daffisan sirna buna biyya keenyaatiin walfakkaata.

Jaappaan biyya namatti toltuudha. Magaalaan keessa jiraadhus kan haroofi tulluun marfamteedha.

Asumatti waanan mucaa koo Liyaa argadheefu anaaf hiikkaa addaa qaba.

Nyaata isaanis baayyeen jaaladha. Keessattu gosti nyaataa ruuziifi qurxummii dheedhii irraa hojatamuufi Suush jedhamu, akkasumas Yaakuniiku kuduraafi foon irraa hojatamuu baay'een jaaladha.

Jaappaan biyya sirnaan gutamteefi kan haalaan qindoofteedha. Aadaalee biyyoota addunyaatiin adda ishee taasise qabdi. Biyyoota 30 ol argeera garu biyya akkasii argee hinbeeku.

Kana malees xiyyeefannaan yeroof kennamu na dinqisiisa. Sakandoonni hiikkaa qabu. Fakkeenyaaf awutobisiin ni dhufa yoo jedhame sakandii hindabarsu.

Afaanicha beekulleen barreessuufi dubbisuun natti ulfaatee jira. Qubee isaanitiin alattis mallattoowwan Chaayinaa Kaanjii jedhaman kuma 20 olitti fayyadamu.

Kanas ta'e, sana Itoophiyaan yaada. Keessattu aduun ganamaafi nyaanni mana obbooleettii kiyyaa, kitofoon ija dura na deema.

Manni nyaadaa Itoophiyaa magaalaan keessa jiraadhu irraa baayyee waan fagaatuuf hindhaqu. Yeroo baayyees, maaloo suuqiin barbareen itti gurguramu dhihoo koo osoo jiraateen jedha.

Odeessa kana irratti dabalata