Qorannoon busaa hafuraan taasifamu abdii qaba jedhame

Maalaawiitti daa'imni ennaa qorannaan taasifamuuf Image copyright Washington University

Namoonni dhibee busaan qabaman hafuurri baafatan adda waan taheef, qorannnoo dhukkubichaaf taasifamu gargaara jedhu saayintistoonni Ameerikaa.

Saamuda meeshaa hafuura qoratuu kana Afrikaatti yaaluusaanis, konfiransii tirooppikaal meedisiin irratti ibsameera.

Meeshaan kun keessattuu ijoolleerratti dhukkubicha argachuuf guddoo kan fayyade yommuu tahu, meeshaa yeroo hundaa ta'ee fayyaduuf garuu irra caalaa fooyyeessuun barbaachisa.

Fooliin meeshaan kun funfatu keessaa tokko, foolii uumamaa ilbisoota harkisuun busaa babal'isuu danda'u isa tokko.

Gosti mukkeen kanneen akka gaattiraafaa kompaawundoota 'terpenes' jedhaman oomishuun, bookee busaa fi ilbisoota polineessitoota garagaraa gara ofiitti harkisu jedhu, qorattoonni Yuunivarsiitii Waashingitan St Luwis keessaa.

Image copyright Getty Images

Namoonni dhukkuba busaatin qabaman afuura isaanii keessatti foolii akkasii waan qabaachuu danda'aniif, bokee busaa fi ilbisoota hiddan biroo gara ofitti harkisuu danda'u. Achi boodas dhukkubicha baachuuniifi namoota biroo hiidduun tamsaasuu danda'u.

Qorannoo kana irra caalaatti foyyeessuun haa barbaachisu malee, haala salphaa fi rakasa taheen dhukkuba busaa argachuuf dandeessisa, jedhu Pirofeesar Odirii Odom Jooniifi hiriyoonni hojiisaa.

Foolii adda bahe

Saamudni qorannoo hafuuraa kun fooliiwwan garagaraa jaha adda baasuun dhukkuba busaa argachuu danda'a.

Qorattoonni kunneen daa'imman Maalaawii 35 ho'a qaamaa olaanaa qaban irraa eddattoo fudhachuun yaalan. Daa'imman tokko tokko dhukkuba busaa kan qaban yommuu tahu, kaan ammoo kan hinqabnedha.

Bu'aa daa'imman 29 akka gaariitti hime, kana jechuunis milkaa'ina %83 qaba jechuudha.

Bu'aan kunis meshaa kana idileen fayyadamuuf kan taasisu miti. Haa ta'u malee, amanamummaa meeshaa kanaa fooyyeessuun, haala salphaan waan gabaaf dhihaatu taasisuu akka danda'an qorattoonni kun ni abdatu.

Qorannoon dhukkuba busaa ariifatoo ta'an ammas ni argamu. Haa ta'u malee, wanta isaan daangessu qabu, jedhu qorattoonni Yuniivarsiitii Waashingtan.

Baadiyyaatti dhiiga qorachuun gatiin qaalawaa fi akkaataan raawwii isaanis rakkisaa ta'uu danda'a.

Malli dhiiga namaa fudhachuu hin barbachifneefi ogummaa teeknikaas hin barbaanne faayidaa guddaa qaba.

Piroofeesar Jeems Loogaan, London School of Hygiene and Tropical Medicine irraa waan jedhan: ''Dhukkuba busaa mallattoo hin agarsiisne dafanii bira gahuun, karoora busaa dhabamsiisuuf qabne galmaan gahuuf nu gargaara. Meeshaan qorannoo haaraan kun baay'ee na gammachiiseera.''

Kana malees, meeshaa kana meeshaa qorannoo amansiisaa gochuuf hojii guddootu nu eeggatas jedhan.

Bu'aan qorannoo kanaa walgahii waggaa waggaan gaggeeffamu American Society of Tropical Medicine and Hygiene irratti dhihaachaa jira.

Misheel Twitter irratti hordofaa.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata