Yaadannoowwan Gamtaa Sooviyeet durii ija lammiilee Itoophiyaatiin

Obbo Ayaalneh Mulatu ogganaa biyyattii Mangsitu Haayilamaariyaam waliin
Goodayyaa suuraa Obbo Ayaalneh Mulaatuu ogganaa biyyattii Mangistuu Haayilamaariyaam waliin hojii turjumaanaa irratti

Waggoota kurnan sadiifi afran darban keessa walitti dhufeenyi Itoophiyaafi Gamtaa Sooviyeet jidduu ture baayyee cimaa akka ture ragaaleen ni mul'isu.

Keessattuu bara ilaalchi soshaalummaa sadarkaa addunyaatti wayita baballatee sanattis walitti dhufeenyi Gamtaa Sooviyeetiifi Itoophiyaan qaban cimaa ta'uu ragaaleen ni mul'isu.

Kanumaan kan walqabatees, sidaawwan ilaalcha Maarkisi fi Leeniin mul'isan biyyattii keessatti akka yaadannootti dhaabbataniiru.

Kana qofaas osoo hintaane, barreeffamoonnii baayyeen waa'ee warraaqsa, dhiibbaa fi qabsoo Ruusiyaa ykn waa'ee aadaa waliin galaa dubbatan hedduunis Itoophiyaa keessatti baay'inaan argamu turan.

Isaanis irra caalli kan lammiilee Itoophiyaa bara sana keessa gara Gamtaa Sooviyeet deemuun carraa barnootaa argataniin kan barraa'aniifi hiikaman turan. Namoota Ruusiyaatti baratan keessaa barreessa beekamoo Ayaalnah Mulaatu ni argamu.

Obbo Ayaalnah waa'ee ogbarruu barachuuf gara Mooskootti kan qajeelan bara 1962 akka ture BBCtti himaniiru.

''Carraan barnoota biyyaa Ameerikaas ture. Garuu waldaa barreessitootaa irraa Mangistuu Lammaa maallaqa argachuu yoo barbaadde gara Ameerikaa biyya kaappitaalistii taatee, ykn barnootaa kan feetu yoo ta'e gara gamtaa Sooviyeeet akkan deemu na gorsan,'' jechuun attamiin gara sana akka deeman dubbatu.

Achi wayita gahanittis, akaakayyuun Aleeksaandar Pushikiin dhiigaan Itoophiyaa/Ertiraa waan turaniif haalaan simatamusaanii ni yaadatu.

Isaan boodas torbanitti al lama sagantaa raadiyoo dhaabbata raadiyo Mooskootti argamutti dhiyeessuuf carraan kennameefi ture.

Pushikiinis waa'ee akaakayyuu isaa 'Za Nigroo of Piitar Za Gireet' jechuun barreefamaan kaa'anii jiru.

Image copyright YAMIL LAGE

Dhimmoota erga achi gahaniin booda isaan dinqisiise keessaa tokko haala jireenyaa isaanii tokkodha.

''Hundumtuu qabeenya dhuunfaa kan jedhamu hinqaban ture,'' kan jedhan Obbo Mulaatuun, haalicha baruuf yeroo itti fudhachuu dubbatu. Fakkeenyaaf, barataa hayyama isaa malee shamiizii isaa uffannaan aaree maaliif akka jalaa uffate yoo gaafatu, 'maaliif aarta kan koo waan hin miiccamneef. Kan koo yoo miccameetti uffachuu dandeessa,' akka jedheen ni yaadatu.

Ilaalchi kaappitaalistii 'qabeenyaa kuusuu' jedhu mormuun 'wanti booruuf olkaawwatan hinturre' jedhu.

Dhaadannoo eenyumtuu fedhiiwwan bu'uuraa guuttachuu qaba jedhuun, nyaanni rakasa ta'usaafi barnoonniifi wal'aansi bilisa akka ture ni dubbatu.

Haa ta'u malees, namoota akka Obbo Ayyaalnah amantaa isaanii cimsaniif jireenyi Mooskoo salphaa akka hinturre illeen ni yaadatu. Sababiin isaas, bara sana keessa amantaa cimsuun akka hadooduutti fudhatama waan tureefi.

Kana malees, qabsoo Ruusiyaatiin urjii diimaan suun 'gara waaqaatti agarsiiftii' jechuu isaaniitiin, namoonni baayyeen nahuu isaanii ni dubbatu. Kunis waa'ee amantaa akkasiin fulduratti dubbachuun bara gonkumaa dhorkaa itti tureedha.

Bara sanattis barattoonni lammii Itoophiyaa baay'inaan waan turaniif, biyyasiitti waldaa qabu turan. Akkasumas miseensa waldaa barattoota Awuroppaas akka turan illeen ni yaadata.

Erga mucaan isaanii Ruusiyaatti dhalateen boodas, akkayyoon mucichaa kan turan Baabushikaan haalaan kunuunsaa akka turan ni yaadatu. Waa'ee gaarummaa isaaniilleen dubbachuun kan hinquufne Obbo Ayaalnah, ammallee bara dullumaa isaanii achi deebii'uun osoo dabarsanii akka gammadan ibsu.

Goodayyaa suuraa Pirofeessar Baqala Makoonniin

Pirofeessar Baqqala Makoonniin ammoo Obboo Ayaalnah booda waggoota 20n gara biyya sanaa dhaqan ammoo yaadannoo gara biraa akka qaban dubbatu.

Bara isaan gara sana deemanitti, yeroo itti gamtaan Sooviyeet itti balaaleffamaa tureedha.

Biyya keessattis yoo ta'e, bara sana keessa ture dargiin sishaalisiitiidha jechuu kan ofii moggaasees, namoota baayyee ukkamsuun hidhaafi ajjeessan kan ture. Isaanis gara Ruusiyaa deemuuf kan fedhaniif haaluma biyya keessa ture sana baqqachuuf akka ture dubbatu.

Yaaddoon isaaniis guyyaa jalqabaatiin eegalu. Qorri cimaan waan natti dhagahameef waanan sibiila urgeeffadhu natti fakkaate jedhu Obbo Baqqalaan.

''Ergan achi gahees, waan hundumaa ija shakkiinan ilaala ture. Afaan Rusikii yoon baradhu mataasaa akka waan afaan Ingilifaa beeku na harkaa balleessuuf yaalanii natti fakkaata ture,'' jedhu.

Biyyattii keessatti bilisummaan sirnicha moormu waan hinturreef, kan faallaa kanaa dhaabbatu ammoo gara Saayibeeriyaatti akka geeffaman illeen ni dubbatu.

Kana malees, haalli siyaasichaa baayyee cimaa waan tureef, hundumtuu wal basaasa ture. Barri kan haatii warraa abbaa warraa ishee itti basaastu ture.

Haa ta'u malee aadaan ogbarruu fi dubbifannaa isaanii baayyee ajaa'ibaa akka tureelleen ni yaadatu.

Itti aansuunis erga oggansa Booriis Yalsiiniin ilaalchi soshaalistii kufeen booda, jibbi gurraachotaa baayyachaa dhufuuf garuu ifatti miidhaan akka hinturre dubbatu.

Turtii isaanii waggoota jahaatiin Mooskoo baayyee jaalachuu baatan illeen, yaadannoowwan gaarii baayyee akka qaban dubbatu.

Odeessa kana irratti dabalata