Qubsuma Koo 10: Kanan hawwu hunduu jaalalaafi kabajaan waliin akka jiraatuufi

Dr. Faqaadu Kabadaa Image copyright FEKADU KEBEDE
Goodayyaa suuraa Dr. Faqaadu Kabbada wayita hojii irra jiran

Maqaan koo Faqaaduu jedhama. Gara magaalaa amma jiru kana osoon hin dhufiin dura, biyyan baqatummaan jalaqaba dhaqee Fiinlaand Helisiinkii keessa waggoota 14 jiraadhee jira.

Dhabbata fayyaa Yukireen, Kiriim jedhamu keessatti ogummaa fayyaa barachuun Filaandiitti seera qabeessa kanan taasifadhe bu'aa bahii baayyeen booda ture. Hanga ammaattisa ni akka doktooraatti, haati manaa koo immo akka nursiitti ogummaa walaansaa hojjechaa jirra.

Bara 1990 keessa Isipeshaalezummaa baradhee ergan xumureen booda barnoota ijoollee keenyaaf gaariidha waan jedhameef jireenya keenya waggaa 14 Istokholmii buqifachuun gara Siwiidiinitti qaxxaamurre.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Siwiidiin keessatti buufata doonii''Gaamoolaa Istaan'' jedhamuun beekamuudha

Umurii dargagguummaa kiyya keessaa waggoota 27 biyya alaatti dabarsu illeen, namni kamiyyuu bakka itti dhalatee akka hiraanfachuun nan beeka. Wayitan waa'ee Itoophiyaa yaaduus hagam akka Siwiidiin waliin addaa addummaa qaban nan hubadha.

Adda addummaan kunis tasumaa waliin madaalamu kan hindandeenyeedha. Siwiidiin misooma bu'uuraa haalaan guddate qabdi.

Dhimmoonni jireenya namaa mijeesanii fi waan fedhii guuttachuuf dandeesisan baayyee qabdi. Fakkeenyaaf, lafa hojiitii boqoonnaa hanga torban shanii ta'u waggaa waggaatti namoota hundaaf kennama. Akkasumas, maatiin tokko mucaa yoo argatu haadhaa fi abbaa warraaf walqixa boqonnaa ji'a ja'aatu kennama.

Abbaan manaa yoo barbaade ji'a sadii of irra hir'isee hadha warra isaaf kennu illeen danda'a. Haalli jireenyaa as jiru karaa addaa addaa kan adda bahu yoo ta'elle, karaa baay'ee jiruu fi jireenya namaa salphisuuf itti yaadame kan godhamu waan ta'eef baay'ee na gammachiisa.

Image copyright FEKADU KEBEDE
Goodayyaa suuraa ''Osoon yeroo hundaa budeena nyaadhe nan nufiisiisu''

Biyyaa ergan bahe jalqabee osoon guyyaa guyyaatti buddeena nyaadhe hinnuffu. Guyyaa ayyaana waggaa eegne utuu hintaanee yeroo yerootti buddeenaafi ittoo qopheefanne nyaanna.

Dhimmi na ajaa'ibsiisu suuqiwwan lammiilee Itoophiyaa irra dhufanii ogganaman keesstti ittoon goosa addaa addaa, barbarree fi buddeenni jiraachuu isaati. Waggoota murasa dura waanti hunduu biyya irraa dhufa ture. Kana birattis gatiin isaanii iyyuu baayyee mi'aa ture.

Amma garuu dorgoomiin giddu isaanii waan jiruuf, gatii rakasa ta'een arganna. Kanaafu nyaataa aadaa argachuuf biyyaa fichisiisuus ta'e gara mana nyaata deemuun barbaachisaa miti.

Image copyright FEKADU KEBEDE
Goodayyaa suuraa Irbaata ruuzii irraa hojjetame, foon hindaaqoo fi salaaxaa waliin

Buddeena akkan barbaadu argadhu iyyuu biyya koo garuu baayyeen yaada. Keessattuu walitti qabamuun maatii yeroo faasikaa sana baay'een yaada. Siwiidiin garuu biyya addaati.

Mana barnootaa fi bakka hojiitti nyaati namaaf kennama. Ijoolleef yeroo ciree, yeroo laaqanaa fi gidduutti maal nyaatu jedhanii yaada'uun hinjiru.

An jireenya kootti ciree ganama nyaadhee hinbeeku. Ganama buuna argannaan nyaata hinbarbaadu. Hojiin wayita natti baay'atu ammo utuun hin nyaatiin guyyaan oolu baay'eedha. Guyyaan nyaadhu ammo bakka hojiitii kan naaf dhihaatu keessaa ruuzii foon hindaaqoon yookaan qurxummii fi kuduraa waliinan nyaadha.

Yeroo tokko tokko gaafan yaada kuusu manni keenyaa lafa ol ka'aa irra waan jiruuf karaa foddaa ala ilaaluun jaaladha. Ganama ganama ijoolleen keenya gara mana baarnootaatti wayita deeman daandii maal fakkaata jechuun karaa fooddaa ala ilaaluun baay'ee na gammachiisa.

Image copyright FEKADU KEBEDE
Goodayyaa suuraa Fooddaa manaa kanaan ala ittiin ilaalu

Siwiidiin keessatti waan lamatuu baay'ee akkan gammadu na godha. Mucaan keenya isheen hangafaa waggaa 18 guutte oggummaa walaansa ilkaanii barachuuf karaa irra waan jirtuuf baay'een gammada.

Inni lammaffaan oduu nama naasisu ta'uyyu, waan gaariitti waan naaf geedarameef heddu na gammachiisa. Hojii irra utuun jiru ture kan bilbilaan akkan oduun kun na qaqabe.

Ulfa kan taate hata warraankoo daandii lafa jala deemu keessa konkoolaataa osoo offtuu eessa dhufuun isaa kan hinbeekamne konkolaataan fe'umsaa guddaa tokkon balaan irra gahe. Akkamiin akka rukkutamte, maal akka irra gahe, ulfi garaa ishee keessaa maal akka mudate hunda utuun hinbeekiin gara hospitaala natti himamee deeme.

Halkanuma sana hati warraan koos ta'e garaa ishee keessa mucaan turte fayya ta'uun isaanii mirkanaaa'uun harka wal qabanne gara manatti galle. Mucaan yeroo sana balaa kanarra hafte erga dhalatte wagga 11 taateetti.

Image copyright FEKADU KEBEDE

Biyya kan na yaadachiisu waanti hedduun yoo hinjiraanelle, torbee torbeen waanan Itoophiyaa dhaqee deebii'u natti fakkaata. Waldaa Kiristaanaa hin oollu. Haalli achitti ta'u anaaf hadha warraakoo yaadaan gara biyya keenyaa wayita nu geessuu, ijoollee keenya ammoo biyya ofii hinbeekne akka yaadan isaan godha.

Sagantaan waldaa dhumee ciree waldaan kennamu sana wayita ijoolleen daaboo shaayi keessa cuuphxee yeroo nyaata arguun bara ijoollummaa koo na yaadachiisa.

Yeroo tokkoo tokko baay'ina keenyaa waliin kan wal madaalu jabina waan hinqabneef baay'een gadda.

Maal hawwita jedhamee yoon gaafatame deebiisuun salphaa ta'elleen ani garuu kanan hawwuu hundu waljaalalaafi wal kanajaan waliin akka jiraatuudha, jedha.

Gara isa duur itti gudadheetti deebi'uun barbaada. Keessattu waggaa 8'f kanan baradhe mana barnootaa Masarata Hiyooti Safara Geejjaa jedhamutti argamutti ture. Sadarkaan amma irra gaheef bu'uura kootii yoon jedhee dubbii harbeessuu natti hinta'u.

Beekumsan argadheen alattis barattoonniifi barsiftoonni kiyyasagalee waaqaatiin akkan barnoota koo irratti xiyyeefadhu na gargaaraniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan