Jireenya magaalaa salphisuuf xaafii daaksisanii gurguruu!

Qaalkidaan Ballaxa

Shamarree Qaalkidaan Ballaxa dhaabbata daldalaa xiqqaa ji'oota muraasaan dura hundessite. Dhaabbanni ishees xaafii daaksisuun kiloo shan, kudhaniif 25 qopheessee fayyadamtootaaf dhiyeessa.

Haala jireenyaa magaalaa geedaramuun kan walqabatees, bu'aaleen nyaataaf olan garaa garaa ammeentaa adda addatiin qophaa'uun gurgurtaaf dhiyaachuun tibbana baramaa dheera.

Haa ta'u malees, haalli kun baroota dheeraaf xaaffii madda nyaataa yeroo hundaa ta'ee hin dabalanne ture.

Kunis sababii xaafiin baay'inaafi dheedhiisaatiin kan bitamu ta'eefiidha. Haalli kun ammoo namoota baayinaan bitachu hindandeenyeetti rakkina ta'aa turusaa Qaalkidaan ni dubbatti.

Kanaafuu filmaanni amma isheen qabattee dhiyaatte kunis dhiibbaa gama maallaqaa fi yerootiin tureef furmaata akka ta'u amanti.

Qaalkidaan ogummaan barnoota Yunivarsitii Finfineetii ittiin heebbifamte gaazexessummaa ta'ulleen, wayita kanatti dhaabbata daladalaa Royaan keessatti namoota sdeetiif carraa uumu dandeesse jirti.

Omisha xaafii lammiileen Itoophiyaa miliyoona ta'an barbaadamuuf qopheessanii dhiyeessuun gahee jireenya deegaru qabaata jetti, Qaalkidaan.

''Xaaffii barbaacha lafa gabaa dhaquu ykn mana baaburaatti yeroo koo gubuu hinbarbaadu ani. Kaafan warra barbaadaniif akkuma waan saamunaa suqii bitatanii deebii'aniitti xaafiis akka bitataniis qoppheessaa kanan jiru. Amma isaan barbaadaniin akka argataniif carraa qopheessaafiin jiras,'' jetti.

Dhaabbanni omisha akka Qaalkiidaan hundeessite kana dhiyyeessanii babal'isuuf dhimmi murteessaan itti gaafatmummaa fudhachuudha.

'Haalli akkasii kunis omishoota nyaataa bitan irratti amantaa akka qabaatan taasisa. Anis qulqullina omisha dhiyeessuuf itti gaafatamummaan fudhadha,'' jechuun ibsiti.

Waggaa tokkoon dura Finfinneetti xaafii waliin waan biraa maku isaantiin to'annaa jala oluunsaanii ni yaadatama.

Rakkina maaltu mudaatee laata?

''Tibban hojii eegaleetti gosoota xaaffii addaan baasanee hinbeekun ture. Hunda caalaa kan natti cime ammoo dalaaloota xaafii waliin hojachu ture.

Kanaafis faalli isaa, bakka dhiyeessitiin xaafii gaariin itti argamutti mankuusaa kireefachuun kallattiin qonnaan bulaa irraa betee yoo barbaachisu gara Finfinneetti fiduudha,'' jetti.

Shamarreen kunis dhaabbata isheetiif karoora guddaa qabdi. ''Xaafiin Itoophiyaan alatti baay'ee barbaadamaa waan dhuufeef daldala kiyyaaf kun carraa gaariidha. Carraan yoo mijatee ammoo yeroo gabaabaa keessatti daaku xaafii gara biyya laatti erguuf karooran qaba,'' jetti.

Qabiyyee nyaatasaa

Xaafiin qabiyyee fayyummaaf ofi keesstti hamateen kan ka'ees, bakka baay'eetti filatamaa ta'aa jira. Dhimmoota xaafiin akka jaalatamu taasisan keessa tokko 'gulutan' irra bilisa ta'usaati.

Akkasumas pirotiiniifi kaalshiyemiin kan badhaadhee waan ta'eef ni barbaadama. Sababii kanaafu, buddeenni kutaa adduunyaa garaa garatti beekamaa dhufaa jira.

Haa ta'u malee namoonni aadaafi dudhaa irraa ka'uun buddeen bitachuurra ofiin tolchanii nyaachu filatu. Kanaafuu hojiin bittaa Xaafiitii kaasee hanga qopheessu, daaksisuufi tolchanii dhiyeessu jiru dubartootuma irraa eegama.

Kanaafuu, Qaalkidaanis hojiin ishee hojachaa jirtu kun hojii nyaata xaafii qopheessuu dubartootaaf akka waldhakkaan hir'isuuf hamati.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan