"Nama fira hin qabneef hirkoon isaa humna isaati"

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
Atileetonni hojii kophee haxaa'uu irraa ka'anii iddoo guddaa ga'an waan jiraniif anis hawwiin koo akkasuma jedha Madihaaneen

Dargaggoo Madihaanee Haayila yeroo hunda barraaqaan ka'a. Kunis shaakkallii fiigichaa tulluu Coma'aa Maqalee irratti taasisuufidha.

Kunis fedhii qalbii isaafi daandii ittiin hiyyummaa jalaa bahu ta'uu hubatus, leenjichaan booddee ammoo jiruu biraatu isa eegata.

Akkuma barame meeshaalee ittiin kophee haxaa'u qabachuun bakka yeroo hunda itti hojjatu naannoo Hoteela Aatse Yohaannis oola.

Madihaaneen kan dhalate Magaalaa Asmaraatti yoo ta'u, wayita mucaa waggaa 13 ta'u maatii isaa waliin gara Maqalee kan imale.

Asmaraatti hanga kutaa shaniitti, isa booda ammoo Maqaleetti hanga kutaa 12 barachuun bara 2005tti barnoota sadarkaa lammaffaa isaa xumuree jira.

Wayita kutaa 10 gahu ture kophee haxaa'uufi suphuu kan eegale. Jireenyi itti cimnaanis barnoota addaan kutuuf dirqamee ture.

Innis galii kophee haxaa'uun argatu kan fidu yoo ta'u haati isaas gabaa Maqalee jidduutti mi'eessituu gurguraa kan ooltu walitti fiduun maatii bulfatu.

Abbaa isaas bulchiinsa qadaamaayi Wayyaane jedhamutti waarddiyummaan hojjachaa jiru.

Dargaggoon maatiin isaa haala kana keessatti argamanis, hiyyummaa keessaa bahuuf asiifi achi fiigaa jira.

Fiigichi cimus garuu Madihaaneetti hin ulfaanne. Osuma kophee haxaa'uu kutaa 12 xumureera.

Hojii kophee haxaa'uufi suphuu sa'aatii 4 irraa kaasuun hojjatuunis qarshii 40 hanga 50 ni argata.

''Torban guutuu waanan figuuf galiin kiyya xiqqaadha. Dilbata waanan hin figneef guyyaa guutuun hojjadha. Jireenyi akka cimu gaaffii omaa hin qabaatu,'' jedha.

Mana jireenyaatiif ji'aan qarshii 700 kanfala. Ofumaanis nyaata bilcheeffachaafi uffata miiccataa hojii kophee haxaa'uu isaa itti fufa.

Guyyaa tokkos fiigichaan akka mo'atu afaan guutuun dubbata.

''Yoo qalbii gutuun itti amante, omaa irraa ka'uun gara barbaaddu akka geessu nan amana. Nama fira hin qabneef ammoo hirkoonsaa humna isaati,'' jedha.

Maatii isaatiif ammoo dhimmi fiigicha jedhamu hin fudhatamuuf. ''Kan fiigu ilma soreessaati. Ati maal nyaattee figda? sitti haa hafu jedhuun.

Inni garuu yammuu Qananiisaan fiigu argee kaasee, fiigichaaf jaalala addaatu qabe. Kanaafu yaanni maatii isaa isaaf hin fudhatamu.

Haala Qananiisaan itti fiigu baayyee isa hawwata. Mo'achuu kan barbaadu garuu tooftaa mataa isaatiini.

Uffata danbii ittiin shaakalu eessumni isaa Finfinneetti argamu kan biteef yoo ta'u, maamiltoonni yeroo hunda beekus ni gargaaruun.

Haa ta'u malees, qaama cimsee bira dhaabbatu waan hin qabaanneef, cimee hojjachuun kilabootaan hammatamuuf hojjachaa jira.

''Fiigichaan cimee hojjachuun jijjiirama agarsiiseera. Garuu rakkinni isaa boqonnaa hin qabu. Kanaafuu humni koo yeroodhaa gara yerootti hir'achaa dhufee jira,'' jedha.

Haa ta'u malee, yoomiyyuu abjuu isaa bakkaan gahuuf cimee hojjataa jira.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan