Baatii Sadaasaa maaliif balfaan ulu?

balfa gubuu fi sadaasa 12
Goodayyaa suuraa Namni hunduu karra isaa fuulduratti balfa walitti qabee guba.

Waggaa waggaan ALI Sadaasa 12 kutaalee Itoophiyaa hedduu keessatti namootni balfa gara garaa walitti qabuun karra isaanii fuulduratti gubuu barsiifata godhatanii jiru.

Gochi kun erga eegalee jaarraa tokko guutuuf ganna tokko qofaatu hafa. Sadaasa uluu yookan 'Hidaar sittaaxxan' jedhamees beekama.

Akkamiin eegale?

ALA bara 1918 weerara dhukkubni infuleenzaa 'Spanish flu' jedhamu addunyaa mudatee, keessumaa biyyoota lixaa keessatti namoota miliyoona hedduu galaafate.

Dhukkubni kun Itoophiyaa keessattis namoota kumaatamaan lakkaa'aman yoo ajjeesu moggaasni gara garaas kennameefii ture jedhu qorattoonni seenaa.

"Weerarri dhukkubichaa erga daandiin baaburaa Jabuutii-Finfinnee bara 1917 hojii eegalee booda waan mudateef, baaburatu nutti fide jechuun, uummatni 'dhukkuba baaburaa' jedhee waama, bakka kaanitti ammoo baatii dhukkubichi namoota baay'ee itti ajjeeseen 'dhukkuba Sadaasaa' jedhamees ni waamamaa," jedhu Yuun. Finfinneetti barsiisaan seenaa obbo Abebaaw Ayyaaleewu.

Dhukkubni kun gaafa Sadaasa 12 bara 1917 Finfinnee keessatti qofa namoota 6000 ol akka ajjeese himama. Kanaaf jecha gorsa haakimoota biyya Jarmaniitiin namni hunduu balfa mana isaa jiru baasee akka gubu labsiin labsame jedhu obbo Abebaaw.

"Yeroo booda dhukkubichi waan aaraa balfaa itti ulleef yookan qoraasneef bade jechuun, moggaasni 'Hidar sittaxxan', Sadaasni yoo ulamu jedhu kennameefii waggaa waggaan namni hunduu balfa mana isaa fuulduratti walitti qabee gubuun barsiifata ta'e," jedhan.

Kunis bakka tokko tokkotti dhukkubichi qulqullina naannoo eeguu dhabuun dhufa jedhamee waan yaadamuuf naannoo qulqulleessuuf yoo ta'u, bakka biraatti dhukkubichi qilleensaan darba jedhamee waan yaadamuuf qilleensa akka uluutti fudhatamas jedhan.

Naannoo qulqulleessa moo qilleensa faala?

Waggaa waggaan gaafa sadaasa 12 magaalonni biyyattii hedduun aaraan haguugamanii mul'atu.

Goodayyaa suuraa Sadaasa 12, Magaalaan Finfinnee aaraan uwwifamtee

Gochi kun balfa dhabamsiisuufi qulqullina naannoof barbaachisaa ta'ullee, jijjiirama qilleensaa hammeessuu keessatti qooda salphaa hin jedhamne qaba jedhu ogeeyyiin.

"Wantoonni balfa gubatan sana keessatti argaman pilaastikii, dhagaa baatirii fi keemikaalota akka Haayidiroofilooroo Kaarbon, Miiteenii fi Karbon Monoksaayidii kan of keessaa qaban yoo ta'e gumaachi isaan jijjiirama qilleensaa keessatti qaban olaanaa ta'a," jedhu Jiddugala Agiroofoorestirii Addunyaatti, ogeessi dhimma jijjiirama qilleensaa Dr. Lalisaa Dhugumaa.

Dhibbaan gochi kun jijjiirama qilleensaa irratti qabu garuu hamma balfa gubatuu fi bakka baay'inaan gochichi itti raawwatamu irratti hundaa'as jedhu.

"Baadiyyaa yoo ta'e wanti gubatu irra caalaan waanuma uumamaan argamuu fi naannoo hin faalledha, magaalaa yoo ta'e garuu pilaastikii fi oomisha keemikaalota adda addaa waan qabaatuuf hagasuma miidhaan isaas dabala," jedhu.

Barsiifatni kun dhiibbaa jijjiirama qilleensa irratti fiduun yeroo gara garaatti qeeqamaa hafaa jira.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan