Qondaaltonni olaanoo duraanii Kaataalaan abbaa seeraa Beljiyeemin gadhiifaman

Madda suuraa, EPA
Ministiroota Kaataalaan afur poolisiitti harka kennatan
Hogganaan duraanii Kaataalaan Kaarles Pujidamoonii fi minsitiroonni duraanii afur abbaa seeraa Beljiyeem dhimmicha qorataniin bilisa akka bahan murtaa'e.
Abbaan seeraa kuni akka jedhanitti hoggantoonni duraanii eeyyama malee biyyaa bahu hin danda'an.
Ajaja hidhaa gamtaa Awurooppaa abbaa seeraa Ispeeniin gaafatame hordofeeti hoggantoonni kunneen poolisii Beljiyeemiif harka kan kennan.
Obbo Pujidamoon Kaataalaan bilisummaa waan labsite mormuun Maadriid bulchiinsa kallattii waan dabarsiteef Beljiyeemitti baqatani.
Haga dhaddachi haqaa Ispeen jiraatutti hin deebi'u jedhani ture.
Hoggantoonni shanan fincila, dubbi ummata kakaasuu fi baajata ummataa qisaasessan jedhuun himataman.
Hoggantoonni duraanii kunneen mana murtii Beeljiyeem argamutti guyyaa 15 booda dhiyaatu.
Hoggantoota kana Ispeenitti dabarsite kennuuf Beljiyeem guyyoota 60 qabdi, seera irratti mormiin yoo hin dhiyaanne garuu isa dura dabarfamani kennamuu danda'u.
''Waajjira abbaa-alangee Biraasalsin waaree booda gaafatameen namoonni hunduu yeroof akka hidhaadhaa gadhiifaman abbaan seeraa dhimmicha qorataan eyyamaniiru,'' jedha ibsi waajjira abbaa-alangee Beljiyeem.
Madda suuraa, AFP
Obbo Pujidamoon waajjira abbaa alangee Biraasals keessatti mul'ataniiru
Dhaabni siyaasaa obbo Pujidamoon akka jedhetti of-dabarsani poolisiif kan kennan ''adeemsa seeraa baqachuuf osoo hin taane falmachuufi. Kunimmoo Ispeenitti shakkisiisaa ta'uus Beljiyeemiti ta'uu danda'a.''
Ministirri muummee Ispeen Maariyaanii Raahoy torban darbe Kaataalooniyaa irratti bulchiinsa kallattii dabarsaniiru. Obbo Pujidamoon aangoo irraa buusuun paarlaamaan Kaataalaan akka diigamus taasisaniiru.
Madda suuraa, AFP
Deeggartoonni bilisummaa Kaataalaan waajjira abbaa alangee Biraasals fuuldura mormaa turani
Hoggantoonni shanan poolisii federaalaa Beljiyeemiif harka kan kennan yoo ta'u abukaatoowwan isaaniis waliin jiru.
Gaafa Dilbataa magaalota Kaataalaan garaa garaatti hidhamuu hoggantaa kanaa mormuun mormiin taasifamaa ture.
Namoonni siyaasaa saddeet himata walfakkaataa hoggantoonni kaan himatamaniin qoratamaa jiru.
Isaan alatti, rogeeyyonni lama hidhamani qoratamaa jiru.

Ministiroonni Kaataalooniyaa duraanii saddeet Ispeenitti hidhaman
Ministiroonni Kaataalooniyaa ari'aman saddeet abbaa seeraa Ispeeniin, walabummaatti cichuu isaaniif hidhaman.