Ragaaleen Paaraadaayiz Peppars jedhamu waliigaltee albuuda Afrikaa ilaalchisee gaaffii kaase

Bakka Albuuda Kaataangaa Image copyright Premieres lignes
Goodayyaa suuraa Bakka albuuda Kaataangaa DR Koongoo keessatti kan argamu

Dhaabbatoota gurguddoo adduunyaa keessaa tokko kan ta'e fi kanaan dura doolaara mil 45 namicha daldalaa malaamaltummaan yakkamee tureef liqeesse, mirga albuuda baasuu irratti biyyattii hiyyeettii Giddugala Afriikaa akka hasoofsiisuuf gaafatanii turan jechuun dhaabbanni Paaraadaayiz Peppars saaxile.

Kaampaniin biyya Ingliizii fi Swizarlaand (Anglo-Swiss) Gleenkoor liqa kana kan dhiheesse, biliyoonara lammi Israa'eel, daldalaa beekamaa fi bara 2009 keessa walitti dhufeenya cimaa angaawoota olaanoo Mootummaa DR Koongoo waliin kan qabuu Daan Geertleer ture.

Dhaabbata albuuda baasu keessaa qooda guddaa kan qabu Gleenkoor, waligaltee haaraa akka waliin godhaniif Obbo Geertleeriin gaafataniiru. Kun immoo biyyattii DR Koongoo doolaara miliiyoona dhibbaan lakkaawaman akka ishee dhabsiisuu danda'u falmitoonni dubbatu.

Obbo Geertleer fi Gleenkoor garuu waan badii qabu hin hojjenne jechuun haalaniiru.

Gleenkoor Dolaara mil 534 obbo Geertleeriif kaffaluun bakka albuuda kan waliin qabaachaa turan ji'a Gurraandhala bara kana keessa DR Koongoo irraa akka bitaniif waligalanii turan.

Kunis bali'inaan ifatti kan bahe Paaraadaayiiz Peppars keessatti wayita ta'u, ragaalee mil 13.4 miliqanii bahan keessaa, baay'een isaanii achuma Appleby dhaabbata seeraa beekamaa kan biyya alaa ta'e keessa kan argaman turan.

Biyyaatiin Giddu Galeessa Afriikaa kan DR Koongoo kun waggoota kudhaniin lakkawamaniif malaammaltummaa fi waraanaan hammacamaa turuu irraa kan ka'e walakaan jiraatoota biyyaa sanaa sarara hiyyummaa gadi jiraatu.

Haa ta'u malee qabeenyi albuuda biyyatti miliiyoonota dhibboota hedduun lakkawamaniin wagga waggaatti argamsiisu kan danda'uudha; namoota kana bira gahuu danda'eef .

Kunis Gleenkoor, kaampaanii guddicha Angiloo-Swiiz isa albuuda baasu fi daldala madda galii (commodity trading) kan dabalatuudha.

Kaampaaniin kunis addunyaa keessatti guddina isaan 16ffaa irra akka jiru safarri tokko tokko ni mul'isu.

Waggoota hedduuf Koongoo keessatti albuuda baasuu irratti kan bobba'e Gleenkoor, keessattuu hoomisha Koopperii irratti hojjechaa ture.

Kubbaaniyaan kun akka jedhutti doolaara biliyoona 50 hojii irra oolcheera. Waggaa kudhan dura kampaanii Kaataangaa jedhamu keessatti qooda % 8.52 mirga Koopperii baasuu kibba biyyattii keessatti qaba ture.

Boordiin Kaataangaa kan hogganaa olaanaa Gleenkoor of keessa qabu Waxabajjii 2008 keessa oduu badaatu isaan qaqqabe.

Prezidaant Jooseef Kaabilaan kan geggeefamu mootummaan DR Koongoo, hayyama albuuda baasuu ilaalchisee haalawwan waligaltee turan keessa deebiin akka ilaalaman barbaadu isaanii ture. Kunis wayita sanatti doolaara mil 150 Kaataangaa keessaatti baasee kan ture Gleenkooriif yoo albuuda kana baasuu dadhabee maallaqni isaa achuumaan baduu waan danda'uufi.

Qabeenyummaan isaa kan mootummaa kan ture kaampaaniin Gekamine albuuda Koopperii fi Koobaaltii hayyamuuf ''kaffaltii bira gahuu'' doolaara Mil 585 barbaade ture.

Waligalteen kanaan dura ture doolaara mil 135 ture.

Kanaafuu akka ragaaleen Paaraadayiiz Peppars agarsiisanitti gaaffiin kaffaltii angaawoota mootummaa DR Koongoon gaafatame ''haalaan fudhatama kan hinqabne'' ta'uu hubachuun yeroo jalqabaaf, direkteeroonni boordii Kaataangaa Daan Geertleer, daldaalaa lammii Israa'eel waamuun akka isaan gargaaruuf murteessanniiru.

Dokimantii maddaa: Qaboo yaa'ii boordii Kaataangaa - Waxabajjii 2008

''Daan Geertleer, namichi harka biraan fedhii kubbaaniyaa kana keessaa qabus, boordii kanaan aangoon kennameefi angaawoota DR Koongoo waliin akka haasa'u godhame,'' Qaboon yaa'ii boordii Kaataangaa kan Waxabajjii 2008 akka agarsiisutti.

''Boordichis ...Obbo Geertleer dhimma kana akkaataa jedhameetti raawwachuuf qophee akka ta'an beekuuf waliin haasa'uutu irraa eegama.''

Obbo Geertleer Kaataangaa bakka bu'uun waligaltee sana irratti akka haasa'an gaafatamanii turan.

Yeroodhuma walfakkaataatti, Gleenkoor kubaaniyaa Briitish Verjiin Aislaand keessatti argamu fi Loora Inteerpriise jedhamuun kan beekamuuf liqa doolaarii mil 45 kennuuf waligalteerra gahe.

Looraa Inteerpriise maatii Obbo Geertleer'iin kan to'atamuu ture.

Isa booda Gleenkoor Kaataangaaf doolaara mil 265 liqeesse. Kunis boda irra gara qabeenyaa qooda kubbaaniyaa sana keessa qabaachutti jijjiramuun, Gleenkoor achi keessatti qooda guddaa akka qabaatu isa godhe. Liqaan Looraa Inteerprisiis, Dan Geertleer albuuda baasuu keessaa qooda qabaachuun isaa akka itti fufu isa taasise. Obbo Geertleer garuu liqaa kana irraa waantiin fayyadame tokko ille hinjiru jedhee waakata.

Dokimantii maddaa

Kaatangaanis gara caalaa liqa kanaa gabaa aksiyoona Toroontootti Guraandhala 2009 keessa dhiheessuu labse, haa ta'u malee dhimma kana ilaalchisee bal'inaan waanti ifa ta'e hinjiru.

Waliigalteen liqaa kubbaaniyaa Geertleerf waliin ture akka agarsiisutti, yoo waligalteen haaraan kan mirga kennisiisu sun ji'a sadii keessatti bakka hingeenye, Gleenkoor liqaa irra jiru hatattamaan akka deebisu gaafachuuf mirga qaba.

Akka Paaraadaayiiz Peppars yaada dhiheessetti, obbo Geertleer hatattamaan milkaawuun, Geekaamiins gaafatee kan ture kaffaltii doolaara mil 585 irraa gara Mil 140 kan waligaltee isaan bu'uraatti dhihaatuutti gad caabsiisiisuun doolaara mil 445 akka Kataangaaf hafu godhan.

Dokimantii maddaa

Farra malaamaltummaa ragaa baatu idil addunyaa (anti corruption campaigners Global witness) irraa Piiteer Joons, waligaltee walfakkaataa kan akka Gleenkoor irra gahu danda'e kun DR Koongoof hammeenya guddaa qaba jechuun dubbataniiru.

''Biyya qabeenya uumamaa irratti hirkattuuf, waligalteen akkanaa kun diinagdee ishee keessaa maallaqa xuuxuun bu'aa faallaa ta'ee biyattii irraan kan gahuudha''

Obbo Geertleer karaa isaanitiin kun DR Koongoof waligaltee gadheedha ''Geekaaminees JVA haaraa kanaan Kaataangaa dabalatee bakka Kooppeerii fi koobaaltii Geekaamineef doolaarii mil 825 baasuu isaaniif gadhifamuu isaatiin hedduu fayyadamoo ta'aniiru jedhaniiru.

Gleenkoor BBC'tti wayita himan, doolaarri mil 45 Looraa Intarpiraayiziif liqaan kenname ''daldala irratti hundaa'e waan tureef walitti dhufeenya ilaalcha keessa kan hingalchineef gabaa yeroo irratti kan hundaa'e ture''.

Liqi kunis gutuumaatti bara 2010 keessa akka kaffalame himama. Abukaatoon Obbo Geertleer, waanti waliin hojjetan tokko wayita bakka gahuu dadhabu, liqeessaan tokko akka deebi'ee kaffalamuuf gaafachuun waan haaraa miti erga jedhanii booda itti fufuunis ''Looraa Interpraayiz ta'ee Obbo Geertleer akkasumas kubbaaniyaas ta'ee namni isaanii waliin hidhata qabu keessa kan horii kana kallatiin fuudhe hinjiru,'' jechuun dubbataniiru.

Maqaa gadhee Obbo Geertleer DR Koongoo keessatti qaban gara waggoota digdamaatti dhihaata. Bara 2001 keessa qaama waligaltee bakka albuudaa daayimondii qofaatti dhuunfachuu kan ta'e meeshaa waraanaa dhiheesuu fi leenjii waraanaa kennuun gabaasa Mootummoota Gamtoomaniin (UN) dhihaate keessatti yakkamanii turani.

Bara 2013 keessa, gabaasa Afriikaa Proogrees paaneel kan barreessaa waligalaa Mootummoota Gamtoomanii durii kan ta'an Kofii Anaaniin dhihaatee ture.

Gabaasa kana keessatti, mirga albuuda baasuu ilaalchisee kubbaaniyoota Daan Geertleer DR Koongoo keessatti gatii isaa sirrii irraa baay'ee gad bu'aa kan ta'een mo'aniiru jechuun yaada kan kenanniiru. Abukaatoon daldaalaa lammi Israa'eel kanaas himata bara 2001 fi 2013 keessa irratti dhihaate kana haalaniru.

Waggaa darbe, heedji fund Och-Ziiff doolaara mil 412 kafaluun biyya Afriikaa baayee keessatti mata'aa kennuun angaawwota Ameerikaan himata irratti dhihaate fixuuf waligalee ture. Abbootiin alangaa kan dubbatan ta'us, garuu maqaa hindhoiofne, kan namicha daldalaa lammi Israa'eel namoota biroo waliin, doolaara mil 100 ol kan ta'u mata'aa kennuun koongoo keessatti gatii gadi cabaa ta'een carraa fi hayyama addaa kan ittiin albuuda baasan argataniiru'' jedhamanii shakkamanis dabalate.

Daan Geertleer garu kana gochuu isaa ni haala. Tarii keessattu, Obbo Geertleeris dabalataan gorsaa Preezidaant kaabiilaa kan turanii fi bara 2012 keessa kan du'an Kaatuumbaa Mwaankee jedhamanii waliin hiriyaa baay'ee walitti dhihaatan akka turan ni beekama.

Daan'eel bliint-Kuurtii, NGO Gloobaal Witiness irraa kan ta'ani fi walitti dhufeeenya Daan Geertleer fi Gleenkoor waggoota hedduuf qorachaa kan turan akka jedhanitti, kaampaaniin sun namicha daldaalaa sanaa waliin hojjechuun dura of eegachuutu irra ture, jedhaniiru.

''Nama prezidaantii Koongootti dhiheenya qabuu horii guddaa dhangalasanii qaxaruun akka inni waliin haasa'uuf aangoo kennuu isaaniin waan balaa guddaa irraa isaan buusu geggeessa turaniiru,'' jechuun dubbataniiru.

Abukaatoon Daan Geertleer BBCtti ''Inni nama daldaalaa kan kabajaa guddaa qabuu fi qabeenyaa isaa irra caalaa namoota rakkatan gargaaruu irra kan oolchuudha,'' jedhaniiru.

Waraqaaleen miliqanii bahan kunnis haalaan baayee wayita ta'an irra caalaan isaaniis kan argaman biyya alaa keessatti kan hojjetu dhaabata seeraa Appleby jehdamuuf galmeewwan gibiraa biyyoota 19 keessatti waligaltee maalaqaa kan abbootii siyaasaa, namoota bebeekamoo, dhabattoota gurguddoo fi hoggantoota daldalaa waliin godhame kan saxilu daballata. xxx

Galmeen mil 13.4 kun gara Sueddeutsche Zeitung gaazexaa jedhamutti darbuun International Consortium of Investigative Journalists (ICIJ) Paanoraama kan BBC fi daabbatoota midiyaalee biroo 100 ta'an Zii Gaardiyaan dabalatee qorannoo biyyoota 67 keessatti geggeefameedha. BBC'n eenyummaa madda kana ilaalchisee waan beeku hinqabu.