''Bunyaan dubartootaaf maal godha jechuun na tuffatu''

Maskaram yammuu leenjiiftu
Goodayyaa suuraa Maskaram dubartoota bunyaan torbanitti guyyaa sadiif leenjifti.

Magaalaa Finfinnee naannoo Shiro meedaa jedhamutti dhalachuun kan guddatte, Maskaram Cuuruu ijoollummaa isheetii kaaftee jireenya ishee injifachuuf baay'ee qabsoofte jirti.

Barattu taatees akka hiriyoota ishee kan biraa yeroo taphannaa hin arganne tute.

Mana barnootaan booda daandii cinaatti kophee haxaa'uun hojachaa turte. Galgala ammoo gara manaa deebii'uun abbaa ishee uffata dhahan gargaarti turte.

Maskaram amma intal waggaa 26ti. Har'as yaaliidhuma keessatti argamti.

Ganaa mana barnootaa Inxoxoo Ambaatti osoo kutaa shan bartaa jirtuu ture, ijoolleen dhiiraa bunyaa taphatan agartee kan itti siquun ilaalu eegaltee.

''Yeroo sana waa'ee isipoortii omaa hinbeekuun ture. Booda keessa garu erga istaadiyoomii bakka dorgommiitti na geessanii booda qalbiin koo achumatti hafe. Anis leenjii'u akkan qabaadhu murteessuun, dhiiroota 20 keessaa dubartii qofaa ta'uun itti dabalame,'' jetti Maskaram.

Kan hinbaramne ta'ulleen dhiroonis ishee simachuun waliin leenji'uu eegalan. Isheenis isaan booda yeroo yeroon injifachuu eegalte.

Maskaram waggoota 10niif walitti aansuun shaampiyoonaa taatee jirti. Yeroo sanatti biyya bakka bu'uun dorgomuun baayyee waan hinturreef, ijoollee gama ogummaa kanaa irraatti hirmaatan leenjisuu kan ishee dandeessisu leenjii sadarkaa addunyaa fudhate. Isa boodas leenjisummaan itti fufte.

Garuu ishee murtee isheetti mirkana turtuus, namoonni lakkii dhiisii jedhuun baayyee akka turn dubbatti.

''Bunyaa jechuun namoota baayyeef reebicha jechuudha. Anaaf garuu aartiifi saayinsiidha. Malaafi teeknika isaa barachuun dadhabbii baayyee qaba. Sirriitti barachuufis yeroo baayyee hordofu barbaada,'' jetti Maskaram.

Isheenis ijoollee leenjii argachuuf gara ishee dhaqan jalqabaa kaasuun, bunyaa akka ogummaatti akka fudhataniifi qophii xin-sammuu akka taasisaniif barsiifti.

Goodayyaa suuraa Leenjiitoota Maskaram keessaa baayyeen isaanii dubartoota

Leenjitoonni ishees erga qaamni isaanii ispoortiin cimuu isaa mirkanneefateen booda leenjii sochiiwwan harkaafi ijjannoo booksii akka itti fufan taasifti.

Ergasiin booda ammoo haala teeknika rukuttaa bunyaa fi haala itti argansuu fudhatan barachuun, booda keessa pirojeektii keessatti dorgomuuf waliigaltee taasisuu eegalu.

Booda keessa ammoo waljalaan hanga dorgommii biyyaaleessaa keeessatti hirmaachu gahu jechuudha.

Maskaramis haala kanaan torbanitti guyyoota sadiif leenjitoota 30 ta'an leenjifti.

Leenjitoota keessa dubartoonni afur ammoo kilaboota bunyaa Niyaalaafi mana sirreessaatti makamaniiru.

Kana malees dubartoota lamaafi dhiira tokko ammoo garee bunyaa biyyaalesaatiin filatamaniiru.

Biyya dubartoonni bunyaa keessatti haalaan hinbaraminittis, magaalaa Finfinnee naannawa Gulalleefi Kolfeetti dubartoonni baayyeen Maskaram fa'ii ilaalaa maatii isaanii akka amansiftuuf gaafataa jiru.

''Anis yoo jalqabuu maatiin koo baay'ee naan mormanii turan. Booda garuu osoo kan koo dinqisiifatanii hin xumuriin obboleeyyan koo lama yoo itti dabalaman yaada isaanii kaasuun ala filannoo biraa hinqaban ture.''

Isheenis dargaggoota hanga 50 ta'an pirojaktiin yoo leenjiiftu galii argattu kan saamunaaf ta'u jechuun qarshii 1,000 qofaadha.

Maallaqni kunis maatii ishee deegaruuf gahaa waan hintaaneefu ammas manatti waan hojatu qabdi.

Uffata aadaa omishuun gabaaf dhiyeesiti. Garuu lamaan walbira qabuun hinyaadamu jetti.

''Bunyaa kanan hojadhu maallaqaaf osoo ta'ee, duran dhiisa ture. Garuu osoon yaadee iyyuu naaf hinta'u sababiin bunyaa malee jiraachu hindandenyeefu,'' jetti.

Goodayyaa suuraa Ganat shamarreen waggaa 18 madaallii salphaa km 54tiin dorgomtuudha

Ganat Tsegaye pirojektii leenjii bunyaa Maskaram dubartoonni itti baayyatanitti erga makamtee waggaa sadii ta'eera.

Hiriyyoonni ishees kan ishee beekan maqaa moggoo Wandasan jedhuun. Daa'ima yeroo turte qabee kuphaa miilaa taphata.

Nama osoo ishee taphattu arge tokkotu maaliif bunyaa hinyaallee jechuun qabee gara pirojaktii Maskaramitti fideen.

''Maskaram yoo leenjiiftu baayyee natti tolti,'' kan jettu Ganat sutuma sutaan bunyaatti harkifamte. Ganamaafi galgalas haalaan leenjii'uu jalqabde.

Waggaa tokkoon boodas warreen kilabiin hammataman waliin akka dorgomtuuf gaafatamte.

''Tibbuma sanan akkan hojii gaarii hojachu danda'uun hubadhe. Sababiin isaas warra kaan irra nan fooyya'a ture,'' jetti Ganat.

Bara 2008tti kilabii poolisii Finfinneetiin hamatamuun wayita ammaa kanatti mindaa qarshii kuma sadii argataa jirti.

Gara fuula duraattis garee biyyaaleessaa bakka bu'uun dorgomuu feeti.

Akka kiloon ishee gadii hinbuneef illeen of eeggannoo taasisaa jiraachu dubbatti.

''Guyyaa tokkos abbaan kiyya tphicha ilaaluu dhufee maaloo dhiisi naan jechaa ture. Booda keessa ammoo ergan ani medaaliyaa fideen booda dhiibbaa narraan gahaa ture hir'ise.

Namoonni baayyeenis bunyaan dubartootaaf maal goodha jechuun nu tufatu.''

Kana darbuunis dhiroonni isheefi dubartoota kaan qoran hin dhibne. Yeroo kanas haaluma ispoortiin gaafatuun obsa qabaachuun kan barbaachisu. Kun garuu yeroo hunda gahaa ta'u dhiisu danda'a.

''Guyyaa tokkoos dargaggeessi tokko hiriyyaa tiyya qoccoolee. Lakkii dhiisi jechuunis nan kadhadhe. Innis tole jechuu dide, Yoo arrabsuufi loluus calliseen ilaale. Tasa dhufee yoo kaballaan dha'u garuu obsa waanan fixadheef yeroo tokkoon dhadhamachiseen. Dorgomiim alattis yeroo itti harka koo bunyaaf diriirse tokkichi yeroo sana ture,'' jechuun dubbatti Ganat.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan