Attamiin ujjummoon dachaa 'S' mana fincaanii ammayyaa hojjachuu akka salphisee

Dachaa-S, kan mana fincaanii bishaaniin hojjetuu. Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Mana Fincaanii bishaaniin hojjetuu fi dachaa-S

Ujummoo dabaan manni fincaanii bishaaniin akka hojjeetu kun erga kalaqame waggoonni 250 darban iyyuu, namoonni hedduun amma iyyuu itti fayyadamoo hin taane.

Kalaqa yookaan dhalachuu mana fincaanii hammayyaa kana ilaalchisee namicha Landan keessatti sa'aatii hojjataa turetu galateeffamu qaba.

Kalaqni inni jaarraa 18ffa keesssa kalaqe kun - ujjummoo bishaanii dabsuun - mana fincaanii bishaaniin hojjetu - akkasumas eegumsa qulqullina uummataaf akka ooluuf rakkoo fala dhabee ture furmaata akka argatu godheera.

Haa ta'u malee, jaarraa lamaaf walakkaa booda, namoonni biliyoonii lama ol ta'an, ammallee mana fincaanii bu'uraa ta'ellee hin qabani.

Tekinoloojiin kunis akka guddatuuf gummaacha godheera; namoonni mana fincaanii akka qabaatan ilaalchisee garuu hanga ammaatti rakkoon ni jira.

Image copyright Alamy
Goodayyaa suuraa Aleksaandar Kumiing kan argame dachaa-S, guddina mana fincaanii bishaaniin hojjetu keessatti kalaqa olaanadha

Akkamiin ta'u danda'e?

Aleksaandeer Kuumiing injinaara mana fincaanii qofa hinturre; hojiin kalaqa isaa irra caalaa kan hammayyawan turan.

Namni kun jalqaba irratti Mooticha Inglaand kan ture Joorji III 'n mudamuun meeshaa dhiibbaa qilleensaa galmeessu akka hojjetu wayita ajajameetti, achumaanis meeshaa 'microton' jedhamuu fi muka baay'ee shifeessuun baqaqsee mayikiroskoopii (Shifargaa) jalatti akka qoratamu gochuu kan danda'u kalaqe.

Haa ta'u malee, kalaqa adduunyaa jijjiire kana wayita hojateetti, ogummaa isa injinaraa walxaxaa fayyadamuun utuu hintaanee ujummoo xiqqoo tokko dabsuun golee itti baasuun ture.

Kalaqa dachaa 'S' bara 1775 keessa kalaqame ilaalchisee, mirga abbeentaa itti fudhatera. Kunis kanaan dura waan hir'ate sana akka guutamu gochuun mana fincaanii bishaaniin hojjetu fi qulqullina naannoo mirkaneesse akka jiraatu godhe.

Haala salphaa ta'ee

Manni finacaanii bishaaniin hojjetu jalqabarratti mudaa foolii irraa ka'een fudhatama dhabee ture. Daandiin ujummoon fincaanii fi bobbaatii namaa miicee gara booyii lafa jalaatti geessu sun ajaan isaa akka ol hin deebineef kan ukkaamussuu danda'u waan hinturreef, foolii jabaa ol deebisa ture.

Furmaanni Kumiing fidees baay'ee salphaa ture: Ujummoo sana bifa ''S'' fakkaatuun dabsuun bishaanni bakka dabaa sana keessaatti akka kuufamu gochuun fooliin akka ol hindeebiine kan dhorku ture.

Wayita mana fincaanii kun itti fayyadaman yeroo hundaa bishaaniin akka miicuuf gad-dhiifamu isaa duraan ture balfaa waliin baasuun haaraan bakka bu'a.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Dabsa-S irrra gara dabsa-U deemuun haaraa uumuu utuu hinta'in yaada dabsa-S irraa kan fudhatameedha

Mala foolii balleessu kana ilaalchisee dabaa bifa- S irra gara bifa-U kan deemame ta'ellee, kan inni irraa madde garuu yaaduma tokkorra ture.

Image copyright Alamy
Goodayyaa suuraa Beeksiisa mana fincaanii bishaaniin hojjetuu kan Toomaas Kraapeer bareechamee hojjeetee.

Bal'inaan hojii irra ooluunsaas suuta jechuun ture: bara 1851'tti, fayyadamni mana fincaanii bishaaniin hojjetuu fi foolii hinqabne kun haaraa fi kabajaa kan namaa kennisiisu ture. Agarsiisa igzibishinii guddicha irrattis namoota heddu kan ajaa'ibsiiseef gammachiise ture. Agarsiisi kunis tekinoloojii hammayyaa fi Kalaqa biyya lafaa irratti beekamoon kan irratti agarsiifame ture.

Mana fincaanii kanatti fayyadamuuf kaffaltiin godhmu ammo ''Peenii (saantima) tokko ture. '' Kunis afaan Inglizii keessatti hanga har'aatti jechi fincaan finca'uu jedhu akka ''Peenii tokko balleessu'' jechuun walfakkeefamu taasiseera.

Jiraattoonni magaalaa Landan keessaa kuma dhibbaan ta'anis, hiriira galuun mana fincaanii kanatti fayyadamuu fi jijirama diriirsa ujjummoo irratti raawwatame ajaa'ibsiifachaa turan.

Image copyright Alamy

Waggoota 190 booda, addunyaa irraa sadi keessa harki lama carraa ''mana qulqulinaa wayyaa'aa'' jedhamutti fayyadamuu danda'aniiru jechuun Dhabbanni Fayyaa Adduunyaa (WHO) ibseera.

Akka WHO'n eerutti, bara 1980 keessa namoota afur keessa harki tokko qofti mana fincaanii wayyaa'aa fayyadama ture irraa kan guddatedha.

Kunis tarkaanfii milkaa'insaa agarsiisadha.

Kafaltii fi dinagdee

Namoonni biliyoona lamaaf walakkaan hanga yoonaatti tajaajila ''mana fincaanii wayyaa'aa ta'e'' argachuu hindandeenye jechuun raawwii hojii gama kanaa hedduu gadi bu'aa akka ta'e agarsiisa.

Manni fincaanii wayya'aan kun 'bobbaatii namootaa adda baasuun nama bira akka hin geenye godha.''

Wayita ammaa kanatti namoota addunyaa kana irra jiraatan keessa walakkaan gaditu sirna qulqulina akkanaa argachuu danda'ee jira.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Balfaa dhangala'aan biyya Keeniyaa naannoo Kibeeraa jedhamutti ujummoo keessa utuu hintaanee booyii banaa keessa deema,

Mata dureewwan walitti dhiyaatan