Magaalaan Harar ykn Jagool suuraaleen yoo ibsamtu

Magaalaan Harar magaalaa Jagool jedhamuun beekamti. Magaaloota addunyaa lafa xiqqaa irratti hawwattoota tuurizimii hedduu qaban keessaa tokko dha. Seenaan magaalattii waggoota 1,000 ol lakkoofsisan, qabeenyi hambaalee qabdu akka baay'atan taasiseera. Dallaa fi balbaliwwan Jagool, saantimawwan warqee, masjiidawwan umurii dheeraa lakkoofsisan, ijaarsi manaa fi ogummaa harkaa garaa garaa hawwattoota tuurizimii magaalattii keessaa muraasa. Har'aafis suuraawwan qabeenya aadaa fi seenaa magaalaa Harar agarsiisan keessaa muraasni kunooti.

1. God-haambaa Artar Raamboo: God-hambaan kunis maqaa barreessaa biyya Faraansaay Artar Raamboo'n moggaafame. Galmichis kutaalee suuraa magaalaa Harar waggoota dheeraan dura kaafaman mul'isaniifi barreeffamoota qorannoo magaalattii irratti xiyyeefachuun adeemsifaman qabateera. Artar Raamboo bara 1880tti gara magaalaa Harar dhaquun turtiisaa waggoota 11 keessattis suuraawwan magaalattii kan ammaa waggoota 120 ol lakkoofsisan hedduu kaaseera. Ijaarsi God-hambaa kanaas nama biyya Hindii Jiwaaji jedhamuun akka raawwatame maddeen ni mul'isu.

2. Aflaalaa Wuuffaa: Meeshaaleen suphee irrraa hojjataman kunneen lakkoofsaan afur yoo ta'an, mana jireenyaa ummata Harariitti tartiibaan kaa'amu. Tokkoon tokkoon isaanis faayidaa mataa mataa qabu. Inni jalqabaa 'baankii haadhaa' jedhamuun beekama. Kan abbaan warraa maallaqa baasii manaatiif oolu haadha warraasaaf keessa kaa'udha. Inni lammataa qorichawwan aadaa gosa garaagaraa teessisuuf kan ooluudha. Inni saddaffaan ammoo sanyii qorichaawwanii fi midhaanii kaa'uuf gargaara. Meeshaan inni afraffaan ragaalee kanneen akka gibiraa fi lafaa olkaa'uuf kan fayyaduudha.

3. Qorii Haadhaa: Meeshaan aadaa kun yeroo cidhaatiif kan itti tajaajiluudha. Haatii intalashee heerumtee, mana warra soddaatti galteef guyyaa miiccaa hanga deebiitutti nyaatawwan aadaa kanneen akka Zuhuuq, Aqleel, Maqlii fi kan biroo qorii haadhaa kanaan geessiti. Qoriin kun nyaata hanga kiloo giraama 25 ta'u qabachuu danda'a. Namootni nyaata kana geessanis namoota aadaa uummata Hararii beekanii dha. Qoriin mukkeen akka waddeessaa, ittacha fi waatoo irraa hojjetamu kunis, guyyoota muraasa booda kennaa waliin gara mana intalaatii deebi'a.

4. Madabii: Manneen aadaa uummata Hararii keessatti madabiin teessummaa iddoo guddaa qaba. Mana tokko keessattis madabiiwwan shan kan hojatamana yoo ta'u, isaanis gahee namoonni hawaasa keessatti qaban kan agarsiisaniidha. Madabawwan kun beekumsa, umurii fi koorniyaadhaan namootaaf kan qoodamanii dha. Namootni beekumsa amantaa ol'aanaa qaban madabii isa ol ka'aa irra yoo taa'an, abbaan warraa, dubartootni, dargaggootni fi daa'imman madabii teessoo isaaniif qophaa'ee irra taa'u. Madabiiwwan shananis Afaan Adareetiin Amiir Nadab, Gidir Nadab, Xit Nadab, Guuti Nadab fi Gabtiheer jedhamuun beekamu.

5. Qaraa'if kophee mukaa: Kopheen akka jabana ammaatti bifa ammayyaan hojjetamuu osoo hin eegaliin dura ummanni Hararii kopheewwan muka fi gogaa irraa hojjetaman fayyadamaa turan. Kopheen muka irraa hojjatame mana keessatti ittiin sosocha'uuf kan tajaajilu yoo ta'u, kan gogaa irraa hojjatame ammoo karaa dheeraa deemuu fi hojii hojjechuuf tajaajila.

6. Dallaa Jagool: Dallaan Jagool bara 1551/52 akka ijaarame ragaaleen seenaa agarsiisu. Dallaan kun dheerina lafaa ol meetira 4 yemmuu qabaatu, furdinni isaa immoo seentimeetira 50-75 ta'a. Mootii/ Amir Nur Bin Mujaahid nama dallaa kana ijaarsise dha jedhama. Balbalawwan shanan dallaan kun qabus kallattiilee bishaan dhiyeenyatti argachuun danda'amutti kan hojjetamanidha.

7. Karra Fal'aanaa: Karri Fal'aanaa balbalawwan dallaan Jagool qabu shan keessaa isa tokko dha. moggaasa balbala kanaas kan kennameef waan gara araddaa Fal'aanaa geessuufi jedhu. Warra Harariitiin ammoo karra Asumiy jedhamuun waamama. Innis laga naannoo balbala kanaatti argamu fi kan haalluu diimaa qabu irraa argateedha. Asum jechuun afaan Harariitiin barbarree jechuu dha waan karrichi kan laga halluu diimaa yookin halluu barbarree fakkaatuu fulleefatuuf.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan