Konteeyinaroota fayyadamuun akkamiin eegale?

Koonteeyinaroota fe'umsa eeggatan Image copyright Getty Images

Jalqaba 1960 keessa daldalli meeshaalee oomisha waliigalaa yookan GDP adduunyaa keessaa %20 qofa ture.

Amma, naannoo %50 jira - garuu qaamni hundi kanaan gammadaa miti.

Mareen daldalaa taasifaman, waliigaltee daldaalaan dabaalamanii gara tarsiimoo 'gilobaalaayizeeshiniitti' - yookiinis gara ilaalcha siyaasaatti kan goranidha.

Garuummoo, 'giloobaalaayizeeshiniin' caalaatti lafa akka bu'uuf kan gumaate waliigaltee daldala bilisaa osoo hin taane, kalaqa salphaa: qabata yookaan 'koonteeyinarii' meeshaalee dooniirraa ta'uu mala.

Saanduqa sibilaati, meetira 2.4 bal'ata, akkasumas meetira 2.6 kan ol dheeratu fi meetira 12 ammoo lafarra kan diriiru ta'us, gaheen inni qabu guddaa dha.

Mala durii

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Meeshaaleen qabata mukaatiin humna namaatiin fe'amaa turani

Bara 1954tti Dooniin guddaan 'the SS Wooriyar' jedhamu Jarman irraa gara Niiw Yoorkitti meeshaalee kan akka nyaata, meeshaalee manaa, xalayoota, fi konkolaataa toonii 5,000 ol ta'u fe'ee deema ture. Dooniin kunis meeshaalee kunneen akka meeshaa 194,582tti ture qofaa qofaatti kan fe'e.

Meeshaaleen erga man-kuusaa galanii booda hordofuun mata bowwoo ture. Rakkoon hunda caalu garuu, gara dooniitti fe'uu ture. Hojjattoonni baattoo mukarraa hojjatameen riqicha qarqara bishaanii jirurra kaa'u.

Baattoon mukaa sunis akka bishaanirratti hin sigigaanneef of eeggannoo guddaa fi ogummaa gaariidhaan fe'ama.

Maashinoonni fe'umsaa jiraatanus, hojiin baay'een garuu kan hojjatamaa ture humna namaatiini. Kunis hojii balaa qabu ture, buufattoota gurguddootti torban muraasatti namni ni du'a ture.

Qorattoonni imala doonii 'SS Wooriyar' qoratan akka ibsanitti, dooniin kun meeshaalee fe'uu fi buusuuf guyyoota 10 itti fudhata ture, kunis guyyoota Garba Atilaantiikiin qaxxaamuruuf itti fudhateen walqixa dha.

Maallaqa har'aatiin, meeshaan toonii tokko $420 kaffalchiisa ture, meeshaan tokko xumura imalaa ga'uuf hanga ji'oota 3 fudhata, kanaaf malli gaariin barbaachisaa ture.

Fedhii Guddaa

Image copyright Maersk
Goodayyaa suuraa Maalkoom MaakLiin koonteeyinaroonni hagam dooniif akka barbaachisan hubate

Meeshaalee hunda saanduqa sadarkaa qabu keessa kaawwatanii imaluuf fedhiin guddan ture, saanduqa sanas hojjachuun ulfaataa hin turre - waggoota hedduufis yaalameera.

Rakkoon inni guddaan danqaa dhaabbilee irraa dhufu furuu ture, fakkeenyaaf, dhaabbileen konkolaattota gurguddoo dhiheessan, dhaabbileen doonii, fi buufataaleen doonii sadarkaa hangaatiin walii galuu diduu malu.

Achiis gamtaaleen hojjettoota buufataalee doonii fi seera baastonni Ameerikaa yaada kana hojiirra oolchuuf cimsanii hojjatani.

Carraa ilaallachuu

Image copyright Maersk

Namni akka kalaqaa qabata/'koonteeyinara' meeshaalee ammayyawaa dooniif tajaajilu hojjate, Maalkoom MaakLiin jedhama. Namichi waa'ee doonii beekumsa omaa qabaachuu baatus, hoji uumaa konkolaattota fe'umsaa ture.

MaakLiin jalqaba qaawwa seeraa banametti fayyadamuun dhaabbilee doonii fi konkolaattotaa dhuunfate, achiis hojjattoonni mormii hojii dhaabuu yoo taasisan, yeroo mijataa kanatti fayyadamuun dooniiwwan dullooman 'koonteeyinaroota' haaraaf akka ta'anitti sirreesse.

Garuu fonqolchi cimaan bara 1960 keessa yoo taasifamu, MaakLiin yaada 'koonteeyinarii' kana maamila guddaa kan ture Waraana Ameerikaatti gurgure.

'Sirba dirqii'/Dirqii waraanaa

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Koonteeyinaroonni hojii deddeebisa meeshaalee baay'ee salphisani

Gara lola viyeetinaamitti meeshaalee deddeebisuun rakkoo guddaa kan itti ta'e Waraanni Ameerikaa, dirqamaan Doonii koonteeyinaraa MaakLiinitti deebi'e.

Koonteeyinaroonni iddoo haalli mijataan jirutti sirriitti tajaajilu, himni waraanaa US ammoo kana sirriitti hojiirra oolcheera.

MaakLiin yoo Viyeetinaamii deebi'u harka duwwaa hin turre, meeshaalee konkolaataa fe'umsaaf ta'an biyya diinagdeen guddachaa turte Jaappaan irraa fe'atee deebi'e.

Achumaanis 'daldalli Tiraansi Paasifiik' eegalame.

Mala haaraa

Dooniin koonteeyinarii giddu-galeessillee kan 'SS Wooriiyar' qabatu harka 20 caalaa baachuu kan danda'a yoo ta'u, meeshaalee sunneen buusuufis guyyoota osoo hin taane sa'aatiiwwan muraasni gahaa dha.

Haalli koonteeyinaroonni itti fe'amanii buufaman koompiitaraawaa dha. Kunis sadarkaa idil adduunyaatiin sochii isaanii toa'chuun kan geggeeffamu dha.

'Kireeniin'/maashinni koonteeyinara tokko buusee gara konkolaataatti fe'ee ofirra osoo hin deebi'in koonteeyinara duwwaa fe'atee deebi'a, tokko buusee tokko fe'ee deebi'a jechuudha.

Iddoon hundi bu'aa 'koonteeyinaraatti fayyadamuu baatanus, buufataaleen baay'achaa yeroo jiran kanatti, miini haala amansiisaa fi gatii salphaa ta'een deddeebi'uu danda'a.

Bara 1954tti $420 maamilli tokko meeshaa toonii tokkoof kaffalaa ture mannaa, tarii amma $50 gadiin deddeebifachuu danda'a.

Ogeessonni diinagdee daldala adduunyaa qoratan, gatiin gejjibaa zeeroo dha (bilisa) yoo jedhan, galanni 'koonteeyinarii dooniif' haa ta'uutii herreega salphisa jedhaniis dubbatu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan